LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 195
  • ‘Diinota Keenya Jaallachuu’ Jechuun Maal Jechuudha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Diinota Keenya Jaallachuu’ Jechuun Maal Jechuudha?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Diinota keenya jaallachuu kan qabnu maaliifi?
  • Karaawwan diinota keenya jaallachuu itti dandeenyu tokko tokko kamfaʼi?
  • Diinota keenya loluuf waraana dhaqu qabnaa?
  • Ilaalcha dogoggoraa namoonni diinotasaanii jaallachuu ilaalchisee qaban
  • Waan Gaarii Gochuu Keessan Itti Fufaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Jaalalli Jibba Dandamachuuf Nu Gargaara
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Nama Jaallachuu Jechuun Maal Jechuudha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • ‘Nama Akka Mataa Keessaniitti Jaalladhaa’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 195
Dubartoonni lama hallayyaa guddaa tokko bira garanaa fi garasiin dhaabbatanii jiru. Dubartiin ishiin gara bitaa jirtu dhiifama gaafachuuf carraaqaa jirti, ishiin gara mirgaan jirtu garuu ija shakkiitiin ishii ilaalti.

‘Diinota Keenya Jaallachuu’ Jechuun Maal Jechuudha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Yesuus Lallaba Gaaraa isaa isa beekamaarratti, ‘diinota keenya jaallachuu’ akka qabnu dubbateera. (Maatewos 5:44; Luqaas 6:27, 35) Yommuu akkas jedhu namoota nu jibban ykn jalʼina haqaa nurratti raawwatanitti jaalala argisiisuu akka qabnu dubbachuu isaati.

Yesuus diinotasaa warra karaa sirrii hin taaneen isa qabaniif dhiifama gochuudhaan jaalala agarsiiseera. (Luqaas 23:33, 34) Barumsi inni diinota keenya akka jaalannu barsiise, wanta Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa Kakuu Moofaa jedhamee beekamu keessatti ibsamee wajjin wal sima.—Baʼuu 23:4, 5; Fakkeenya 24:17; 25:21.

“Diinota keessan jaallachuu fi warra isin ariʼataniif kadhachuu keessan itti fufaa.”—Maatewos 5:43, 44.

Mata duree kana keessatti

  • Diinota keenya jaallachuu kan qabnu maaliifi?

  • Karaawwan diinota keenya jaallachuu itti dandeenyu tokko tokko kamfaʼi?

  • Diinota keenya loluuf waraana dhaqu qabnaa?

  • Ilaalcha dogoggoraa namoonni diinotasaanii jaallachuu ilaalchisee qaban

  • Caqasoota Kitaaba Qulqulluu waaʼee diinota keenya jaallachuu ibsan

Diinota keenya jaallachuu kan qabnu maaliifi?

  • Waaqayyo fakkeenya nuuf taʼeera. Waaqayyo, “warra hin galateeffannee fi hamootaaf illee gaarii dha.” (Luqaas 6:35) “Inni aduu isaa namoota hamoo . . . irratti ni baasa.”—Maatewos 5:45.

  • Jaalalli diinonni keenya akka jijjiiraman kakaasuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun diinota keenya gaarummaadhaan yoo qabne ‘barbadaa mataasaanii irratti akka tuullu’ dubbata. (Fak. 25:22) Fakkeenyi kun albuuda gatii guddaa qabu keessaa baasuuf dhagaa baqsuu argisiisa. Haaluma wal fakkatuun, nama nu jibbutti gaarummaa yoo argisiisne, aariinsaa akka baqu goonee wanta gaarii inni qabu baasuu dandeenya.

Karaawwan diinota keenya jaallachuu itti dandeenyu tokko tokko kamfaʼi?

  • ‘Warra isin jibbaniif gaarii godhaa.’ (Luqaas 6:27) Kitaabni Qulqulluun, “Diinni kee yoo beelaʼe nyaachisi; yoo dheebote wanta dhugu isaaf kenni” jedha. (Roomaa 12:20) Barumsa Yesuus isa beekamaa fi “wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan, isinis akkanuma isaaniif godhaa” jedhu hojiirra oolchuudhaan karaa namoota nu jibbaniif jaalala itti argisiisnu argachuu dandeenya.—Luqaas 6:31.

  • ‘Warra isin abaaran eebbisaa.’ (Luqaas 6:28) Diinonni keenya yeroo wanta sirrii hin taane dubbatanillee karaa gaarummaa qabuu fi akka isaaniif yaadnu argisiisuun dubbachuudhaan isaan eebbisna. Kitaabni Qulqulluun, “Arrabsoo arrabsoodhaan hin deebisinaa. Kanaa mannaa deebisaa eebbisaa” jedha. (1 Pheexiros 3:9) Gorsi kun jibbi akka itti hin fufne gochuuf nu gargaaruu dandaʼa.

  • ‘Warra isin salphisaniif kadhadhaa.’ (Luqaas 6:28) Namni tokko yoo isin salphise “hamaa hamaadhaan” hin deebisinaa. (Roomaa 12:17) Kanaa mannaa, Waaqayyo nama sanaaf dhiifama akka godhu kadhadhaa. (Luqaas 23:34; Hojii Ergamootaa 7:59, 60) Haaloo baʼuu mannaa, Waaqayyo ulaagaa haqaasaa isa mudaa hin qabnerratti hundaaʼee dhimmichaaf furmaata akka kennu isaaf dhiisaa.—Leewwota 19:18; Roomaa 12:19.

Suuraawwan garaa garaa: 1. Dubartiin tokko yommuu dubartiin ishii wajjin hojjettu ishiitti iyyitu tasgabbooftee dhaggeeffachaa jirti. 2. Dubartittiin booda minjaala ishii bira teessee kadhachaa jirti.

“Diinota keessan jaallachuu fi warra isin jibbaniif gaarii gochuu keessan itti fufaa; warra isin abaaran eebbisuu fi warra isin salphisaniif kadhachuu keessan itti fufaa.”—Luqaas 6:27, 28.

  • ‘Obsaa fi gaarummaa’ argisiisaa. (1 Qorontos 13:4) Phaawulos ergamaan ibsa beekamaa jaalalaaf kennerratti jecha afaan Giriikii agaappee jedhuu fi Maatewos 5:44 fi Luqaas 6:27, 35 irra jiruu wajjin tokko taʼetti fayyadameera. Isaanitti hinaafuu, of tuuluu, ykn isaan salphisuu mannaa, obsaa fi gaarummaa isaanitti argisiisuudhaan jaalala Kiristiyaanaa akkasii diinota keenyatti argisiisuu dandeenya.

Dubartiin ishiin duraa gaarummaadhaan dubartii ishii waliin hojjettuuf shaayii kennaa jirti.

“Jaalalli ni obsa, gaarummaas ni argisiisa. Jaalalli hin hinaafu. Jaalalli of hin jaju, of hin bokoksu, amala naamusaan ala taʼe hin argisiisu, faayidaa mataa isaa qofa hin barbaadu, hin aaru. Miidhaa isa irra gaʼe galmeessee hin qabatu. Jalʼinatti hin gammadu, kanaa mannaa dhugaa wajjin gammada. Waan hundumaa dandaʼa, waan hundumaa amana, waan hundumaa abdata, waan hundumaa dandamata. Jaalalli matumaa hin badu.”—1 Qorontos 13:4-8.

Diinota keenya loluuf waraana dhaqu qabnaa?

Lakki, Yesuus duuka buutonnisaa diinotasaanii akka hin lolle isaan barsiiseera. Fakkeenyaaf Yerusaalem akka haleelamtu yommuu isaan akeekkachiisetti achuma turanii waraanarratti hirmaachuu mannaa akka baqatan isaanitti himeera. (Luqaas 21:20, 21) Yesuus, Pheexiros ergamaadhaanis, “Goraadee kee manʼee isaatti deebisi; warri goraadee luqqifatan hundi goraadeedhaan badu” jedhee ture. (Maatewos 26:52) Kitaabni Qulqulluunii fi barreeffamoonni seenaa, duuka buutonni Yesuus jaarraa jalqabaa turan diinotasaanii waraanuuf waraanarratti akka hin hirmaanne ibsu.a—2 Ximotewos 2:24.

Ilaalcha dogoggoraa namoonni diinotasaanii jaallachuu ilaalchisee qaban

Ilaalcha dogoggoraa: Seerri Waaqayyoo Israaʼelonni diinotasaanii akka jibban ajaja.

Dhugaa jiru: Seerichi ajaja akkasii hin qabu. Kanaa mannaa, Israaʼelonni nama akka jaallatan ajaja. (Leewwota 19:18) Jechi “nama” jedhu nama kamiyyuu kan agarsiisu taʼus, Yihudoonni tokko tokko yaanni asirra jiru Yihudoota qofa kan agarsiisu akka taʼee fi namoonni Yihudoota hin taane akka diinaatti ilaalamanii jibbamuu akka qaban amanu turan. (Maatewos 5:43, 44) Yesuus fakkeenya nama Samaariyaa gaarii taʼeetti fayyadame ilaalcha dogoggoraa isaan qaban sirreesseera.— Luqaas 10:29-37.

Ilaalcha dogoggoraa: Diinota keenya jaallachuu jechuun gochasaanii isa gadhee deggaruu jechuudha.

Dhugaa jiru: Kitaabni Qulqulluun gocha dogoggoraa nama tokko utuu hin deggerin nama sana jaallachuu akka dandeenyu ibsa. Fakkeenyaaf, Yesuus yakka balaaleffateera, garuummoo warra isa ajjeesaniif kadhateera. (Luqaas 23:34) Gadhiisii taʼuu fi cubbuu ni jibba, garuummoo cubbamootaaf lubbuusaa aarsaa godheera.—Yohaannis 3:16; Roomaa 6:23.

a Kitaabni The Rise of Christianity jedhamuu fi Iirnast Wiiliyaam Baarniiziin barreeffame akkana jedha: “Qorannoon odeeffannoo jiru hundumaarratti godhame akka argisiisutti, hamma bulchiinsa Maarkas Oriiliyasitti [mootii mootota Roomaa Dh.K.B. 161 hanga 180 bulche], Kiristiyaanni loltu taʼe hin jiru; loltuun Kiristiyaana erga taʼee booda tajaajila lolaa kennuusaa itti fufes hin jiru.”

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu waaʼee diinota keenya jaallachuu ibsan

Baʼuu 23:5: “Harreen nama si jibbu tokkoo akkuma feʼamee jirutti kufee yoo argite, callistee bira hin darbin. Horii sana irraa feʼumsa hiikuudhaan namicha gargaari.”

Hiika isaa: Wanta diinota keenya gargaaru raawwachuudhaan akka isaan jaallannu argisiisna.

Fakkeenya 24:17, 18: “Diinni kee yommuu kufu hin gammadin, yommuu inni gufatus garaan kee hin gammadin; taʼuu baannaan, Yihowaanb kana argee ni gadda.”

Hiika isaa: Waaqni wanta gadhee diinota keenyarra gaʼetti dhoksaattillee akka gammannu hin barbaadu.

Luqaas 6:28: “Warra isin abaaran eebbisuu fi warra isin salphisaniif kadhachuu keessan itti fufaa.”

Hiika isaa: Namoota isin jibban ykn karaa sirrii hin taaneen isin qabanitti gaarummaa fi kabajaan dubbadhaa, akkasumas waaqayyoo dhiifama akka isaaniif godhu isaaniif kadhadhaa.

1 Pheexiros 2:23: “Yommuu isa arrabsan deebisee hin arrabsine. Yommuu rakkinni isa irra gaʼettis hin doorsisne; kanaa mannaa, isa qajeelinaan murteessu sanatti imaanaadhaan of kenne.”

Hiika isaa: Yesuus, Waaqayyo jalʼina haqaa akka sirreessu isatti amanameera.

1 Pheexiros 3:9: “Hamaa hamaadhaan yookiin arrabsoo arrabsoodhaan hin deebisinaa.”

Hiika isaa: Ijaa baʼuu mannaa, rakkoo isin mudate karaa nagaa furuuf yaalaa.

b Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyooti. (Faarfannaa 83:18) Mata duree, “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi