LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 189
  • Kitaaba Qulqulluu Keessaa Yaada Na Jajjabeessu Argachuu Nan Dandaʼaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Qulqulluu Keessaa Yaada Na Jajjabeessu Argachuu Nan Dandaʼaa?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Rakkina
  • Nama Jaallannu duʼaan dhabuu
  • Garmalee of ceephaʼuu
  • Gadda
  • Dhukkuba
  • Yaaddoo fi dhiphina
  • Waraana
  • Yaaddoo waaʼee gara fuulduraa
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Dhiirota Dhiphatan Kitaabni Qulqulluun Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Miira Balleessaatu Natti Dhagaʼama—Kitaabni Qulqulluun Miira Kana Moʼuuf na Gargaaruu Dandaʼa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Yaaddoo Keessan Hundumaa Isa Irratti Gataa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 189
Dubartii gammachuudhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jirtu.

Kitaaba Qulqulluu Keessaa Yaada Na Jajjabeessu Argachuu Nan Dandaʼaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Eeyyee. (Roomaa 15:4) Caqasoota Kitaaba Qulqulluu namoota haala rakkisaa fi miira isaanii jeequ keessatti argaman jajjabeessan tokko tokko ilaali.

Mata duree kana keessatti

  • Rakkina

  • Nama Jaallannu duʼaan dhabuu

  • Garmalee of ceephaʼuu

  • gadda

  • dhukkuba

  • Yaaddoo fi dhiphina

  • Waraana

  • Yaaddoo waaʼee gara fuulduraa

Rakkina

Faarfannaa 23:4: “Ati anaa wajjin waan jirtuuf,Sulula dukkanaaʼaa keessa yoon deeme illee,Miidhaan na irra gaʼa jedhee hin sodaadhu”

Maal jechuu dha? Gara Waaqayyootti kadhannaa yoo dhiheessitee fi Kitaabni Qulqulluun inni Dubbii isaa taʼe akka si geggeessu yoo heyyamte, yeroo rakkinni si mudatutti jabina argachuu ni dandeessa.

Filiphisiyus 4:13: “Karaa isa humna naaf kennu sanaatiin jabina waan hundumaatiif na barbaachisu qaba.”

Maal jechuu dha? Waaqayyo jabina rakkina kamiyyuu dandaʼuuf si gargaaru siif kenna.

Kitaabni Qulqulluun rakkoo yeroo dheeraadhaaf turu dandamachuuf akkamitti akka si gargaaru caalaatti beekuuf, mata duree, “Rakkoo jiru: Rakkoowwan furmaata argachuu hin dandeenye” jedhu ilaali.

Nama Jaallannu duʼaan dhabuu

Lallaba 9:10: ‘Awwaala keessa hojiin, karoorri, beekumsis taʼe ogummaan hin jiru.’

Maal jechuu dha? Namoonni duʼan dhiphachaa hin jiran, akkasumas nu miidhuu hin dandaʼan. Waan tokkoyyuu hin beekan.

Hojii Ergamootaa 24:15: ‘Duʼaa kaʼuun jira’

Maal jechuu dha? Waaqayyo namoonni jaallannuu fi duʼaan dhabne, deebiʼanii akka jiraatan gochuu ni dandaʼa.

Kitaabni Qulqulluun, gadda namoota jaallattu duʼaan dhabuudhaan sirra gaʼe dandamachuuf akkamitti akka si gargaaru caalaatti beekuuf, mata duree, “Gadda Kee Dandamachuuf Tarkaanfiiwwan Amma Fudhachuu Dandeessu” jedhu ilaali.

Garmalee of ceephaʼuu

Faarfannaa 86:5: “Yaa Yihowaa,a ati gaarii dha, dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha; Warra si waammatan hundumaatti jaalala amanamaa hedduu ni argisiista”

Maal jechuu dha? Waaqayyo namoota dogoggora kanaan dura raawwatanitti garaadhaa gadduudhaan itti deebiʼuu dhiisuuf murteessaniif dhiifama ni godha.

Faarfannaa 103:12: “Akkuma bahi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu,Balleessaa keenya nu irraa fageesseera.”

Maal jechuu dha? Waaqayyo yeroo dhiifama nuuf godhu, cubbuu keenya hamma nuti yaaduu dandeenyu caalaa nurraa fageessa. Nu adabuuf ykn nu komachuuf jecha, irra deddeebiʼee nu hin yaadachiisu.

Kitaabni Qulqulluun, miira garmalee of ceephaʼuu moʼuuf kan si gargaaru akkamitti akka taʼe caalaatti beekuudhaaf, mata duree, “Baayʼeen Of Ceephaʼa—Kitaabni Qulqulluun Miira Kana Irraa Boqonnaa Argachuuf Na Gargaaruu Dandaʼaa Laata?” jedhu ilaali.

Gadda

Faarfannaa 31:7: ‘Ati rakkina koo argiteetta, dhiphina koo isa cimaas beekta’

Maal jechuu dha? Waaqayyo rakkina kee hundumaa ni arga. Miira sitti dhagaʼamuu fi namoonni kaan siif hubachuu hin dandeenye illee siif hubata.

Faarfannaa 34:18: “Yihowaan warra garaan isaanii cabetti dhihoo dha;Warra hafuurri isaanii caccabes ni oolcha”

Maal jechuu dha? Waaqayyo yeroo gadda keetti si deggeruuf waadaa siif galeera. Jabina gadda kee dandamachuuf si gargaaru siif kennuu dandaʼa.

Kitaabni Qulqulluun gadda sitti dhagaʼamu dandamachuuf kan si gargaaru akkamitti akka taʼe caalaatti beekuuf, viidiyoo Gaddi Kee Gammachuutti Jijjiiramuu Dandaʼa jedhu ilaali.

Dhukkuba

Faarfannaa 41:3: “Siree dhukkubsatee irra ciisu irratti Yihowaan isa kunuunsa.”

Maal jechuu dha? Waaqayyo keessa keetti nagaan akka sitti dhagaʼamu gochuudhaan, akkasumas jabinaa fi ogummaa murtoo sirrii taʼe gochuuf si gargaaru siif kennuudhaan dhibee cimaa si mudate akka dandamattu si gargaaruu dandaʼa.

Isaayyaas 33:24: “Jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, “Na dhukkuba” hin jedhu.’”

Maal jechuu dha? Waaqayyo yeroo namoonni hundi fayyaa gaarii itti qabaatan akka fidu waadaa galeera.

Kitaabni Qulqulluun dhukkuba dandamachuuf kan si gargaaru akkamitti akka taʼe caalaatti beekuuf mata duree, “Dhibee Fayyaa Akka Tasaa Nu Mudatu Dandamachuu” jedhu ilaali.

Yaaddoo fi dhiphina

Faarfannaa 94:19: “Yaaddoon yeroo na liqimsetti,Ati na jajjabeessite, na tasgabbeessites.”

Maal jechuu dha? Yeroo dhiphinni nutti dhagaʼamutti, Waaqayyoon gargaarsa yoo gaafanne, akka tasgabboofnu nu gargaaruu dandaʼa.

1 Pheexiros 5:7: “Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.”

Maal jechuu dha? Waaʼeen dhiphina keenyaa Waaqayyoon ni yaaddessa. Wantoota nu yaaddessan ilaalchisee gara isaatti kadhannaa akka dhiheessinu nu affeereera.

Kitaabni Qulqulluun yaaddoo fi dhiphina sitti dhagaʼamu dandamachuuf kan si gargaaru akkamitti akka taʼe caalaatti baruuf mata duree, “Dhiphina Moʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?” jedhu ilaali.

Waraana

Faarfannaa 46:9: “Inni guutummaa lafaa irraa waraana ni balleessa.”

Maal jechuu dha? Mootummaan Waaqayyoo dhiheenyatti waraana gosa hundumaa ni balleessa.

Faarfannaa 37:11, 29: ‘Garraamonni lafa ni dhaalu, Nagaa hedduu argataniis baayʼee ni gammadu. Qajeelonni lafa ni dhaalu, Bara baraafis ishii irra ni jiraatu.’

Maal jechuu dha? Namoonni gaariin nagaa argatanii barabaraaf lafarra jiraatu.

Mootummaan Waaqayyoo akka dhihaate beekuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe caalaatti beekuuf, mata duree, “Mootummaan Waaqayyoo Lafa Kan Bulchu Yoomi?” jedhu ilaali

Yaaddoo waaʼee gara fuulduraa

Ermiyaas 29:11: “Yihowaan akkana jedha: ‘Wantan isiniif yaade akka gaariitti nan beeka; ani badiisa utuu hin taʼin nagaa fi wanta gara fuulduraatti abdiidhaan eeggattan isiniif kennuu nan barbaada.’”

Maal jechuu dha? Waaqayyo gara fuulduraatti yeroo gaarii akka isaaniif fidu saba isaatiif mirkaneesseera.

Mulʼata 21:4: “Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”

Maal jechuudha? Waaqayyo wantoota gadhee yeroo harʼaatti argitu hundumaa balleessuuf waadaa galeera.

Kaayyoo Waaqayyo gara fuulduraatti ilmaan namootaatiif qabu ilaalchisee, odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree, “Abdii Amansiisaa Gara Fuulduraatti Raawwatamu” jedhu ilaali.

a Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyooti. (Faarfannaa 83:18) Mata duree, “Yihowaan Eenyu?” jedhu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi