LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • g18 Lakk. 3 ful. 6-13
  • Gadda Kee Dandamachuuf Tarkaanfiiwwan Amma Fudhachuu Dandeessu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gadda Kee Dandamachuuf Tarkaanfiiwwan Amma Fudhachuu Dandeessu
  • Dammaqaa!—2018
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • 1: DEGGERSA MAATII FI MICHOONNI KEE SIIF GODHAN FUDHADHU
  • 2: NYAATA MADAALAMAA NYAADHU, SOCHII QAAMAAS GODHI
  • 3: HIRRIBA GAʼAA ARGACHUUF YAALI
  • 4: ILAALCHA KEE AKKUMA HAALA ISAATTI SIRREESSI
  • 5: BARSIIFATAWWAN MIIDHAA GEESSISAN IRRAA FAGAADHU
  • 6: YEROO ITTI HAFUURA BAAFATTU QABAADHU
  • 7: SAGANTAA DHAABBATAA QABAADHU
  • 8: ARIITIIDHAAN MURTOO GUGUDDAA GOCHUU IRRAA OF QUSADHU
  • 9: WANTOOTA NAMA DUʼAAN DHABDE SANA SI YAADACHIISAN RAAWWADHU
  • 10: WANTA SI BASHANNANSIISU RAAWWADHU
  • 11: NAMOOTA GARGAARI
  • 12: WANTOOTA DURSA KENNITUUF GAMAAGGAMI
  • Gaddakoo Dandaʼuuf Maaltu Na Gargaara?
    Namni Jaallattan Yeroo Du’u
  • Gadda Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Maxxansa Kana Keessatti: Gargaarsa Namoota Gaddi Irra Gaʼeef Taʼu
    Dammaqaa!—2018
  • Gaddi Maal Geessisuu Dandaʼa?
    Dammaqaa!—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Dammaqaa!—2018
g18 Lakk. 3 ful. 6-13
Namoota qarqara galaanaa biratti bashannanaa fi suuraa kaʼaa jiran

GARGAARSA NAMOOTA GADDI IRRA GAʼEEF TAʼU

Gadda Kee Dandamachuuf— Tarkaanfiiwwan Amma Fudhachuu Dandeessu

Karaawwan gadda dandamachuun itti dandaʼamu ilaalchisee yaadawwan hedduutu kennama; isaan keessaa tokko tokko caalaatti faayidaa akka qaban sitti dhagaʼama taʼa. Tarii wanti kanaaf sababa taʼuu dandaʼu miirri gaddi nama irraan geessisu garaa gara taʼuu isaa ti. Yaanni nama tokko jajjabeessu nama kan biraa gargaaruu dhiisuu dandaʼa.

Taʼus, gorsawwan namoota hedduu fayyadan tokko tokko jiru. Ogeeyyiin karaa gadda dandamachuun itti dandaʼamu ilaalchisee gorsa kennan gorsawwan kana yeroo baayʼee ni caqasu; gorsawwan kun qajeelfama Kitaaba Qulqulluu yeroon itti hin darbinee wajjinis wal simu.

1: DEGGERSA MAATII FI MICHOONNI KEE SIIF GODHAN FUDHADHU

  • Namoota qarqara galaanaa biratti bashannanaa fi suuraa kaʼaa jiran

    Wantoota barbaachisoo gadda dandamachuuf gargaaran keessaa inni guddaan, deggersa maatii fi michootaa akka taʼe ogeeyyiin tokko tokko ni dubbatu. Taʼus, yeroo tokko tokko kophaa kee taʼuu barbaadda taʼa. Kana irra iyyuu darbee namoota si gargaaruuf yaalii godhanitti ni aarta taʼa. Kun waanuma jiru dha.

  • Yeroo hunda warra kaanii wajjin taʼuu akka qabdu sitti dhagaʼamuu hin qabu; gama kan biraatiin immoo, namoota si gargaaruu barbaadan of irraa fageessuu qabda jechuu miti. Yeroon itti gargaarsi isaanii si barbaachisu jiraachuu dandaʼa. Wanti amma barbaaddu ykn hin barbaanne maal akka taʼe gaarummaadhaan isaanitti himi.

  • Akka barbaachisummaa isaatti, yeroo itti warra kaanii wajjin taatuu fi kophaa kee dabarsitu qabaadhu.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Tokko taʼuu mannaa lama taʼuu wayya. Sababiin isaas, inni tokko yoo kufe, inni kan biraan ol isa kaasuu dandaʼa.”—Lallaba 4:9, 10.

2: NYAATA MADAALAMAA NYAADHU, SOCHII QAAMAAS GODHI

  • Nyaata madaalamaa nyaachuun dhiphina sababa gaddaatiin dhufu dandamachuuf gargaara. Muduraa fi kuduraa garaagaraa, akkasumas nyaata coomni, zayitiin ykn dhadhaan itti hin baayʼanne nyaachuuf yaali.

  • Bishaanii fi wantoota fayyaadhaaf gaarii taʼan kan biroo baayʼisii dhugi.

  • Fedhiin nyaataaf qabdu yoo hirʼate xixinneessii ammaa amma nyaadhu. Vitaaminoota qaamaaf barbaachisoo taʼan akka siif ajajaniif ogeessota fayyaa gaafachuus ni dandeessa.a

  • Suksukuu ykn sochiiwwan qaamaa kaan irratti hirmaachuun miira gaarii hin taane hirʼisuu dandaʼa. Sochii qaamaa gochuun gadda sirra gaʼe irratti xiinxaluuf ykn yeroo muraasaaf taʼus waaʼee gadda keetii yaaduu dhiisuuf si gargaaruu dandaʼa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Namni qaama ofii jibbu tokko illee hin jiru; kanaa mannaa, ni soora, akkasumas ni kunuunsa.”—Efesoon 5:29.

3: HIRRIBA GAʼAA ARGACHUUF YAALI

  • Siree

    Hirribni yoom iyyuu barbaachisaa dha; gaddi isaanii dadhabbii cimaan akka isaanitti dhagaʼamu gochuu waan dandaʼuuf, keessumaa namoota gadda irra jiraniif baayʼee barbaachisaa dha.

  • Wantoonni akka bunaa, shaahii fi dhugaatii alkoolii jiran hirriba si dhowwuu waan dandaʼaniif akka hin baayʼisne of eeggadhu.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Hojii cimaa hammaarraa lama irra boqonnaa hammaarraa tokko wayya; kun bubbee duukaa fiiguu wajjin tokko dha.”—Lallaba 4:6.

4: ILAALCHA KEE AKKUMA HAALA ISAATTI SIRREESSI

  • Dubartiin gaddi irra gaʼe takka miira ishii michuu ishiitti himachaa jirti

    Namni hundi gadda isaa kan ibsu karaa garaa garaatiin akka taʼe yaadadhu. Wanti gadda kee irraa jajjabaachuuf si gargaaru maal akka taʼe beekuun kee si fayyada.

  • Namoonni hedduun miira isaanii warra kaaniif ibsuun isaanii gadda isaanii dandamachuuf akka isaan gargaare hubataniiru; warri kaan immoo waaʼee gadda isaanii dubbachuu dhiisuu filatu. Ogeeyyiin miira ofii ibsuun gadda dandamachuuf kan gargaaru taʼuu isaa ilaalchisee yaada adda addaa kennu. Wanta sitti dhagaʼamu baastee dubbachuun kan si barbaachisu taʼus akkas gochuuf ni mamta taʼa; taanaan, michuu baayʼee itti dhihaattutti suutuma suuta miira kee tokko tokko himuun si fayyaduu dandaʼa.

  • Namoonni tokko tokko booʼuun isaanii gadda isaanii dandamachuuf akka isaan gargaare dubbatu; kaan immoo baayʼee booʼuu baatanis gadda isaanii waan dandamatan fakkaata.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Garaan gadda ofii isaa ni beeka.”—Fakkeenya 14:10.

5: BARSIIFATAWWAN MIIDHAA GEESSISAN IRRAA FAGAADHU

  • Nama dhugaatii alkoolii dhugaa jiru

    Namoonni gaddi isaan irra gaʼe tokko tokko dhugaatii alkoolii garmalee dhuguudhaan ykn qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuudhaan dhiphina isaanitti dhagaʼamu tasgabbeessuuf yaalu. Haa taʼu malee, tasgabbiin kan isaanitti dhagaʼamu yeroo muraasaaf qofa dha; sana booda miidhaa hedduu isaan irraan geessisa. Dhiphina sitti dhagaʼamu tasgabbeessuuf malawwan miidhaa hin qabnetti fayyadamuuf yaali.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Wanta foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of haa qulqulleessinu.”—2 Qorontos 7:1.

6: YEROO ITTI HAFUURA BAAFATTU QABAADHU

  • Namoonni hedduun darbee darbee sochiiwwan gadda isaanii irratti akka hin xiyyeeffanne isaan gargaaran irratti hirmaachuun isaanii, gadda isaanii irraa hamma tokko boqonnaa akka isaaniif kenne isaanitti dhagaʼama.

  • Michoota haaraa horachuun ykn michummaa kanaan dura qabdu cimsachuun kee, ogummaa haaraa barachuun ykn bashannanni gadda kee irraa hamma tokko boqonnaa siif kennuu dandaʼa.

  • Yeroon gaddaan dhiphachaa dabarsitu suutuma suuta hirʼachaa deema. Waaʼee gadda si irra gaʼe qofa yaaduu mannaa, yeroon sochiiwwan kaan irratti dabarsitu dabalaa akka deeme hubatteetta taʼa; kun gadda kee dandamachaa akka jirtu argisiisa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Wanti hundi yeroo isaaf murteeffame qaba, . . . booʼuun yeroo qaba, kolfuunis yeroo qaba; gadooduun yeroo qaba, shubbisuunis yeroo qaba.”—Lallaba 3:1, 4.

7: SAGANTAA DHAABBATAA QABAADHU

  • Dubartiin takka wantoota raawwattu kaalaandarii irratti barreessaa jirti

    Hamma siif dandaʼame, utuu baayʼee hin turin sochiiwwan guyyaa guyyaa irratti hirmaachuu kee itti fufi.

  • Yeroo itti raftuu fi hojii kee itti hojjettu, akkasumas yeroo sochiiwwan kaan irratti hirmaattu ilaalchisee sagantaa dhaabbataa hordofuun kee jireenyi kee akka tasgabbaaʼu si gargaara.

  • Sochiiwwan faayidaa qabaniin qabamuun kee dhiphina sitti dhagaʼamu siif hirʼisa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Waaqni dhugaan namni kun gammachuu garaa isaatiin akka qabamu waan godhuuf, inni umurii isaa isa darbaa jiru matumaa hin hubatu.”—Lallaba 5:20.

8: ARIITIIDHAAN MURTOO GUGUDDAA GOCHUU IRRAA OF QUSADHU

  • Namoonni nama jaallatan duʼaan dhabanii utuma baayʼee hin turin murtoo guguddaa godhan hedduun yeroo booda murtoo godhanitti ni gaabbu.

  • Dandaʼamnaan, manas taʼe hojii jijjiiruu kee dura ykn meeshaalee nama duʼe sanaa manaa baasuu kee dura yeroo muraasaaf turuun kee gaarii dha.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti geessa, warri jarjaran hundi garuu gara hiyyummaatti deemu.”—Fakkeenya 21:5.

9: WANTOOTA NAMA DUʼAAN DHABDE SANA SI YAADACHIISAN RAAWWADHU

  • Namichi haati manaa isaa jalaa duute tokko suuraa ishii michoota isaatti argisiisaa jira

    Namoonni nama jaallatan duʼaan dhaban hedduun wanta nama duʼe sana isaan yaadachiisu gochuun faayidaa akka qabu isaanitti dhagaʼama.

  • Suuraa ykn wanta nama duʼe sana si yaadachiisu walitti qabachuun kee ykn yaadannoo taʼeewwanii fi seenaawwan nama sanaa wajjin wal qabatan irratti barreeffattu qabaachuun kee si jajjabeessuu dandaʼa.

  • Yeroo booda gadda kee irraa yommuu jajjabaattu ilaaluu waan dandeessuuf, meeshaalee yaadannoo gaggaarii si yaadachiisan kaaʼadhu.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Guyyoota durii yaadadhaa.”—Keessa Deebii 32:7.

10: WANTA SI BASHANNANSIISU RAAWWADHU

  • Boqonnaa fudhadhuutii yeroo muraasaaf bakka biraa dhaqi.

  • Boqonnaa dheeraa fudhachuu hin dandeessu yoo taʼe immoo, guyyaa tokkoof ykn lamaaf wanta si gammachiisu gochuudhaan dabarsuu dandeessa; fakkeenyaaf, naannoo gaaraa deemuu, godambaa daawwachuu ykn bakka bashannanaa deemuu dandeessa.

  • Yeroo muraasaaf illee taanaan sochiiwwan kanaan dura raawwattu irraa adda taʼan irratti hirmaachuun kee gadda kee irraa jajjabaachuuf si gargaaruu dandaʼa.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Kottaa, gara bakka namni hin jirre tokkoo haa dhaqnu; achitti xinnoo boqodhaa.”—Maarqos 6:31.

11: NAMOOTA GARGAARI

  • Shamarreen takka suuqiidhaa meeshaa bituuf maanguddoo takka gargaaraa jirti

    Yeroon warra kaan gargaaruudhaan dabarsitu gadda kee irraa jajjabaachuuf si gargaaru akka dandaʼu yaadadhu.

  • Firoota ykn michoota akkuma kee namni jaallattan sun duʼuu isaatti miidhaman jajjabeessuu dandeessa; isaanis nama akkuma isaanii gaddee fi miira isaanii isaaniif hubatu barbaadu.

  • Namoota kaan gargaaruu fi jajjabeessuun kee gammachuu siif argamsiisa; wanta buʼaa buusu raawwachuu keettis ni gammadda.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.”—Hojii Ergamootaa 20:35.

12: WANTOOTA DURSA KENNITUUF GAMAAGGAMI

  • Gadda si irra gaʼeen kan kaʼe wanti jireenya kee keessatti dursa kennuufii qabdu maal akka taʼe hubatteetta taʼa.

  • Carraa kanatti fayyadamuudhaan jireenya kee keessatti maal gochaa akka jirtu gamaaggami.

  • Akka barbaachisummaa isaatti, wanta dursa kennituuf irratti sirreeffama godhi.

QAJEELFAMA KITAABA QULQULLUU: “Gara mana cidhaa deemuu irra gara mana gaddaa deemuu wayya; sababiin isaas, duuti dhuma nama hundumaa ti; warri lubbuudhaan jiranis kana yaadatti qabachuu qabu.”—Lallaba 7:2.

GADDA DANDAMACHUU | QABXIIWWAN IJOO

  • 1: DEGGERSA MAATII FI MICHOONNI KEE SIIF GODHAN FUDHADHU

    Akka barbaachisummaa isaatti, yeroo itti warra kaanii wajjin taatuu fi kophaa kee dabarsitu qabaadhu.

  • 2: NYAATA MADAALAMAA NYAADHU, SOCHII QAAMAAS GODHI

    Nyaata madaalamaa nyaadhu, bishaan baayʼee dhugi, akkasumas hamma tokko sochii qaamaa godhi.

  • 3: HIRRIBA GAʼAA ARGACHUUF YAALI

    Hirribni dadhabina sababii gaddaatiin gaʼu dandamachuuf barbaachisaa akka taʼe hubadhu.

  • 4: ILAALCHA KEE AKKUMA HAALA ISAATTI SIRREESSI

    Namni hundi gadda isaa kan ibsu karaa garaa garaatiin waan taʼeef, wanta gadda kee irraa jajjabaachuuf si gargaaru beekuuf yaali.

  • 5: BARSIIFATAWWAN MIIDHAA GEESSISAN IRRAA FAGAADHU

    Dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu fi qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu irraa fagaadhu; wantoonni kun miidhaa guddaa geessisu.

  • 6: YEROO ITTI HAFUURA BAAFATTU QABAADHU

    Namootaa wajjin taʼuudhaan ykn bashannanuudhaan gadda kee irraa boqochuuf yaali.

  • 7: SAGANTAA DHAABBATAA QABAADHU

    Sochiiwwan guyyaa guyyaa irratti hirmaachuuf sagantaa gaarii baafadhu; akkas gochuun kee jireenyi kee akka tasgabbaaʼu godha.

  • 8: ARIITIIDHAAN MURTOO GUGUDDAA GOCHUU IRRAA OF QUSADHU

    Dandaʼamnaan, waggaa tokko ykn sanaa oliif murtoo guguddaa gochuu irraa of qusadhu; taanaan, murtoo booda itti gaabbitu hin gootu.

  • 9: WANTOOTA NAMA DUʼAAN DHABDE SANA SI YAADACHIISAN RAAWWADHU

    Suuraa ykn wanta nama duʼe sana si yaadachiisu walitti qabadhu ykn yaadannoo isaa wajjin wal qabatu barreeffadhu.

  • 10: WANTA SI BASHANNANSIISU RAAWWADHU

    Guyyaa tokkoof ykn saʼaatii muraasaaf illee taanaan sochii kanaan dura raawwattu irraa adda taʼe irratti hirmaachuuf yeroo ramadi.

  • 11: NAMOOTA GARGAARI

    Namoota akkuma kee namni jaallattan sun duʼuu isaatti miidhaman dabalatee warra kaan gargaaruudhaan gammachuu argachuuf yaali.

  • 12: WANTOOTA DURSA KENNITUUF GAMAAGGAMI

    Jireenya kee keessatti wanta akkamiitiif dursa kennuu akka qabdu hubachuuf yaali; barbaachisaa taanaan, wanta dursa kennituuf irratti sirreeffama godhi.

Wanti gadda sitti dhagaʼamu guutummaatti siif balleessu akka hin jirre beekamaa dha. Taʼus, namoonni nama jaallatan duʼaan dhaban hedduun tarkaanfiiwwan barbaachisoo kanneen akka mata duree kana keessatti ibsamanii fudhachuun isaanii jajjabaachuuf akka isaan gargaare dubbataniiru. Yaadawwan gadda irraa jajjabaachuuf gargaaran hundi as irratti ibsamaniiru jechuu miti. Haa taʼu malee, yaadawwan faayidaa qaban kana keessaa tokko tokko hojii irra yoo oolchite hamma tokko jajjabaachuu dandeessa.

a Barruun Dammaqaa! yaalii fayyaa ilaalchisee isa kam akka wayyu yaada hin kennu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi