LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Onkoloolessa ful. 6-11
  • Yihowaan Gammachuu Dhugaa Akka Argannu Nu Gargaara

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan Gammachuu Dhugaa Akka Argannu Nu Gargaara
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • MADDA GAMMACHUU DHUGAA
  • WANTI KAMIYYUU GAMMACHUU KEE AKKA SI JALAA BALLEESSU HIN HEYYAMIN
  • Tajaajila Keenyatti Caalaatti Gammaduu kan Dandeenyu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Wanti Ati hin Beekne Akka Jiru Gad Of Qabuudhaan Amanii Fudhadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Kennuudhaan Gammachuu Guddaa Argadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Gammachuu—Amala Waaqayyo Irraa Argannu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Onkoloolessa ful. 6-11

MATA DUREE QOʼANNAA 40

FAARFANNAA 111 Sababa Itti Gammannu

Yihowaan Gammachuu Dhugaa Akka Argannu Nu Gargaara

“ Gara Waaqa isa gammachuu koo isa guddaa taʼetti nan dhufa.”—FAR. 43:4.

YAADA IJOO

Mata dureen kun wanta gammachuu nu dhabsiisuu dandaʼu adda baafachuu fi gammachuu keenya yoo dhabnemmoo akkamitti deebisnee argachuu akka dandeenyu hubachuuf nu gargaara.

1-2. (a) Yeroo harʼaa namoota baayʼeetti miira akkamiitu dhagaʼama? (b) Mata duree kana keessatti maalirratti mariʼanna?

NAMOONNI yeroo harʼaa jiran hedduun gammachuu argachuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhu. Haa taʼu malee, gammachuu dhugaa argachuun abjuu isaanitti taʼeera. Namoonni hedduun miira gaddaatiin liqimfamu, akkasumas haallisaanii matumaa fooyyaʼuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama. Sabni Yihowaas miira akkasiirraa bilisa miti. “Guyyoota dhumaa” keessa waan jiraannuuf, haallii fi miirri dandamachuuf “baayʼee rakkisaa taʼe” nu mudachuu akka dandaʼu ni eegna.—2 Xim. 3:1.

2 Mata duree kana keessatti wantoonni gammachuu keenya balleessuu dandaʼan maalfaa akka taʼanii fi gammachuun keenya yoo bade akkamitti deebisnee argachuu akka dandeenyu ilaalla. Jalqaba garuu maddi gammachuu dhugaa eenyu akka taʼe haa ilaallu.

MADDA GAMMACHUU DHUGAA

3. Uumamni waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa? (Fakkiiwwanis ilaali.)

3 Yihowaan yeroo hundumaa gammadaadha. Nutis gammadoo akka taanu barbaada. Wantoota gammachuu nuuf argamsiisan hedduu kan uume kanaafi. Fakkeenyaaf, pilaaneetii keenya bareedduu halluu hedduu qabdu yommuu arginu, bineeldonni yeroo taphatan yommuu ilaallu, akkasumas nyaatawwan jaallannu yommuu nyaannu ni gammanna. Waaqayyo dhugumaan nu jaallata, jireenyatti akka gammannus ni barbaada.

Fakkiiwwan garaagaraa: Bineeldota taphachaa jiran. 1. Ilmoo arbaa bishaan borcaa jiru. 2. Cuuciiwwan allaattii bishaanii cabbiirra deemaa jiran. 3. Ilmoolee reʼee dirreerra burraaqaa jiran. 4. Doolfiinota bishaan keessaa utaalaa jiran.

Ilmoo arbaa: Image © Romi Gamit/Shutterstock; cuuciiwwan allaattii bishaanii: Vladimir Seliverstov/500px via Getty Images; ilmoolee reʼee: Rita Kochmarjova/stock.adobe.com; doolfiinota lama: georgeclerk/E+ via Getty Images

Bineeldonni yommuu taphatan arguun keenya Yihowaan Waaqa gammadaa taʼuusaa nu yaadachiisa (Keeyyata 3 ilaali)


4. (a) Yihowaan addunyaa kana keessatti rakkina hedduu utuma arguu gammadaa taʼuu kan dandaʼe akkamitti? (b) Yihowaan kennaa akkamii nuu kenneera? (Faarfannaa 16:11)

4 Yihowaan, “Waaqa gammadaa” taʼus, gaddaa fi rakkina addunyaa kana keessa jiru guutummaatti ni hubata. (1 Xim. 1:11) Haa taʼu malee, wantoonni kun gammachuusaa akka isa jalaa balleessan hin heyyamu. Rakkinni hundi kan turu yeroo muraasaaf qofa akka taʼe beeka, akkasumas yeroo itti balleessu murteesseera. Kanaafuu, hamma gaddaa fi rakkina hunda barabaraaf balleessutti obsaan eegaa jira. Hammasitti garuu rakkina nurra gaʼu ni arga, nu gargaaruus ni barbaada. Yihowaan kan nu gargaaru akkamitti? Karaan inni itti nu gargaaru tokko gammachuu nu kennuudha. (Faarfannaa 16:11 dubbisi.) Mee Ilmasaa Yesuusiif gammachuu kan kenne akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

5-6. Yesuus gammadaa kan taʼe maaliifi?

5 Yesuus uumamawwan Yihowaa hundumaa caalaa gammadaadha. Maaliif? Mee sababiiwwan lama haa ilaallu. (1) “Inni fakkaattii Waaqayyo isa ijaan hin [argamneeti],” akkasumas amala Abbaasaa guutummaatti calaqqisiisa. (Qol. 1:15) (2) Yesuus eenyuyyuu caalaa Abbaasaa isa madda gammachuu taʼee wajjin yeroo dheeraa jiraateera.

6 Yesuus yeroo hundumaa wanta Abbaansaa akka hojjetu barbaadu kamiyyuu hojjechuudhaan gammachuu argata. (Fak. 8:30, 31; Yoh. 8:29) Amanamummaadhaan waan jiraatuuf Yihowaa biratti fudhatama qaba; akkasumas Yihowaan isatti gammada.—Mat. 3:17.

7. Gammachuu dhugaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

7 Nutis Yihowaa isa madda gammachuu taʼetti dhihaachuudhaan gammachuu argachuu dandeenya. Waaʼee Yihowaa barachuu fi fakkeenyasaa hordofuudhaan yeroo dabalataa yommuu dabarsinu gammachuun keenya dabalaa deema. Dabalataanis fedha Waaqayyoo raawwachuu fi isa biratti fudhatama akka qabnu beekuun keenya gammachuu nuuf argamsiisa.a (Far. 33:12) Haa taʼu malee, darbee darbee ykn itti fufiinsaan gammachuu yoo dhabne hoo? Kun Waaqayyo biratti fudhatama akka dhabne argisiisaa? Lakki! Cubbuu waan dhaalleef darbee darbee ni dhukkubsanna, ni gaddina, akkasumas ni dhiphanna. Yihowaan kana ni hubata. (Far. 103:14) Mee wantoonni gammachuu keenya balleessan maalfaa akka taʼanii fi gammachuu keenya deebisnee argachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

Gammachuu Argachuuf Yihowaatti Amanami

Hafuura qulqulluu argachuuf kadhadhu. Gammachuun kutaa firii hafuura qulqulluu waan taʼeef, gammachuu argachuuf Yihowaa gargaarsa gaafachuu qabna. (Gal. 5:22) Gargaarsa hafuura Yihowaatiin, yeroo rakkinni nu mudatuttillee, ‘obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaannee dhaabbachuu’ ni dandeenya.—Qol. 1:11.

Waaqeffannaa Yihowaatiif dursa kenni. Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota keenya dhaabbataadhaan qoʼadhu. “Misiraachoo . . . gammachuu guddaa argamsiisu” warra kaanitti himuuf carraa argatte hundatti fayyadami. (Luq. 2:10) Namoonni waaqeffannaa Yihowaatiif dursa kennan gammachuu dhugaa qabaatu.—Far. 65:4.

Yeroo hunda Yihowaadhaaf ajajami. Seerawwan Yihowaa faayidaa akka siif argamsiisan yaadadhu. Yihowaadhaaf ajajamuun bilisummaa keenya hin daangessu, kanaa mannaa, gammachuu dhugaa nuuf argamsiisa.—Luq. 11:28.

WANTI KAMIYYUU GAMMACHUU KEE AKKA SI JALAA BALLEESSU HIN HEYYAMIN

8. Rakkoowwan jireenya keenya keessatti nu mudatan dhiibbaa akkamii nurraan geessisuu dandaʼu?

8 Tokkoffaa: Rakkoowwan. Ariʼatamaan, balaa uumamaatiin, hiyyummaadhaan, dhukkubaan ykn dullumaan kan kaʼe rakkachaa jirtaa? Rakkoowwan kun yommuu nu mudatan, keessumaa rakkinicha hirʼisuuf ykn hambisuuf homaa gochuu hin dandeenyu yoo taʼe gammachuu keenya dhabuu dandeenya. Kitaabni Qulqulluun, ‘garaan cabe abdii akka nama kutachiisu’ dubbata. (Fak. 15:13) Jaarsi gumii Baabis jedhamuu fi waggaa afur keessatti obboleessasaa fi warrasaa duʼaan dhabe akkas jedheera: “Kophaa akkan taʼee fi nama na gargaaru akkan hin qabne natti dhagaʼame. Yeroo tokko tokkommoo obboleessi koo fi warri koo duʼuusaanii dura yeroo gaʼaa waanan isaanii wajjin hin dabarsineef baayʼeen gadda.” Rakkoowwan jireenya keenya keessatti nu mudatan qaama keenyas taʼe miira keenya dadhabsiisuu dandaʼu.

9. Gammachuu keenya deebisnee argachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa? (Ermiyaas 29:4-7, 10)

9 Gammachuu keenya deebisnee argachuuf maaltu nu gargaara? Wanta jijjiiruu hin dandeenyetti dhiphachuu dhiisuu fi wanta qabnuuf galateeffachuudhaan gammachuu keenya deebisnee argachuu dandeenya. Addunyaan kun gammachuu qabaachuuf jireenyi keenya guutummaatti rakkinarraa bilisa taʼuu qaba yaada jedhu babalʼisa. Kun garuu dhugaa miti. Fakkeenyaaf, Yihowaan, Yihudoonni boojuudhaan Baabilonitti geeffaman boojiʼamtoota taʼuusaanii amananii akka fudhatanii fi haala ulfaataa sana keessatti gammachuu argachuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda akka godhan isaan jajjabeesseera. (Ermiyaas 29:4-7, 10 dubbisi.) Kanarraa maal baranna? Haala keessa jirtu amanii fudhadhu, akkasumas wantoota gaggaarii qabduuf galateeffadhu. Yihowaan akka si gargaaru yaadadhu. (Far. 63:7; 146:5) Eefii ishiin balaa ishiirra gaʼeen kan kaʼe naafatte akkas jetteetti: “Yihowaa, maatii koo fi gumiirraa gargaarsaa fi deggersa hedduu argadheera. Kanaafuu, haalli na mudate abdii akka na kutachiisu yoon heyyame, galata dhabuu akka taʼe natti dhagaʼame. Gargaarsa guddaa Yihowaa fi michoonni koo naaf godhaniif galatan qabu ibsuun barbaada.”

10. Yeroo rakkinni nu mudatuttillee gammadoo taʼuu kan qabnu maaliifi?

10 Yeroo jireenyi keenya akka nuti yaanne utuu hin taʼin hafutti ykn nurra ykn maatii keenyarra haalli gaddisiisaan gaʼuttillee gammadoo taʼuu ni dandeenya.b (Far. 126:5) Maaliif? Gammachuun keenya haala keessa jirrurratti kan hundaaʼe waan hin taaneefi. Qajeelchituun Maariyaa jedhamtu akkas jetteetti: “Yeroo rakkinni si mudatutti gammachuu qabaatta jechuun, miira sitti dhagaʼamu ni ukkaamsita jechuu miti. Kanaa mannaa, waadaa Yihowaan gale hin irraanfattu jechuudha. Abbaan keenya gammachuu keenya akka eeggannu nu gargaara.” Haalli amma keessa jirru baayʼee ulfaataa yoo taʼellee, barabaraaf akkasumatti akka itti hin fufne yaadadhu. Yeroo dhihootti Yihowaan rakkoowwan nurra gaʼanii fi nu gaddisiisan hundumaa ni balleessa.

11. Fakkeenyi Phaawulos kan si jajjabeessu akkamitti?

11 Rakkinni kan nurra gaʼe Yihowaa biratti fudhatama waan dhabneef akka taʼe yoo nutti dhagaʼame hoo maal gochuu qabna? Waaʼee tajaajiltoota Yihowaa amanamoo rakkina ulfaataa keessa turanii yaaduun keenya nu gargaaruu dandaʼa. Mee fakkeenya Phaawulos haa ilaallu. Phaawulos ‘saboota, moototaa fi ilmaan Israaʼeliif’ dhugaa akka baʼuuf Yesuus isa filatee ture. (HoE. 9:15) Kun mirga guddaadha. Taʼus, jireenyi Phaawulos rakkinarraa bilisa hin turre. (2 Qor. 11:23-27) Phaawulos rakkinni hedduun dhuma hin qabne fakkaatu isa mudachuunsaa Yihowaa biratti fudhatama akka dhabe kan argisiisu turee? Lakki! Kanaa mannaa, jabaatee dhaabbachuunsaa eebba Yihowaa akka qabu kan argisiisu ture. (Rom. 5:3-5) Mee ammammoo waaʼee kee yaadi. Rakkinni hedduun sirra gaʼaa kan jiru taʼus, amanamummaadhaan jiraachaa jirta. Kanaafuu, atis Yihowaa biratti fudhatama akka qabdu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa jechuudha.

12. Wanti eegne tokko utuu hin raawwatamin hafuunsaa gammachuu nu dhabsiisuu kan dandaʼu akkamitti?

12 Lammaffaa: Wanti eegne tokko utuu hin raawwatamin hafuu. (Fak. 13:12) Jaalallii fi galanni Yihowaadhaaf qabnu tajaajila keenya balʼifachuuf galma akka baafannu nu kakaasa. Haa taʼu malee, galmi baafanne humna keenyaa wajjin hin deemu yoo taʼe abdii kutachuu dandeenya. (Fak. 17:22) Qajeelchituun Hoolii jedhamtu akkas jetteetti: “Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galuu, biyya alaatti tajaajiluu ykn piroojektii ijaarsaa Raamaapoo irratti hirmaachuu barbaadeen ture. Haa taʼu malee, haalli koo waan jijjiirameef galmawwan kanarra gaʼuu hin dandeenye. Kanaafuu baayʼeen gadde. Wanta tokko hojjechuu barbaaddee garuummoo hojjechuu yommuu dadhabdu baayʼee gaddita.” Obboloota hedduutti miirri akkasii ni dhagaʼama.

13. Haalli keessa jirru wanta gochuu dandeenyu kan nu jalaa daangessu yoo taʼe, galmawwan akkamii baafachuu dandeenya?

13 Gammachuu keenya deebisnee argachuuf maaltu nu gargaara? Yihowaan wanta humna keenyaa ol taʼe akka nurraa hin eegne yaadadhu. Gatii qabaachuu keenya kan murteessu wanta tajaajilasaa keessatti raawwannurratti hundaaʼee miti. Yihowaan humna keenya akka beeknuu fi amanamoo akka taanu barbaada. (Mik. 6:8; 1 Qor. 4:2) Wanta raawwannu caalaa eenyummaa keenya isa keessaatiif iddoo guddaa kenna. Wanta Yihowaan nurraa eegu caalaa ofii keenyarraa eeguun sirriidhaa?c Matumaa sirrii miti. Kanaafuu, haalli kee wanta tajaajila Yihowaa keessatti hojjechuu dandeessu yoo si jalaa daangesse, wanta hojjechuu dandeessurratti xiyyeeffadhu. Dargaggoota leenjisuu ykn obbolootaa fi obboleettota maanguddoo jajjabeessuu ni dandeessaa? Nama tokko qaamaan dhaquudhaan, bilbilaan ykn ergaa gabaabaa erguudhaan jajjabeessuuf galma baafachuu ni dandeessaa? Galmawwan barbaachisoo fi humna kee wajjin deeman akkasiirra gaʼuuf yommuu carraaqxu Yihowaan gammachuu siif kennuudhaan si eebbisa. Kana malees, yeroo dhihootti karaa matumaa yaannee hin beekneen barabaraaf Yihowaa tajaajiluuf carraa hedduu akka argannu yaadadhu! Hoolii ishiin olitti ibsamte akkas jetteetti: “Yommuu gaddi natti dhagaʼamu abdii barabaraaf jiraachuu akkan qabun of yaadachiisa. Gargaarsa Yihowaatiin addunyaa haaraa keessatti galmawwan koo tokko tokkorra gaʼuu nan dandaʼa.”

14. Wanti gammachuu keenya balleessuu dandaʼu kan biraan maalidha?

14 Sadaffaa: Fedhii keenyaaf dursa kennuu. Namoonni tokko tokko miidiyaa hawaasaatti fayyadamuudhaan yaada, ‘Gammachuu dhugaa argachuun kan dandaʼamu fedhii ofiitiif dursa kennuudhaani’ jedhu babalʼisu. Namoonni wanta hojjechuu jaallatan hojjechuuf, wanta barbaadan bituuf, akkasumas bakka adda addaa daawwachuuf dursa akka kennan jajjabeeffamu. Wantoota kana raawwachuudhaan gammaduun mataasaatti dogoggora miti. Yihowaan wantoota miidhagoo taʼan akka dinqisiifannu godhee nu uume. Haa taʼu malee, namoonni baayʼeen, wanti gammachuu akka isaaniif argamsiisu yaadan gammachuu isaanii akka jalaa balleessu hubataniiru. Qajeelchituun Iivaa jedhamtu akkas jetteetti: “Jireenyi kee of gammachiisuurratti akka xiyyeeffatu yommuu gootu, yeroo hunda wanta dabalataa argachuu akka qabdu sitti dhagaʼama.” Yeroo hunda of gammachiisuurratti kan xiyyeeffannu yoo taʼe gaddaan liqimfamna, akkasumas abdii kutanna.

15. Solomoon Mooticharraa maal baranna?

15 Gadda fedhii ofiirratti xiyyeeffachuun geessisu ilaalchisee Solomoon Mooticharraa barumsa argachuu dandeenya. Solomoon fedhiisaa guuttachuudhaan gammachuu argachuuf yaaleera. Nyaatawwan gaggaarii nyaachuudhaan, muuziqaa namatti tolu dhaggeeffachuudhaan, akkasumas wantoota gaggaarii bara sanatti maallaqni bituu dandaʼu hunda walitti qabachuudhaan gammachuu argachuuf yaalee ture. Haa taʼu malee, wantoonni kun gammachuu isaaf hin argamsiisne. “Ijji ilaaluu hin quufu; gurris dhagaʼuudhaan hin guutu” jedheera. (Lal. 1:8; 2:1-11) Wanti addunyaan kun gammachuu dhugaa akka argamsiisu yaadu akkuma maallaqa sobaati. Gatii kan qabu fakkaata, garuu wanta yaadame bituu hin dandaʼu.

16. Warra kaaniif kennuun gammachuu keenya deebisnee argachuuf nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? (Fakkiiwwanis ilaali.)

16 Gammachuu keenya deebisnee argachuuf maaltu nu gargaara? Yesuus, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedhee barsiiseera. (HoE. 20:35) Jaarsi gumii Alekoos jedhamu akkas jedheera: “Warra kaaniif wantoota xixinnoo gochuurrattan xiyyeeffadha. Warra kaan yommuun gargaaru waaʼee wanta na barbaachisuu hin yaadu, akkasumas gammachuun qabaadha.” Warra kaaniif maal gochuu dandeessa? Namni tokko akka gadde yoo argite isa jajjabeessuuf yaali. Rakkinasaa furuu hin dandeessu taʼa, garuu gaarummaadhaan isa dhaggeeffachuudhaan, gara laafina isatti argisiisuudhaan, akkasumas baʼaasaa Yihowaarratti akka gatu isa yaadachiisuudhaan isa jajjabeessuu dandeessa. (Far. 55:22; 68:19) Kana malees, Yihowaan akka isa hin dhiisne mirkaneessuufii dandeessa. (Far. 37:28; Isa. 59:1) Isa gargaaruuf wantoota tokko tokko gochuus ni dandeessa. Fakkeenyaaf, nyaata bilcheessuufii ykn bakka inni deemuu barbaadu tokko isa wajjin deemuu dandeessa. Si wajjin akka tajaajilu affeeruu dandeessa, kunimmoo isa jajjabeessuu dandaʼa. Warra kaan gargaaruuf Yihowaan akka sitti fayyadamu heyyami. Ofii keenyarratti utuu hin taʼin, warra kaanirratti xiyyeeffachuun keenya gammachuu dhugaa nuuf argamsiisa.—Fak. 11:25.

Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Obboleettiin takka kaaffee keessa teessee moobaayilii ishii tuttuqaa jirti. Miʼa baayʼee bittee of bira keesseetti. 2. Obboleettii maanguddoo tokko bira deemtee gaafachaa jirti; abaaboo ishiidhaaf fiddeetti.

Fedhii ofii keerratti utuu hin taʼin, fedhii warra kaaniirratti xiyyeeffadhu (Keeyyata 16 ilaali)d


17. Gammachuun keenya Yihowaa wajjin kan wal qabatu akkamitti? (Faarfannaa 43:4)

17 Abbaa keenya isa samiitti dhihaachuu keenya yoo itti fufne gammachuu dhugaa argachuu dandeenya. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan ‘gammachuu guddaa’ nuuf kennuu akka dandaʼu nuuf mirkaneessa. (Faarfannaa 43:4 dubbisi.) Wanti akkamiiyyuu yoo nu mudate tasgabbaaʼuu ni dandeenya. Kanaafuu, Yihowaa isa madda gammachuu keenyaa taʼerratti xiyyeeffachuu keenya itti haa fufnu!—Far. 144:15.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Yihowaa fi Yesuus gammadoo kan taʼan maaliifi?

  • Wantoonni gammachuu keenya nu jalaa balleessuu dandaʼan maalfaʼi?

  • Gammachuu keenya yoo dhabne deebisnee argachuuf maal gochuu dandeenya?

FAARFANNAA 155 Burqaa Gammachuu Dhugaa

a Saanduqa, “Gammachuu Argachuuf Yihowaatti Amanami” jedhu ilaali.

b Fakkeenyaaf, gaafannoo Deenisii fi Erinaaf godhamee fi Gabaasa Qaama Olaanaa 2023 Lakk. 5 irratti baʼe jw.org irraa ilaali.

c Odeeffannoo dabalataatiif Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15, 2008 irraa mata duree “Humnakee Beekuudhaan Gammachuu Argadhu” jedhu ilaali.

d IBSA FAKKII: Obboleettiin takka ofii ishiitiif wanta hedduu bitachaa jirti, garuu obboleettii maanguddoo jajjabinni barbaachisu tokkoof yommuu abaaboo bittu caalaatti gammachuu argatte.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi