GAALEE KITAABA QULQULLUU
Yesuus “Ajajamuu Barateera”
Yesuus yeroo hundumaa Yihowaadhaaf ni ajajama. (Yoh. 8:29) Maarree, Kitaabni Qulqulluun, “Rakkoowwan isa irra gaʼan irraa ajajamuu barateera” kan jedhu maaliifi?—Ibr. 5:8.
Yesuus yeroo lafarra turetti wantoonni samii keessatti isa hin mudanne isa mudataniiru. Warri isa guddisan Waaqayyoof kan bulan taʼanis cubbuu kan dhaalan turan. (Luq. 2:51) Geggeessitoota amantaa gara jabeeyyii fi bulchitoota hamoo taʼan irraa rakkinni isarra gaʼeera. (Mat. 26:59; Mar. 15:15) Akkasumas “gad of qabuudhaan” duʼa suukanneessaa ‘hamma duʼutti ajajamaa taʼeera.’—Filp. 2:8.
Wantoonni kun Yesuus karaa samii keessatti matumaa baratee hin beekneen ajajamuu isa barsiisaniiru. Kanaan kan kaʼes, Mootii mudaa hin qabnee fi Luba Olaanaa nuuf gadduu dandaʼu taʼeera. (Ibr. 4:15; 5:9) Yesuus rakkina isarra gaʼerraa ajajamuu erga baratee booda Yihowaa biratti caalaatti iddoo guddaa qabaateera. Nutis haala rakkisaa keessatti ajajamoo taʼuudhaan Yihowaa biratti caalaatti iddoo guddaa qabaachuu dandeenya; akkasumas ramaddii inni nuuf kennu kamirrattiyyuu buʼa qabeeyyii taʼuu dandeenya.—Yaq. 1:4.