LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Fulbaana ful. 32
  • Yesuus “Ajajamuu Barateera”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yesuus “Ajajamuu Barateera”
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Ajajamuu Barateera”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
  • Yihowaan Abboomamuu Keessaniif Bakka Guddaa Kenna
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
  • ‘Garaa Guutuudhaan’ Akka Abboomamaniif Warra Kaan Gargaaraa
    Tajaajila Mootummaa—2005
  • “Ijoollee! Abboota Keessanii Fi Haadhota Keessaniif Abboomamaa!”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Fulbaana ful. 32

GAALEE KITAABA QULQULLUU

Yesuus “Ajajamuu Barateera”

Yesuus yeroo hundumaa Yihowaadhaaf ni ajajama. (Yoh. 8:29) Maarree, Kitaabni Qulqulluun, “Rakkoowwan isa irra gaʼan irraa ajajamuu barateera” kan jedhu maaliifi?—Ibr. 5:8.

Yesuus yeroo lafarra turetti wantoonni samii keessatti isa hin mudanne isa mudataniiru. Warri isa guddisan Waaqayyoof kan bulan taʼanis cubbuu kan dhaalan turan. (Luq. 2:51) Geggeessitoota amantaa gara jabeeyyii fi bulchitoota hamoo taʼan irraa rakkinni isarra gaʼeera. (Mat. 26:59; Mar. 15:15) Akkasumas “gad of qabuudhaan” duʼa suukanneessaa ‘hamma duʼutti ajajamaa taʼeera.’—Filp. 2:8.

Wantoonni kun Yesuus karaa samii keessatti matumaa baratee hin beekneen ajajamuu isa barsiisaniiru. Kanaan kan kaʼes, Mootii mudaa hin qabnee fi Luba Olaanaa nuuf gadduu dandaʼu taʼeera. (Ibr. 4:15; 5:9) Yesuus rakkina isarra gaʼerraa ajajamuu erga baratee booda Yihowaa biratti caalaatti iddoo guddaa qabaateera. Nutis haala rakkisaa keessatti ajajamoo taʼuudhaan Yihowaa biratti caalaatti iddoo guddaa qabaachuu dandeenya; akkasumas ramaddii inni nuuf kennu kamirrattiyyuu buʼa qabeeyyii taʼuu dandeenya.—Yaq. 1:4.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi