LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mrt mataduree 15
  • Kophummaa Dandamachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kophummaa Dandamachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
  • Mata Dureewwan Dabalataa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gara Waaqayyootti dhihaadhu
  • Kitaaba Qulqulluu keessaa yaadawwan nama jajjabeessan dubbisi
  • Taʼeewwan addunyaa hiika maalii akka qaban hubadhu
  • Dhiphina hin barbaachisne irraa of qusadhu
  • Michoota horadhu
  • Sochii qaamaa godhi
  • Addunyaa Jaalala Hin Qabne Keessatti Michooma Keenya Eeguu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
  • Yaaddoo Keessan Hundumaa Isa Irratti Gataa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
  • Michoota Kee Ogummaadhaan Filadhu
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Mata Dureewwan Dabalataa
mrt mataduree 15
Dubartii mana keessa jirtuu fi karaa foddaa gara alaa ilaalaa jirtu.

Kophummaa Dandamachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Kophaa akka taate sitti dhagaʼamaa? Taanaan akkuma faarfaticha isa, “Ani akka simbira kopha-galeettii ishee bantii manaa irra jirtuu ti” jedhee sitti dhagaʼama taʼa. (Faarfannaa 102:7) Ogummaan Kitaaba Qulqulluu keessa jiru rakkoowwan kophaa taʼuu keenyaan nu mudatan dandamachuuf nu gargaara.

  • Gara Waaqayyootti dhihaadhu

  • Kitaaba Qulqulluu keessaa yaadawwan nama jajjabeessan dubbisi

  • Taʼeewwan addunyaa hiika maalii akka qaban hubadhu

  • Dhiphina hin barbaachisne irraa of qusadhu

  • Michoota horadhu

  • Sochii qaamaa godhi

Gara Waaqayyootti dhihaadhu

Kophaa kee yommuu taatutti illee, Waaqayyoon beekuu akka qabdu hubachuun kee fi isaa wajjin wal baruuf carraaquudhaan gammachuu argachuu dandeessa. (Maatewos 5:3, 6) Maddawwan armaan gadii tolaan argaman kana gochuu kee akka jalqabdu si gargaaruu dandaʼu.

  • Kitaaba Qulqulluu intarneetii irraa sirrii taʼee fi dubbisuuf salphaa taʼe

  • Viidiyoowwan gaggabaaboo barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu tokko tokko ibsan

  • “Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu”—Gaaffiiwwan yeroo baayʼee gaafatamaniif kallattiidhaan deebii kennu

  • “Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa”—Mata dureen walitti aansuudhaan baʼu kun seenaa dhiirotaa fi dubartoota amanamoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii qabateera

  • “Qaamni Kana Tolche Jiraa?”—Mata dureen walitti aansuudhaan baʼu kun miidhaginaa fi uumamni hamma wal xaxaa akka taʼe ibsa

Kitaaba Qulqulluu keessaa yaadawwan nama jajjabeessan dubbisi

Namoonni hedduun caqasoota armaan gadii irraa jajjabina argataniiru. Takkaatti fuula hedduu dubbisuu mannaa carraa kophaa kee taatu kanatti fayyadamuudhaan, yeroo kee yaadawwan hunda irratti xiinxaluu fi kadhachuuf itti fayyadamuuf carraaqi.—Maarqos 1:35.

  • Faarfannaa 23:1-6

  • Faarfannaa 34:1-22

  • Faarfannaa 46:1-11

  • Faarfannaa 63:6-8

  • Faarfannaa 91:1-6

  • Maatewos 6:25-34

  • 2 Qorontos 1:3, 4

  • Filiphisiyus 4:6, 7

  • 1 Pheexiros 5:6, 7

Taʼeewwan addunyaa hiika maalii akka qaban hubadhu

Sababii wantoonni kun itti raawwatamanii fi Waaqayyo wantoota kana akkamitti akka balleessu yoo beekte haala dhiphisaa si mudatu akka gaariitti dandamachuu dandeessa.—Isaayaas 65:17.

  • Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliifi?

  • Kitaabni Qulqulluun dhukkubaa fi fayyaa ilaalchisee maal jedha?

  • Mallattoowwan guyyoota dhumaa kamfaʼi?

  • Abbootiin fardeenii Kitaaba Mulʼataa irratti caqasaman eenyufaʼi?

  • Mootummaan Waaqayyoo maal raawwata?

Dhiphina hin barbaachisne irraa of qusadhu

Mata dureewwan dhimmoota armaan gadii ibsan dhiphina kophummaadhaan uumamu akka dandamattuu fi ‘yaaddaʼuu kee akka dhiistu’ si gargaaru.—Maatewos 6:25.

  • Dhiphina Moʼuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

  • Ilaalcha gaarii qabaachuu

  • Waaʼee balaa yaaddaʼuu

  • Waaʼee qarshii yaaddaʼuu

  • Yaaddoo dargaggoota mudatu

Michoota horadhu

Michummaan fayyaa sammuu fi miiraa keetiif faayidaa qaba, keessumaa immoo yeroo fuulaa fuulatti wal arguun hin dandaʼamnetti baayʼee barbaachisaa dha. Manaa baʼuu kan hin dandeenye yoo taʼe, viidiyoo konfiransiidhaan ykn bilbilaan michummaa kee eeguu fi michummaa haaraa uumuu dandeessa. Mata dureewwan armaan gadii michoota dhugaa akka argattuu fi atis ‘michuu dhugaa’ akka taatu si gargaaru.—Fakkeenya 17:17, Hiika Addunyaa Haaraa.

  • Michuu kan jedhamu nama akkamiiti?

  • Michoota hedduu qabaachuu kan dandeessu akkamitti?

  • Michuu tokko illee akka hin qabne yoo sitti dhagaʼame hoo?

  • Arjaa taʼuudhaan michuu gaarii taʼi

  • Galateeffachuu barsiifata godhachuudhaan michuu gaarii taʼi

Sochii qaamaa godhi

Kitaabni Qulqulluun “sochiin qaamaa [ni] fayyada” jedha. (1 Ximotewos 4:8, miiljalee) Sochiin qaamaa keessumaa yeroo kophummaan sitti dhagaʼamutti akka gaariitti akka yaadduu fi akka gammaddu si gargaara. Yeroo manaa baʼuu hin dandeenyetti illee, sochii qaamaa gochuuf wantoonni gochuu dandeessu akka jiran beekamaa dha.

  • Yeroo hunda sochoʼi

  • Qaamaa fi sammuu kee tasgabbeessuuf yaali

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi