SEENAA JIREENYAA
Yihowaan ‘Bakka Dhaabamnetti Akka Lalisnu’ Nu Gargaareera
GORSI, ‘Bakka dhaabamtanitti lalisaa’ jedhu gorsa baramaa fakkaachuu dhiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, hiriyoonni gaaʼelaa lammii Siwiidinii Maatsii fi Aankaatriin jedhaman siʼa baayʼee “dhaabamaniiru.” Akkamitti? Gorsi kun kan isaan gargaare hoo akkamitti?
Maatsii fi Aankaatriin bara 1979tti mana barumsaa Giiliyaad galanii barataniiru. Achiis waggoota sana booda turanitti Iraan, Miyaanmaar, Moriishees, Taanzaaniyaa, Ugaandaa fi Zaayeritti “dhaabamaniiru” ykn ramadamaniiru. Gorsa yeroo garaagaraatti yeroo “dhaabaman,” yeroo “buqqifamanii” fi “deebiʼanii dhaabamanitti” isaan gargaare kana kan dhagaʼan, mana barumsaa Giiliyaaditti barsiisaa isaanii Jaak Reedfoordirraa ture. Mee seenaa isaanii nutti haa himan.
Mee dhugaa akkamitti akka dhageessan nutti himaa.
Maatsi: Abbaan koo yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaatti Poolaandi keessa jiraata ture, yeroo kanatti waldaa Kaatolikii keessa fakkeessaa hedduun akka jiru argee ture. Taʼus, yeroo baayʼee, “Dhugaan bakka taʼe tokko jiraachuu qaba!” jedha ture. Anis yeroo booda wanti inni dubbate dhugaa akka taʼe mirkaneeffadheera. Kitaabota moofaa hedduu bitadheen ture. Isaan keessaa inni tokko kitaaba bifa cuquliisaa qabuu fi Dhugaa Jireenya Barabaraatti Geessu! jedhamu ture. Mata dureensaa xiyyeeffannaa koo baayʼee waan harkiseef guyyuman bitadhe galgala guutummaasaa dubbiseen xumure. Borumtaasaa dhugaa akkan argadhe mirkanaaʼaan taʼe!
Ebla 1972 kaasee barreeffama Dhugaa Baatonni Yihowaa qopheessan hedduu dubbiseera. Gaaffiin Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee qabuufis deebii argadheera. Akkuma daldaltuu fakkeenya Yesuus keessatti ibsamee fi callee gatii guddaa qabu erga argatee booda wanta qabu hundumaa gurguree callee sana bitatee akkan taʼe natti dhagaʼame. Anis callee dhugaa isan argadhe bitachuuf galman yunivarsiitii galee doktara taʼuuf qabu “nan gurgure.” (Mat. 13:45, 46) Achiis Muddee 10, 1972ttin cuuphame.
Waggaa tokko keessatti warri koo fi obboleessi koo quxusuunis dhugaa fudhatanii ni cuuphaman. Adoolessa 1973tti tajaajila yeroo guutuun jalqabe. Qajeelchitoota hinaaffaa qabanii fi gumii keenya keessa jiran keessaa obboleettii bareedduun ilaalcha hafuuraa qabduu fi Aankaatriin jedhamtu jirti turte. Achiis wal jaallannee bara 1975tti gaaʼela dhaabbanne. Waggoota arfan sana booda turanitti magaalaa bareedduu Istroomsandi jedhamtuu fi Siwiidin keessatti argamtu keessa jiraanne; magaalaa kana keessa namoonni Kitaaba Qulqulluu barachuu barbaadan hedduun jiru turan.
Aankaatriin: Abbaan koo dhugaa kan dhagaʼee Istookhoolm keessatti barumsa yunivarsiitii xumuruuf yeroo jedhutti ture. Yeroo sanatti daaʼima jiʼa sadiin ture, taʼus abbaan koo walgaʼii fi tajaajila dirree na fuudhee deema ture. Haati koo garuu kanatti waan hin gammanneef Dhugaa Baatonni Yihowaa akka dogoggoran mirkaneessuuf yaalti turte. Garuu ishiidhaaf hin milkoofne; kanaafuu, ishiinis yeroo booda ni cuuphamte. Anis umurii koo 13ttin cuuphame, umurii koo 16ttimmoo qajeelchituu taʼee tajaajiluun jalqabe. Magaalaa Uumeʼoo bakka babalʼistoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisanitti ergan tajaajilee booda qajeelchituu addaan taʼe.
Maatsii fi ani gaaʼela erga dhaabbannee booda namoonni hedduun dhugaa akka baratan gargaarreerra. Isaan keessaa tokko shamarree Meevar jedhamtudha. Meevar galma dorgommii ispoortiirratti hirmaachuuf qabdu dhiistee qajeelchituu taatee obboleettii quxusuu koo wajjin tajaajiluu jalqabde. Bara 1984tti Giiliyaad galanii barachuudhaan Ikuwaadoritti misiyoonota taʼanii tajaajilaa jiru.
Ramaddiin garaagaraa yeroo isiniif kennametti gorsa, “Bakka dhaabamtanitti lalisaa” jedhu hojiirra kan oolchitan akkamitti?
Maatsi: Siʼa baayʼee ramaddii haaraan nuuf kennameera. Haa taʼu malee, wanti jijjiirama nu mudatetti baruuf nu gargaare fakkeenya Yesuus keessumaammoo gad of qabuusaa hordofuuf carraaquu keenyadha. (Qol. 2:6, 7) Fakkeenyaaf, obboloonnii fi obboleettonni wanta tokko karaa nuti barreen akka raawwatan eeguu mannaa, karaa isaan wanta tokko itti raawwatan barachuuf yaalla turre. Ilaalcha isaanii fi aadaa isaanii hubachuu barbaanna turre. Fakkeenya Yesuus caalaatti hordofaa yommuu deemnu, ‘bishaan yaaʼu biratti akka dhaabamnee’ fi bakka ramadamne hundatti akka lalisnu nutti dhagaʼama ture.—Far. 1:2, 3.
Gumiiwwan daawwachuuf imaluun kutaa jireenya keenyaa ture
Aankaatriin: Mukti tokko buqqifamee erga dhaabamee booda guddachuuf ifti aduu isa barbaachisa. Yihowaan yeroo hundumaa “aduu” nuuf taʼeera. (Far. 84:11) Yihowaan obbolootaa fi obboleettota jaalala qabeeyyii taʼan nuuf kennuudhaan nu eebbiseera. Fakkeenyaaf, gumii keenya ishii xinnoo Iraan magaalaa Tehraan keessatti argamtu yeroo turretti obboloonni akkuma namoota durii Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii akka gaariitti nu keessummeessu turan. Iraan keessatti tajaajiluu keenya itti fufuu kan barbaannu taʼus, Adoolessa 1980tti Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyattii keessatti ni dhorkaman. Nutis saʼaatii 48 keessatti biyyattiidhaa akka baanu nutti himame. Achiis Zaayer (yeroo ammaatti Koongoo jedhamti) ishii Afrikaa keessatti argamtutti ramadamne.
Yeroo gammachiisaa Zaayer keessatti dabarsine, 1982tti
Afrikaatti akka ramadamne yeroon jalqaba dhagaʼetti nan booʼe. Afrikaa ilaalchisee waaʼee bofaa fi waaʼee dhukkubaa wantin dhagaʼe na sodaachisee ture. Haa taʼu malee, michoonni koo yeroo dheeraadhaaf achitti tajaajilan lama akkana naan jedhan: “Hin sodaatin, kanaan dura Afrikaa dhaqxee hin beektu, yoo deemte garuu akka ati jaallattu beekna.” Dhugumammoo jaaladheera! Obboloonnii fi obboleettonni jaalalaa fi miira hoʼaa qabu. Waggaa jaʼa booda sababa dhorkaatiin kan kaʼe Zaayerii deemuun nu barbaachisee ture; yeroo kanatti, “Maaloo Yihowaa Afrikaa keessa akka turru godhi” jedhee kadhachaa waanan tureef ofitti seeqaan ture.
Waggoottan kana keessatti yeroo gammachiisaa akkamii dabarsitan?
“Kutaa ciisichaa” keenya Taanzaaniyaa, 1988tti
Maatsi: Misiyoonota lammii fi aadaa garaagaraa qabanii wajjin michummaa cimaa uumuu dandeenyeerra. Ramaddii keenya tokko tokkorratti gammachuu namoota hedduu Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuudhaan argamu dhandhamneerra. Bakka tokko tokkotti, tokkoon tokkoon keenya gara namoota 20 qoʼachiisna turre. Jaalalaa fi gaarummaa obboloonnii fi obboleettonni keenya Afrikaa jiran nutti argisiisan yoomiyyuu hin irraanfadhu. Gumiiwwan Taanzaaniyaa keessa turan yeroo daawwannutti mana obbolootaa bira konkolaataa keenya keessa bulla turre. Obboloonnii fi obboleettonni hiyyeeyyii taʼanis nu keessummeessuuf wanta ‘humna isaanii olii’ godhu turan. (2 Qor. 8:3) Yeroo itti waaʼee oolmaa keenyaa walitti himnu baayʼee jaallanna turre. Galgala galgala anii fi Aankaatriin teenyee waaʼee oolmaa keenyaa walitti himna; akkasumas Yihowaan waan nu wajjin taʼeef isa ni galateeffanna.
Aankaatriin: Wanti baayʼee na gammachiisu miseensa waldaa obbolummaa addunyaa maraa taʼuu kooti. Afaanota haaraa kanneen akka Faarsi, Faransaayi, Lugaandaa fi Suwahilii baranneerra, akkasumas aadaawwan garaagaraatti barreerra. Obbolootaa fi obboleettota haaraa leenjisneerra, michoota haaraas horanneerra, akkasumas isaanii wajjin harka wal qabannee Yihowaa tajaajilleerra.—Sef. 3:9.
Uumamawwan Yihowaa babbareedoo taʼan garaagaraa ilaaluuf carraa arganneerra. Ramaddii haaraan yeroo nuuf kennamu hundumaatti, akkuma Yihowaan bakka haaraa tokko nu daawwachiisaa jirutti nutti dhagaʼama. Wanta ofii keenyaan matumaa barachuu hin dandeenye hedduu nu barsiiseera.
Taanzaaniyaatti naannoo garaagaraatti yeroo tajaajillu
Haalawwan rakkisoon akkamii isin mudateera? Kan dandamattan akkamitti?
Maatsi: Waggoottan darbanitti busaa dabalatee dhukkuboota garaagaraatiin qabamneerra. Aankaatriiniif immoo yeroo garaagaraatti yaaliin baqaqsanii hodhuu godhameera. Waaʼeen warra keenya dulloomaniis nu yaaddessa ture. Taʼus, obbolaawwan keenya warri quxusuun adda durummaadhaan kunuunsa waan isaaniif godhaniif guddaa isaan galateeffanna; warra keenyaaf obsaan, jaalalaa fi gammachuudhaan kunuunsa godhaniiru. (1 Xim. 5:4) Taʼus, fageenyarraa utuu hin taʼin warra keenyatti dhihaannee isaan gargaaruu waan barbaannuuf darbee darbee ni gaddina turre.
Aankaatriin: Bara 1983tti Zaayer keessatti utuu tajaajilaa jirru dhukkuba koleeraa cimaadhaan qabameen ture. Doktarri na yaalaa ture Maatsiin, “Harʼuma biyya kanaa fuudhii deemi” isaan jedhe. Guyyaa itti aanuttis xiyyaara feʼumsaatiin gara Siwiidinitti imalle.
Maatsi: Kana booda misiyoonota taanee tajaajiluu hin dandeenyu jennee waan yaanneef hirqinfannee boonye. Doktarichi Aankaatriin akka hin fayyine kan dubbate taʼus ishiin garuu ni bayyanatte. Waggaa tokko booda gara Zaayeritti deebinee gumii xinnoo Afaan Suwahiliin geggeeffamuu fi Lubumbaashiitti argamutti ramadamne.
Aankaatriin: Lubumbaashii yeroo turretti ulfi narraa baʼe. Ijoollee godhachuuf karoora kan hin qabne taanus, haala kanaan mucaa keenya dhabuu keenyatti baayʼeen gadde. Yeroo ulfaataa ture kanatti Yihowaan kennaa hin eegamne tokko nuuf kenne. Isa kanaan duraa caalaa qoʼattoota Kitaaba Qulqulluu hedduu arganne. Waggaa tokko utuu hin guutin lakkoofsi babalʼistoota keenyaa 35 gara 70tti guddate, lakkoofsi namoota walgaʼiirratti argamanimmoo 40 gara 220tti guddate. Tajaajilaan qabamnee turre, eebbi tajaajilarratti argannes jajjabina guddaa naaf argamsiise. Ammas yeroo baayʼee waaʼee mucaa keenyaa ni yaanna, akkasumas ni haasofna. Yihowaan miidhaa miiraa sababa kanaan nurra gaʼe guutummaatti akkamitti akka fayyisu addunyaa haaraa keessatti arguuf baayʼee hawwina.
Maatsi: Yeroo taʼe tokkotti Aankaatriin baayʼee dadhabdi turte. Animmoo kaansarii marʼimaan guddaa sadarkaa arfaffaarra jiruun akkan qabame beekame. Kanaan kan kaʼe yaalii baqaqsanii hodhuun ulfaataa taʼe na barbaachisee ture. Amma garuu fooyyaʼeera, Aankaatriinis Yihowaa tajaajiluuf wanta dandeessu hunda gochaa jirti.
Rakkina garaagaraa wajjin walʼaansoo kan godhu nu qofa akka hin taane hubanneerra. Duguuggaa sanyii bara 1994tti Ruwaandaa keessatti raawwatame booda obbolootaa fi obboleettota keenya kaampii baqattootaa keessa jiraatan hedduu daawwanneerra. Obboloonni kun haala ulfaataa keessa kan jiran taʼanis amantii akka qaban, jabaatanii akka dhaabbatanii fi keessummaa simachuu akka jaallatan arguun keenya Yihowaan rakkina akkamiiyyuu keessatti sabasaa deggeruu akka dandaʼu nu barsiiseera.—Far. 55:22.
Aankaatriin: Haalli rakkisaan kan biraan kan nu mudate bara 2007tti yeroo waajjirri damee Ugaandaa murteeffametti ture. Sagantaa kanarratti argamuuf deemnee turre. Sagantichi erga xumuramee booda misiyoononnii fi miseensonni maatii Beetel gara 25 taanu gara Keeniyaa magaalaa Naayiroobii deemaa turre. Haa taʼu malee, daangaa Keeniyaa gaʼuu keenya dura konkolaataan tokko daandiisaa gadhiisee atoobisii ittiin deemaa turre rukute. Konkolaachisaan keenyaa fi michoonni keenya shan yeruma sana duʼan; obboleettiin tokkommoo booda hospitaala keessatti duute. Michoota keenya kana deebinee arguudhaaf baayʼee hawwina!—Iyo. 14:13-15.
Anis yeroo booda miidhaa karaa qaamaa narra gaʼerraa nan bayyanadhe. Anii fi Maatsi, akkasumas namoonni nu faana imalaa turan tokko tokko sababii balaa sanaatiin dhiphina cimaadhaan qabamnee turre. Dhiphinni kun halkan hirribaa na dammaqsa, akkasumas akkuma waan dhukkubni onnee na qabee akka natti dhagaʼamu godha ture. Haallisaa nama sodaachisa ture. Haa taʼu malee, cimsinee Yihowaatti kadhannaa dhiheessuun keenya, akkasumas jajjabinni caqasoota jaallannurraa argannu dandamachuuf nu gargaareera. Yaalii fayyaa argachuun keenyas nu gargaareera. Yeroo ammaatti dhiphina nutti dhagaʼamu caalaatti toʼachuu dandeenyeerra. Yihowaan warra rakkina wal fakkaatuu wajjin walʼaansoo godhan jajjabeessuuf akka nu gargaarus yeroo hundumaa ni kadhanna.
Yihowaan haala rakkisaa keessatti akkamitti akka isin gargaare yommuu ibsitu “akkuma hanqaaquutti” akka isin baate dubbatteetta, maal jechuu keeti?
Maatsi: Afaan Suwaahiliitiin jechamni “Akkuma hanqaaquutti baatamne” jedhamu jira. Akkuma namni tokko hanqaaquun tokko akka hin cabne of eeggannoodhaan baatee deemu, Yihowaanis ramaddii keenya hundumaarratti jaalalaan nu deggereera. Yeroo hunda wanta nu barbaachisu qabna, wanta nu barbaachisu caalaallee ni arganna turre. Karaan jaalala Yihowaa fi deggersasaa itti arganne inni tokko gara laafina Qaamni Olaanaan nutti argisiisedha.
Aankaatriin: Fakkeenya Yihowaan akkamitti akka nu deggere ibsu tokko caqasuun barbaada. Gaaf tokko Siwiidinitti abbaan koo baayʼee dhukkubsatee hospitaala galee akka jiru bilbilaan natti himame. Maatsi dhukkuba busaarraa reefuma bayyanachuusaa ture. Maallaqa ittiin deemnu hin qabnu turre; kanaafuu, konkolaataa keenya gurguruuf murteessine. Achiis hiriyoonni gaaʼelaa haala keessa jirru dhagaʼan tokko nuuf bilbilanii tikeetii ittiin deemnu tokko nuuf bituu akka barbaadan nutti himan. Obboleettiin maanguddoon tokkos nuuf bilbilte. Obboleettiin maanguddoon kun saanduqa tokko keessatti maallaqa walitti qabaa turte; saanduqicharrattis, “Nama gargaarsi barbaachisuuf” jettee barreessitee turte. Daqiiqaa muraasa keessatti Yihowaan maallaqa tikeetii kutachuuf nu barbaachisu akka argannu nu gargaare!—Ibr. 13:6.
Waggoottan 50 tajaajila yeroo guutuu keessatti dabarsitan duubatti deebitanii yeroo yaaddan barumsa akkamii argattan?
Miyaanmaar keessatti ramaddii keenya isa haaraa
Aankaatriin: Jabina kan argannu ‘tasgabbaaʼuu fi Yihowaatti amanamuudhaan’ akka taʼe baradheera. Yihowaatti yommuu amanamnu Yihowaan lola keenya kansaa akka taʼetti ilaaluudhaan nuuf lola. (Isa. 30:15; 2 Sen. 20:15, 17) Ramaddii keenya hundumaarratti hamma nuuf dandaʼame Yihowaa tajaajiluudhaan eebba karaa kan biraa kamiiniyyuu argachuun hin dandaʼamne arganneerra.
Maatsi: Barumsin argadhe inni guddaan haala hundumaa keessatti Yihowaatti amanamuu fi naaf jedhee akkamitti tarkaanfii akka fudhatu ilaaluu akkan qabudha. Inni matumaa waadaa gale utuu hin raawwatin hafee hin beeku. (Far. 37:5) Kun dhugaa akka taʼe ramaddii keenya isa ammaarrattis argaa jirra. Yeroo ammaatti Beetel isa Miyaanmaar keessatti argamutti tajaajilla.
Dargaggoonni tajaajila isaanii balʼifachuu barbaadan hedduun jaalala amanamaa Yihowaan nutti argisiise akka dhandhaman ni abdanna. Yihowaan bakka dhaabaman hundumaatti akka lalisan akka isaan gargaaru yoo heyyaman kun akka taʼu hin shakkinu.