LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 110
  • Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 2: Cuuphaaf Qophaaʼuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 2: Cuuphaaf Qophaaʼuu
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Beekumsa hangamii qabaachuun qaba?
  • Maal gochuun qaba?
  • Dargaggootaa—Cuuphamuuf Qophaaʼuu kan Dandeessan Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Cuuphamuun Qabaa?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Cuuphamuuf Qophoofteettaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Cuuphamuun Kee Faayidaa Hedduu Siif Argamsiisa!
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 110
Shamarreen takko barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu fayyadamtee waaʼee cuuphaa qorannaa gochaa jirti.

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 2: Cuuphaaf Qophaaʼuu

Ulaagaa Kitaaba Qulqulluu wajjin walsimtee jiraachaa fi Waaqayyoo wajjin michummaa uumaa jirta taanaan tarii waaʼee cuuphamuu yaadaa jirta jechuu dha. Maarree cuuphamuuf qophaaʼaa taʼuu kee akkamitti beekta?a

Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan armaan gadiitu ibsama

  • Beekumsa hangamii qabaachuun qaba?

  • Maal gochuun qaba?

  • Hiriyoonni kee maal jedhu?

Beekumsa hangamii qabaachuun qaba?

Cuuphaaf qophaaʼuun akka nama qorumsa mana barumsaatiif qophaaʼuutti wanta baratte sammuutti qabachuu kan dabalatu miti. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun dhugaa akka barsiisu amanannaa qabdu cimsachuuf ‘dandeettii yaaduu kee” fayyadamuu qabda. (Roomaa 12:1) Fakkeenyaaf:

  • Waaqayyo akka jiruu fi isa waaqeffachuun kee akka isaaf malu mirkanaaʼaa taateettaa?

    Wanta Kitaabni Qulqulluun Jedhu: “Namni Waaqayyotti dhihaatu hundi, inni akka jiruu fi warra cimsanii isa barbaaddatan akka badhaasu amanuu qaba.”—Ibroota 11:6.

    Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Waaqayyo akka jiru kanan amanu maaliifi?’ (Ibroota 3:4) ‘Kanan isa waaqeffadhu maaliifi?’—Mulʼata 4:11.

    Gargaarsa barbaaddaa? Mata duree, “Uumama moo Jijjiiramaa Tirannaa?—Kutaa 1: Waaqayyotti Kanan Amanu Maaliifi?” jedhu ilaali.

  • Yaadni Kitaaba Qulqulluu Waaqayyo biraa akka dhufe mirkanaaʼaa taateettaa?

    Wanta Kitaabni Qulqulluun Jedhu: “Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffaman yeroo taʼu, barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, wanta hundumaa sirreessuuf, qajeelummaadhaan leenjisuuf fayyadu.”—2 Ximotewos 3:16.

    Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Kitaabni Qulqulluun yaada namootaa akka hin qabanne kanan amanu maaliifi?’—Isaayaas 46:10; 1 Tasalonqee 2:13.

    Gargaarsa barbaaddaa? Mata duree, “Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 1: Kitaaba Qulqulluu Qoradhu” jedhu ilaali.

  • Yihowaan fedha isaa raawwachuuf gumii Kiristiyaanaa akka fayyadamu ni amantaa?

    Wanta Kitaabni Qulqulluun Jedhu: “Karaa gumichaa fi karaa Kiristoos Yesuus dhaloota hundumaa biratti baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu.”—Efesoon 3:21.

    Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Wantin walgaʼii Kiristiyaanaa irratti Kitaaba Qulqulluu irraa baradhu nama biraa moo Yihowaa biraa akka dhufettan ilaala?’ (Maatewos 24:45) ‘Yeroo warri koo argamuu hin dandeenyetti illee walgaʼii nan hirmaadhaa (yoo isaan siif heyyaman jechuu dha)?’—Ibroota 10:24, 25.

    Gargaarsa barbaaddaa? Mata duree, “Walgaʼii Galma Walgaʼiitti Geggeeffamu Irratti Argamuu Kanan Qabu Maaliifi?” jedhu ilaali.

Maal gochuun qaba?

Cuuphamuuf mudaa kan hin qabne taʼuun si hin barbaachisu. Haa taʼu malee, dhugumaan ‘Wanta hamaa irraa akka deebitee fi wanta gaarii raawwachuu’ akka barbaaddu argisiisuu qabda. (Faarfannaa 34:14) Fakkeenyaaf:

  • Akka ulaagaa Yihowaatti jiraataa jirtaa?

    Wanta Kitaabni Qulqulluun Jedhu: “Qalbii gaarii qabaadhaa jiraadhaa.”—1 Pheexiros 3:16.

    Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Dandeettiin hubannaa koo wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf’ akka leenjiʼe kanan argisiise akkamitti?’ (Ibroota 5:14) ‘Dogoggora akkan raawwadhu dhiibbaa na irra gaʼe tokko yeroon itti dandamadhe nan yaadadhaa? Michoonni koo wanta sirrii akkan raawwadhu na jajjabeessuu?’—Fakkeenya 13:20.

    Gargaarsa barbaaddaa? Mata duree, “Qalbii Koo Leenjisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu ilaali.

  • Wanta raawwateef Yihowaan akka si gaafatu beektaa?

    Wanta Kitaabni Qulqulluun Jedhu: “Tokkoon tokkoon keenya waaʼee ofii keenyaa Waaqayyoof deebii ni kennina.”—Roomaa 14:12.

    Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Ofii kootiifis taʼe warra kaaniif amanamaadhaa?’ (Ibroota 13:18) ‘Dogoggora koo amanee nan fudhadhaa, moo nan dhoksa ykn warra kaanin komadha?’—Fakkeenya 28:13.

    Gargaarsa barbaaddaa? Mata duree, “Dogoggora Yommuun Hojjedhu Maal Gochuun Qaba?” jedhu ilaali.

  • Yihowaa wajjin michummaa uumaa jirtaa?

    Wanta Kitaabni Qulqulluun Jedhu: “Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata.”—Yaaqoob 4:8.

    Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Yihowaatti dhihaachuuf maal gochaan jira?’ Fakkeenyaaf, ‘Kitaaba Qulqulluu yeroo baayʼee nan dubbisaa?’ (Faarfannaa 1:1, 2) ‘Yeroo hundumaa nan kadhadhaa?’ (1 Tasalonqee 5:17) ‘Kadhannaa koo irratti dhimmoota jiran adda baasee nan caqasaa? Michoonni koo michoota Yihowaa tii?’—Faarfannaa 15:1, 4.

    Gargaarsa barbaaddaa? Mata duree, “Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 2: Dubbisni Kitaaba Qulqulluu Kee Gammachiisaa Akka Taʼu Godhi” akkasumas “Kadhannaan Faayidaa Qabaa?” jedhu ilaali.

Gorsa gaarii: Cuuphaaf qophaaʼuuf akka si gargaaruuf, kitaaba Gaaffiiwwan Dargaggootaafi—Deebiiwwan Hojiirra Ooluu Dandaʼan jedhamu Jildii 2 boqonnaa 37 dubbisi. Keessumaa gilgaala fuula 308 fi 309 (Amaariffa) irra jiru qalbeeffadhu.

a Mata duree, “Cuuphamuun Qabaa?—Kutaa 1 jedhuu isa hiikaa cuuphaa fi barbaachisummaa of murteessuu fi cuuphamuu ibsu dubbisi.

Hiriyoonni kee maal jedhu

Gabireelaa.

“Gilgaalli kitaaba Gaaffii Dargaggootaa irra jiruu fi waaʼee cuuphaa ibsu cuuphamuu koo dura wantan fooyyessu hubachuuf na gargaareera. Kana malees, ergan cuuphamee booda wantan raawwadhu galma baafachuuf na gargaareera. Yihowaaf of murteessuun itti gaafatama guddaa dha, garuu immoo mirga namni tokko argachuu dandaʼu keessaa isa guddaa dhas.”—Gabireelaa.

Kaaleeb.

“Kitaaba Qulqulluu irratti Ximotewos akkas jedhameera: “Wantoota barattee fi itti amante sanatti cimii itti fufi.” (2 Ximotewos 3:14) “Wanti Dubbii Waaqayyoo barsiisu dhugaa taʼuu isaa keessa keetti akka amantuuf yeroo ramadii qoʼadhu. Kan of murteessitu Yihowaaf malee namootaaf waan hin taaneef—waaʼee cuuphaa yommuu yaadduu miira Yihowaaf iddoo guddaa kenni.”—Kaaleeb.

Keessa Deebii: Cuuphaaf qophaaʼuu kanan dandaʼu akkamitti?

Amantii kee qori. Waaqayyo akka jiru? Isa waaqeffachuun kee akka isaaf malu? Kitaabni Qulqulluu Dubbii Waaqayyoo geggeessaa hafuuraatiin barreeffame akka taʼe? Akkasumas Yihowaan hojii isaa raawwachuuf jaarmiyaa tokkotti akka fayyadamu mirkanaaʼaa taateettaa?

Amala kee qori. Ulaagaa Yihowaa wajjin walsimtee jiraachaa jirtaa? Wanta raawwattuuf Yihowaan akka si gaafatu beektaa? Yihowaa wajjin michummaa uumaa jirtaa?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi