LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 101
  • Barnoota Fagoo Irratti Milkaaʼina Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barnoota Fagoo Irratti Milkaaʼina Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qabxiilee milkaaʼina argachuuf si gargaaran shan
  • Yaada Koo Sassaabbachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Yeroo Kootti Sirriitti Fayyadamuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Yeroo Kootti Ogummaadhaan Fayyadamuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • Teknoolojiin Dhiibbaa Akkamii Qaba? Dandeettii Yaaduu Kee Irratti
    Dammaqaa!—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 101
Dargaggeessi tokko mana isaa keessa minjaala foddaa bira kaaʼame bira taaʼee qoʼachaa jira.

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Barnoota Fagoo Irratti Milkaaʼina Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Yeroo ammaatti barattoonni hedduun mana isaanii taaʼanii barachaa jiru. Haalli kees akkasuma taanaan barumsa kee irraa caalaatti faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti? Gama kanaan yaadawwan armaan gaditti ibsaman si gargaaru.a

  • Qabxiilee milkaaʼina argachuuf si gargaaran shan

  • Hiriyoonni kee maal jedhu?

Qabxiilee milkaaʼina argachuuf si gargaaran shan

  • Sagantaa baafadhu. Akkuma waan mana barumsaa deemtutti sagantaa dhaabbataa qabaadhu. Hojii mana barumsaatiif, hojiiwwan mana keessatti hojjettuuf, akkasumas wantoota barbaachisoo taʼan kaaniif yeroo ramadi. Akka barbaachisummaa isaatti sagantaa kee irratti sirreeffama gochuu dandeessa.

    Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Wanti hundi . . . karaa seera qabeessa taʼeen haa raawwatamu.”—1 Qorontos 14:40.

    “Yeroo keetti akka waan mana barumsaa jirtutti fayyadami. Wantoota yeroo taʼe tokko keessatti raawwataman yeruma sana raawwadhu.”—Kaatii.

    Wanta irratti yaadamuu qabu: Sagantaa kee galmeeffattee iddoo salphaatti arguu dandeessu kaaʼuun kee gaarii kan taʼe maaliifi?

  • Amala of toʼachuu horadhu. Nama gaʼeessa taʼuuf, hojiiwwan hojjechuuf kakaʼumsa isaa hin qabnes hojjechuun si irra jira. Harʼaa bor hin jedhin!

    Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Jabaadhaa hojjedhaa malee, dhibaaʼoo hin taʼinaa.”—Roomaa 12:11.

    “Wanti baayʼee ulfaatu of toʼachuu dha. Sababa taʼe tokko dhiheessuudhaan, ‘Hojii mana barumsaa koo boodan hojjedha’ jechuun namatti salphata. Booda garuu hin hojjettu; achiis hojiin humna keetii ol taʼe wal irra tuulama.”—Aleksaandiraa.

    Wanta irratti yaadamuu qabu: Hojii mana barumsaa kee guyyaa hundumaa saʼaatii wal fakkaataatti hojjechuun kee caalaatti amala of toʼachuu horachuuf kan si gargaaru akkamitti?

  • Iddoo itti qoʼattu qabaadhu. Meeshaalee si barbaachisan hundumaa of bira kaaʼadhu. Bakki itti qoʼattu akka sitti tolu godhi; garuu kan hirriiba si qabsiisu taʼuu hin qabu. Achi kan teessu hojiidhaaf malee rafuuf miti! Bakka itti qoʼattu hin qabdu taanaan tarii kushinaa ykn kutaa ciisichaa keessatti qoʼachuu dandeessa.

    Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti geessa.”—Fakkeenya 21:5.

    “Kubbaa, tapha viidiyoo fi gitaara dhiisi; moobaayiliin kee akka si hin jeeqne godhi. Wantoota yaada kee hihiran of biraa fageessuun kee barbaachisaa dha.”—Elzaabeet.

    Wanta irratti yaadamuu qabu: Caalaatti xiyyeeffachuu akka dandeessuuf sirreeffama akkamii gochuu dandeessa?

  • Xiyyeeffannaa kennuu baradhu. Wanta hojjechaa jirtu irratti xiyyeeffadhu; yeroo sanatti wanta biraa hojjechuuf hin yaalin. Al takkaatti waan baayʼee hojjechuuf yoo yaalte, caalaatti dogoggora raawwachuu dandeessa; hojii kee xumuruufis yeroo dheeraa sitti fudhachuu dandaʼa.

    Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa.”—Efesoon 5:16

    “Yoo moobaayiliin koo na bira taʼe waan tokko irratti xiyyeeffachuu hin dandaʼu. Wantoota gatii hin qabne raawwachuudhaanan yeroo dheeraa guba.”—Oliiviyaa.

    Wanta irratti yaadamuu qabu: Suutuma suuta yeroo hojii tokko irratti xiyyeeffattee itti turtu dabaluu dandeessaa?

  • Boqonnaa fudhadhu. Miilaan deemi, saayikilii oofi ykn sochii qaamaa kan biraa godhi. Wanta jaallattu tokko gochuun kees si haaromsa. Kitaabni School Power jedhamu, “Garuu jalqaba hojii kee xumuruu qabda. Hojii kee hundumaa yoo xumurte yeroo boqonnaa dabarsitutti ni gammadda” jedha.

    Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Hojii cimaa hammaarraa lama irra boqonnaa hammaarraa tokko wayya; kun bubbee duukaa fiiguu wajjin tokko dha.”—Lallaba 4:6.

    “Yeroo baayʼee mana barumsaatti meeshaa muuziqaatiin taphachuu ykn ogummaa tokko baratta. Wantoota kana hammam akkan jaalladhu kan naa gale yeroon isaan dhabutti dha. Qoʼannaadhaan alattis wantoota si gammachiisan tokko tokko hojjechuun gaarii dha.”—Teeylar.

    Wanta irratti yaadamuu qabu: Sochiin sammuu haaraadhaan qoʼannaa kee itti fufuuf si dandeessisu kan akkamii ti?

a Karaan barnoonni fagoo itti geggeeffamu hedduutu jira. Yaadawwan mata duree kana jalatti ibsaman keessaa isa haala keetiif taʼutti fayyadami.

Hiriyoonni kee maal jedhu?

Jaakoob.

“Irra deddeebiʼii saʼaatii muraasaaf boqodhu. Saʼaatii dheeraadhaaf taaʼuun nuffisiisaa dha; kanaafuu, yeroo baayʼee kaatee sosochoʼuun kee yaada kee sassaabbachuu fi ilaalcha gaarii qabaachuuf si gargaara.”—Jaakoob.

Juliyaanaa.

“Kakaʼumsa hin qabdu taanaan homaa hojjechuu hin dandeessu. Wanta raawwachuun si barbaachisu ilaalchisee guyyaa guyyaadhaan galma qabaadhu. Kana gochuun hojii kee xumuruun akka siif salphatu godha.”—Juliyaanaa.

Irra deebii: Barnoota fagoo irratti milkaaʼina argachuu kanan dandaʼu akkamitti?

  • Sagantaa baafadhu. Barumsa kee ilaalchisee sagantaa baafatte hin qabdu taanaan, baafadhuutii akka gaariitti hordofi.

  • Amala of toʼachuu horadhu. Yeroo hojii hojjechuun si irra jiru hojjechuuf kakaʼumsa hin qabnetti illee hojjechuu baradhu.

  • Iddoo itti qoʼattu qabaadhu. Bakki itti qoʼattu akka sitti tolu godhi; garuu kan hirriiba si qabsiisu taʼuu hin qabu. Wanta xiyyeeffannaa kee hihiru akkamii iyyuu of biraa fageessi.

  • Xiyyeeffannaa kennuu baradhu. Wanta hojjechaa jirtu irratti xiyyeeffadhu; yeroo sanatti wanta biraa hojjechuuf hin yaalin.

  • Boqonnaa fudhadhu. Sochii qaamaa ykn wanta jaallattu tokko gochuun si haaromsa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi