LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 115
  • Gadda Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gadda Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Garmaleen gaddaa jiraa?
  • Gadda sitti dhagaʼamu dandamachuu kan dandeessu akkamitti?
  • Gaddakoo Dandaʼuuf Maaltu Na Gargaara?
    Namni Jaallattan Yeroo Du’u
  • Gadda Kee Dandamachuuf Tarkaanfiiwwan Amma Fudhachuu Dandeessu
    Dammaqaa!—2018
  • Gaddi Akkasii Sirriidhaa?
    Namni Jaallattan Yeroo Du’u
  • Gaddi Maal Geessisuu Dandaʼa?
    Dammaqaa!—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 115
Shamarreen umurii waggoota kurnanii keessatti argamtu ciistee yommuu boossu. Suuraa akaakayyuu ishii wajjin kaate ilaalaa jirti.

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Gadda Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Hiriyaan ykn miseensi maatii kee tokko dhiheenyatti si jalaa duʼeeraa? Taanaan, mata dureen kun gadda si mudate dandamachuuf si gargaaruu dandaʼa.

Mata duree kana keessatti

  • Garmaleen gaddaa jiraa?

  • Gadda sitti dhagaʼamu dandamachuu kan dandeessu akkamitti?

  • Hiriyoonni kee maal jedhu?

Garmaleen gaddaa jiraa?

Gaddi namoota hedduutti dhagaʼamu cimaa fi yeroo dheeraadhaaf kan turu dha.

“Gaaf tokko illee waaʼee akaakayyuu koo utuu hin yaadin oolee hin beeku. Erga duʼaan boqotee waggaan lama kan darbe taʼus, amma illee yommuun waaʼee isaa kaasu utuu hin booʼin dubbachuu hin dandaʼu.”—Oliiviyaa.

“Akkoon koo galmawwan koo irra akkan gaʼuuf deggersa guddaa naaf gooti turte; taʼus galma koo isa tokko irra illee yommuun gaʼu utuu hin argin duʼaan boqotte. Yommuun galma koo tokko irra gaʼu hundatti ishiin waan na hin argineef baayʼeen gadda.”—Aliisan.

Gaddi mirri garaa garaa akka sitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf:

“Yeroo wasiilli koo duʼaan boqotetti, baayʼeen naʼe, naasuun koo kunis yeroo dheeraadhaaf na hin gadhiisne. Nama natti dhihoo taʼe duʼaan yeroon dhabu kun isa jalqabaa ture, waanuma baaburri na irra baʼe natti fakkaate.”—Noodiin.

“Yeroo akaakkayyuun koo duʼetti baayʼee isatti aaren ture, sababiin isaas fayyaa isaa akka kunuunsu isa jajjabeessinee kan turre taʼus utuu akkas hin godhin hafeera.”—Kaarlos.

“Yeroo akaakkayyuun koo duʼaan boqotetti miseensota maatii keenyaa keessaa kan hin turre anaa fi obboleettii koo qofa ture. Duʼuu isaa dura nagaa waanan isatti hin dhaamneef baayʼeen of ceephaʼe.”—Adriyaanaa.

“Hiriyoonni gaaʼela maatii keenyatti baayʼee dhihaatan tokko balaa konkolaataatiin duʼan. Sana booda, yeroo miseensi maatii keenyaa tokko manaa baʼu hundatti, inni ykn ishiinis ni duʼuu laata jedhee yaaduudhaan baayʼeen sodaadhan ture.”—Jaared.

“Waggaa sadii dura yeroo akkoon koo duʼaan boqotte, utuu ishiin lubbuudhaan jirtuu ishiidhaa wajjin yeroo hedduu utuu hin dabarsin hafuu kootti baayʼeen gaabbe.”—Juliyaanaa.

Yeroo gaddi nu mudatutti nahuun, aaruun, of ceephaʼuun, sodaachuunii fi gaabbuun waanuma jiru dha. Miirawwan kana keessaa tokko tokko sitti dhagaʼama yoo taʼe yeroo booda hirʼachaa akka deemu mirkanaaʼaa taʼi. Hammasitti garuu gadda sitti dhagaʼamu dandamachuu kan dandeessu akkamitti?

Gadda sitti dhagaʼamu dandamachuu kan dandeessu akkamitti?

Miira sitti dhagaʼamu michuu keetti himi. Kitaabni Qulqulluun michuu dhugaan obboleessa “yeroo dhiphinaatiif dhalate” akka taʼe dubbata. (Fakkeenya 17:17) Miira sitti dhagaʼamu nama tokkotti himuun kee gargaarsa si barbaachisu argachuuf si gargaara.

“Gadduun waanuma jiru dha. Yeroo tokko tokko qofaa kee gadduu dandeessa, kun garuu haalli isaa matumaa akka hin fooyyofne gootee akka yaaddu si taasisuu dandaʼa. Miira sitti dhagaʼamu nama tokkotti dubbachuun barbaachisaa kan taʼe kanaafi.”—Iiveet.

Nama jaallattuu fi duʼaan dhabde sana hin irraanfatin. Kitaabni Qulqulluun, “Namni gaariin wanta gaarii garaa isaa keessatti kuufate” akka qabu dubbata. (Luqaas 6:45) Waaʼee nama sanaa wantoota gaggaarii yaadattu barreeffachuu ykn suuraa isaa walitti qabachuu dandeessa.

“Wanta hiriyaan koo duʼuu isaa dura na barsiise hundumaa barressuufan murteesse. Kunis wantan isa irraa baradhe irraa faayidaa argachuu koo itti fufuuf na gargaara. Waaʼee isaa barreessuun koos gadda natti dhagaʼamu dandamachuuf na gargaareera.”—Jeefrii.

Shamarree umurii waggoota kurnanii keessatti argamtuu fi yaadannoo irratti barreessaa jirtu.

Fayyaa keetiif kunuunsa godhi. Kitaabni Qulqulluun sochii qaamaa gochuun faayidaa akka qabu dubbata. (1 Ximotewos 4:8) Nyaata madaalamaa nyaadhu, sochii qaamaa godhi, akkasumas sirriitti boqodhu.

“Yommuu gaddinu sirriitti yaaduu dhiisuu dandeenya, kanaaf haala fayyaa keetii hordofi. Nyaachuu fi hirriba gaʼa argachuu hin dagatin.”—Maariyaa.

Mucaa umurii waggoota kurnanii keessatti argamuu fi suksukaa jiru.

Warra kaan gargaari. Kitaabni Qulqulluun, “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa” jedha.—Hojii Ergamootaa 20:35.

“Namoota kaan, keessumaa immoo warra nama jaallatan duʼaan dhaban gargaaruuf carraaqqii godhi. Akkas gochuun kee namoota kaan irras rakkinni gaʼa akka jiru akka hin daganne si gargaara.”—Kaarlos.

Shamarree umurii waggoota kurnanii keessatti argamtuu fi maanguddoo tokkotti akkaataa fayyadama taabileetii argisiisaa jirtu.

Miira kee kadhannaadhaan ibsi. Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan Waaqa “kadhannaa namaa dhagaʼu” akka taʼe dubbata. (Faarfannaa 65:2) Kana malees, Yihowaan “Warra garaan isaanii cabe ni fayyisa;Madaa isaaniis isaaniif ni hidha” jedha.—Faarfannaa 147:3.

“Yihowaan deggersaa fi jajjabina si barbaachisu akka siif kennu isa kadhadhu. Guyyoonni tokko tokko isa kaan irra ulfaachuu dandaʼu, Yihowaan garuu yeroo hundumaa si gargaaruu dandaʼa.”—Jaaneet.

Humnaa ol of irraa hin eegin. Namni hundi gadda isaa kan ibsu karaa garaa garaatiin akka taʼe yaadadhu. Kitaabni Qulqulluun Yaaqoob ilmi isaa waan duʼe yeroo itti fakkaatetti “jajjabaachuu dide” jedha. (Uumama 37:35) Kanaafuu, gaddi kee yoo sirra ture si dinqisiisu hin qabu.

“Obboleettiin akkoo kootii erga duutee waggaan 15 kan darbe taʼus wantoonni garaa garaa waaʼee ishii na yaadachiisu turan.”—Teeylar

Mee lafeen kee akka cabetti yaadi. Garmalee si dhukkuba, bayyaannachuufis yeroo sitti fudhata. Yeroo kanatti ogeessi fayyaa hamma inni sii fayyutti akkamitti kunuunsuu akka qabdu sitti himuu dandaʼa.

Mucaa umurii waggoota kurnanii miilli isaa faashaadhaan hidhamee jiruu fi karaa foddaa nama saayikilii oofu ilaalu.

Miidhaa nama jaallannu duʼaan dhabuudhaan nu irra gaʼe irraa bayyaannachuunis kanaa wajjin walfakkaata. Gaddi cimaan nutti dhagaʼamu hirʼachaa kan deemu yeroo booda dha. Kanaafuu obsi. Yaadawwan mata duree kana keessatti dhihaatan irratti yaaduudhaan isa caalaatti si gargaaru adda baafadhu.

Hiriyoonni kee maal jedhu?

Isabelle.

“Gadda dandamachuu jechuun nama jaallatan irraanfachuu ykn sammuu ofii keessaa baasuuf yaaluu jechuu miti. Waaʼee nama sanaa yaadachuu fi nama sanaaf iddoo akkamii akka kennitu yaaduun kee gaarii dha.”—Iizaabeel.

Joordaan.

“Gaddi sitti dhagaʼamu yeroo hirʼachaa deemu of hin ceephaʼin. Gammachuun kee siif deebiʼuun isaa nama jaallattuu fi duʼaan dhabde sana akka hin kabajne kan argisiisu miti. Kanaa mannaa bayyaannachaa akka jirtu argisiisa, namni jaallattuu fi duʼaan dhabde sunis kana akka barbaadu beekamaa dha.”—Joordaan.

Irra deebii: Gadda Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

  • Miira sitti dhagaʼamu michuu keetti himi. Miira sitti dhagaʼamu nama tokkotti himuun kee gargaarsa si barbaachisu argachuuf si gargaara.

  • Nama jaallattuu fi duʼaan dhabde sana hin irraanfatin. Wantoota gaggaarii waliin dabarsitan irratti xiyyeeffadhu—barreeffachuu illee ni dandeessa.

  • Fayyaa keetiif kunuunsa godhi. Nyaata madaalamaa nyaadhu, sochii qaamaa godhi, akkasumas sirriitti boqodhu.

  • Warra kaan gargaari. Namoota kaan, keessumaa immoo warra naman jaallatan duʼaan dhaban gargaaruuf carraaqqii godhi.

  • Miira kee kadhannaadhaan ibsi. Yihowaan deggersaa fi jajjabina si barbaachisu akka siif kennu isa kadhadhu.

  • Humnaa ol of irraa hin eegin. Namni hundi gadda isaa kan ibsu karaa garaa garaatiin akka taʼe yaadadhu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi