LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mrt mataduree 22
  • Dhiibbaa Dhibee Daddarbaan Fidu Dandamachuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhiibbaa Dhibee Daddarbaan Fidu Dandamachuu
  • Mata Dureewwan Dabalataa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhiibbaan dhibee daddarbaatiin dhufu maalidha?
  • Dhiibbaan dhibee daddarbaatiin dhufu cimaa kan taʼe maaliifi?
  • Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu dhiibbaa kana dandamachuuf si gargaaran kamfaʼi?
  • Caqasoota Kitaaba Qulqulluu dhiibbaa dhibee daddarbaa dandamachuuf si gargaaran
  • Jireenyi Akka Duraaniitti ni Deebiʼaa Laata? Kitaabni Qulqulluun Jijjiirama Weerara Dhibeetiin Dhufe Dandamachuuf Akkamitti nu Gargaara?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Yaalii Fayyaa—Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Dhibee Fayyaa Qabaattus Warra Kaan Jajjabeessuu Dandeessetti
    Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
  • Yeroo Weerara Dhibeetti Lallabuu Isaanii Itti Fufaniiru
    Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
Dabalataan Ilaaluuf
Mata Dureewwan Dabalataa
mrt mataduree 22
Nama furtuu konkolaataa fi haguuggii afaanii fi funyaanii qabatee soofaa irra taaʼu tokko.

Dhiibbaa Dhibee Daddarbaan Fidu Dandamachuu

COVID-19 nan qabamaa laata jettee yaaduun kee akka bututtu si godheeraa? Taanaan miirri akkasii kan sitti dhagaʼamu si qofa miti. Namoonni addunyaa maratti argaman jiʼoota hedduudhaaf sodaa dhibee daddarbaan isaan irraan gaʼu dandamatanii jiraachuuf dirqamaniiru. Doktar Haans Kiluge inni Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daayireektara Naannoo Awurooppaa taʼe akkas jedheera: “Namoonni hedduun COVID-19 toʼachuuf aarsaa guddaa kaffalaniiru. Haala akkasii keessatti salphaadhumatti dantaa fi kakaʼumsa dhabuudhaan bututuun waanuma jiru dha.”

Dhibee daddarbaan kun dhiibbaa si irraan geessisaa jira yoo taʼe abdii hin kutatin. Kitaabni Qulqulluun namoonni hedduun yeroo rakkisaa taʼe kanatti rakkoowwan jireenyaa akka dandamatan isaan gargaaraa jira. Siinis si gargaaruu dandaʼa.

  • Dhiibbaan dhibee daddarbaatiin dhufu maalidha?

  • Dhiibbaan dhibee daddarbaatiin dhufu cimaa kan taʼe maaliifi?

  • Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu dhiibbaa kana dandamachuuf si gargaaran kamfaʼi?

  • Caqasoota Kitaaba Qulqulluu dhiibbaa dhibee daddarbaa dandamachuuf si gargaaran

Dhiibbaan dhibee daddarbaatiin dhufu maalidha?

Dhiibbaan dhibee daddarbaatiin dhufu, dhibee fayyaa miti; kanaa mannaa, namoonni dhibeen daddarbaan kun jireenya isaanii waan jijjiiree fi waaʼee gara fuulduraa akka shakkan waan godheef miira isaanitti uumamuu dha. Tokkon tokkoon namaa wanti isatti dhagaʼamu garaa gara taʼus mallattoowwan dhiibbaa kanaa baramaa taʼan warra kana dabalatu:

  • Kakaʼumsa dhabuu

  • Fedhiin nyaataa ykn barsiifanni hirribaa jijjiiramuu

  • Aaruu

  • Hojiin duraan salphaatti hojjetan nama dhiphisuu

  • Yaada sassaabbachuu dadhabuu

  • Abdii kutachuu

Dhiibbaan dhibee daddarbaatiin dhufu cimaa kan taʼe maaliifi?

Dhiibbaan dhibee daddarbaatiin dhufu nageenya keenyaa fi kan warra kaanii balaadhaaf saaxila. Of eeggachuu baannaan suutuma suuta qajeelfama COVID-19 hordofuuf fedhii dhabuu jalqabuu dandeenya. Vaayirasiin kun namoota ajjeesaa fi tatamsaʼaa kan jiru taʼus, yeroo booda balaan inni geessisuu dandaʼu nu dhiphisuu dhiisuu dandaʼa. Dhorkaa jala jiraachuu nuffuudhaan bilisummaa dabalataa barbaanna taʼa; kun immoo nuunis taʼe warra kaan balaadhaaf saaxiluu dandaʼa.

Yeroo dhiphisaa kanatti namoonni hedduun yaada Kitaaba Qulqulluu, “Guyyaa dhiphinaatti yoo abdii kutatte, humni kee ni xiqqaata” jedhu dhugaa taʼuu isaa argaa jiru. (Fakkeenya 24:10) Kitaabni Qulqulluun dhibee daddarbaa dabalatee qajeelfama haala abdii nama kutachiisu dandamachuuf nu gargaaru nuuf kenna.

Qajeelfamoonni Kitaaba Qulqulluu dhiibbaa kana dandamachuuf si gargaaran kamfaʼi?

  • Fageenya qaamaa keessan eeggadhaa, garuu namootaa irraa hin fagaatinaa

    Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: ‘Michuu dhugaan yeroo dhiphinaatiif dhalata.’—Fakkeenya 17:17.

    Barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Michuu dhugaan nu ijaara. (1 Tasalonqee 5:11) Yeroo dheeraadhaaf nama irraa adda baʼuun garuu fayyaa keenya balaadhaaf saaxila.—Fakkeenya 18:1.

    Akkas gochuuf yaali: Michoota kee wajjin viidiyoodhaan, bilbilaan, iimeelii fi ergaa gabaabaadhaan wal qunnamuu kee itti fufi. Guyyaa miirri gaariin sitti hin dhagaʼamnetti michoota kee haasofsiisi, akkasumas dhaabbataadhaan isaanii wajjin wal qunnami. Yaada gaarii yeroo dhibee daddarbaa kanatti akka dandamattu si gargaare michoota keetiif hiri. Karaa michoota keetiif wanta gaarii gochuu itti dandeessu barbaadi, taanaan atis taate michuun kee miirri gaariin akka isinitti dhagaʼamu gochuu dandeessa.

    Yaada namoonni tokko tokko kennan

    Meegan.

    “Michoota koo wajjin viidiyookonfiransiidhaan waliin haasaʼuuf karooran baafadha. Yeroo tokko tokko nama tokko qofa wajjin wal argina. Yeroo biraatti immoo taphawwan adda addaa taphachuuf ykn wantuma haaraa jiru waliin dubbachuuf gareedhaan wal argina. Kun hamma qaamaan wal arguu kan gaʼu taʼuu baatus, kan nama fayyadu dha. Weerarri dhibee kun jireenyi ulfaataa akka taʼu godheera; kanaafuu, michoota keenyaa wajjin wal arguu fi wanta nutti dhagaʼamu isaanitti himuun baayʼee barbaachisaa dha. Akkas gochuun ulfaataa taʼuu dandaʼa, garuu hundi keenya iyyuu gargaarsi nu barbaachisa.”—Meegan, Kaanaadaa.

    Naataanii fi Eemaa ijoollee isaanii Eelii fi Hoop wajjin.

    “Maatii fi michoota keenya kan yaadnu taʼus, karaa jaalala keenya itti isaaniif ibsinu arganneerra. Maatiidhaan taanee michoota keenya hedduuf kaardii fi kennaawwan xixinnoo qopheessina, waaʼee isaanii akka yaadnu ibsuuf achi irratti caqasoota Kitaaba Qulqulluu nama jajjabeessan barreessina. Kun gammachuu guddaa nuuf argamsiiseera. Waliin taanee wantoota namoota fayyadan hojjechuun keenya yaaddoo fi dhiphina keenya irraanfachuuf nu gargaareera.”—Eemaa abbaa manaa ishii Naataanii fi ijoollee ishii Eelii fi Hoop wajjin, Yuunaayitid Isteetis.

  • Haala keessa jirtu sirriitti itti fayyadami

    Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: “Yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa.”—Efesoon 5:16.

    Barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Yeroo kee akka gaariitti itti fayyadamuun ilaalcha gaarii akka qabaattuu fi garmalee akka hin dhiphanne si gargaaruu dandaʼa.—Luqaas 12:25.

    Akkas gochuuf yaali: Wanta gochuu hin dandeenye irratti xiyyeeffachuu mannaa, haala keessa jirtu akka gaariitti akkamitti itti fayyadamuu akka dandeessu yaadi. Fakkeenyaaf, hojiin amma hojjechuuf karoorfatte ykn wanti yeroo boqonnaatti hojjechuu jaallattu jiraa? Maatii kee wajjin yeroo dabalataa dabarsuu ni dandeessaa?

    Yaada namoonni tokko tokko kennan

    Eevaanii fi Samaantaa ijoollee isaanii Eelii fi Addaam wajjin.

    “Fuduraa fi biqiltoota dhaabuu fi kunuunsuu, akkasumas fakkii kaasuu fi mana bareechuu dabalatee hojiiwwan dabalataa mooraa keessatti hojjetaman hedduu hojjechuu dandeenyeerra.”—Eevaan haadha manaa isa Samaantaa fi ijoollee isaanii Eelii fi Addaam wajjin, Afriikaa Kibbaa.

    Ivaan fi Ivi.

    “Anii fi haati manaa koo waggaa 30 gaaʼelaan jiraanne keessatti akka ammaatti yeroo waliin dabarsinee hin beeknu. Amma isa duraanii caalaa dadhabinaa fi jabina walii keenyaa waan hubanneef jaalalli waliif qabnu cimeera. Amma rakkina fuulduratti nu mudatu irratti wal gargaaruuf akka gaariitti qophoofneerra.”—Ivaan haadha manaa isaa Ivi wajjin, Xaaliyaanii.

  • Barsiifata qabdu akka gaariitti hordofi

    Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: “Wanti hundi . . . karaa seera qabeessa taʼeen haa raawwatamu.”—1 Qorontos 14:40.

    Barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Namoonni barsiifata dhaabbataa qaban hedduun caalaatti tasgabbii fi gammachuu qabu.

    Akkas gochuuf yaali: Sagantaa haala amma keessa jirtu wajjin wal simu baafadhu. Hoj-manee keetiif, hojii galii argachuuf hojjettuuf, hojii mana keessaa fi waaqeffannaa keetiif yeroo ramadi. Sagantaa kee keessatti sochiiwwan gaarii taʼan kan akka, maatii wajjin yeroo dabarsuu, ala baʼanii miilla hiikkachuu fi sochii qaamaa gochuu jiran dabali. Akkuma barbaachisummaa isaatti yeroo yeroodhaan sagantaa kee irratti sirreeffama godhi.

    Yaada namoonni tokko tokko kennan

    Koowkeeloo.

    “Barsiifatan weerarri dhibee kun jalqabuu isaa dura qabu qabadhee itti fufeera. Wantootan duraan hojjedhu tokko tokko sochii qaamaatiin bakka buuseera, taʼus amma iyyuu kanan hirribaa kaʼu saʼaatiidhuma duraaniitti. Barsiifanni kun waaʼee weerara dhibee yaaduu mannaa, maatii fi michoota koo irratti caalaatti akkan xiyyeeffadhu na gargaareera.”—Koowkeeloo, Afriikaa Kibbaa.

    Kaarmeel.

    “Akkuma duraanii ganamaan kaʼee ciree fi buna koo nan qopheeffadha. Achiis akkuma nama bakka tokko deemuuf jedhuutti, uffadheen qophaaʼa. Kunis miirri gaariin akka natti dhagaʼamuu fi guyyaa guutuu dammaqina akkan qabaadhu na gargaara.”—Kaarmeel, Faransaayi.

  • Yeroo waqtiileen jijjiiraman sirreeffama barbaachisu godhi

    Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: “Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata.”—Fakkeenya 22:3.

    Barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Bakka ati jiraattutti waqtiileen jijjiiramuun isaanii carraa qilleensa qulqulluu fi ifa aduu fayyaa qaamaa fi sammuu keetiif barbaachisaa taʼe itti argattu hirʼisuu dandaʼu.

    Akkas gochuuf yaali: Ganni dhihaachaa jira yoo taʼe manni kee ykn bakki itti hojjettu ifa aduu gaʼaa akka argatu sirreeffama godhi. Qilleensi isaa qorraa yoo taʼe illee wanta manaa alatti hojjechuu dandeessu qopheeffadhu. Dandaʼamnaan uffata gannaa manaa alatti yeroo dabalataa turuuf si gargaaru bitadhu.

    Yeroo bonni dhihaatutti immoo namoonni baayʼeen manaa alatti dabarsu, kanaaf of eeggannoo godhi. Bakka deemuu barbaadduu fi yeroo namoonni itti hin baayʼanne filadhu.

    Yaada namoonni tokko tokko kennan

    Saameenaa.

    “Bakka rooba qabun jiraadha, kanaafuu sagantaa haala isaatiif taʼu qabaachuun koo na fayyadeera. Akkuma aduun baʼuu ishii argeen manaan baʼa. Aduu keessa xinnuma miillaan deemuun ykn biskileetii oofuun qofti illee miira gaarii qabaachuuf na gargaara.”—Saameenaa, Faransaayi.

    Tiifeenii.

    “Waqtii bonaa dandamachuun salphaa dha; sababiin isaas manaa alatti wantoota tokko tokko hojjechuuf carraa hedduun jira; amma garuu ganni dhihaachaa waan jiruuf, wantootan mana keessatti hojjechuu dandaʼu galmeeffadhee qabachaan jira.”—Tiifeenii, Kaanaadaa.

  • Of eeggannoo COVID-19 ilaalchisee baʼan eeguu kee itti fufi

    Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: “Namni gowwaan garuu dantaa hin qabu, akka malees ofitti amanama.”—Fakkeenya 14:16.

    Barbaachisaa kan taʼe maaliifi? COVID-19 dhukkuba nama galaafachuu dandaʼu dha, yoo of eeggachuu baannee qabamuu dandeenya.

    Akkas gochuuf yaali: Qajeelfamawwan amansiisaa taʼanii fi naannoo keetti kennaman yeroo yerootti ilaali; of eeggannoo gochaa jiraachuu kees mirkaneeffadhu. Gochi kee si, maatii kee fi namoota kaan akkamitti akka tuqu yaadi.

    Yaada namoonni tokko tokko kennan

    Daariin.

    “Tatamsaʼina vaayirasii kanaa dhaabuuf wanta na irraa eegamu gochaan jira. Namoonni kaan qajeelfamootaaf kan hin ajajamne yoo taʼan illee, ani nageenya ofii koo fi maatii koo eeguuf wantan dandaʼu hunda gochuu koo ittan fufa.”—Daariin, Afriikaa Kibbaa.

  • Hariiroo Waaqayyoo wajjin qabdu cimsadhu

    Wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu: “Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata.”—Yaaqoob 4:8.

    Barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Waaqayyo rakkina si mudatu kam iyyuu akka mootu si gargaaruu dandaʼa.—Isaayyaas 41:13.

    Akkas gochuuf yaali: Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu irraa kutaa muraasa dubbisi. Sagantaan dubbisa Kitaaba Qulqulluu kun akkas gochuuf si gargaaruu dandaʼa.

Yeroo dhibee daddarbaan COVID-19 jiru kanatti Dhugaa Baatonni Yihowaa walgaʼii godhachuu isaanii itti fufaniiru; atis qophii kana irraa fayyadamuuf isaan gaafachuu dandeessa. Fakkeenyaaf addunyaa maratti, walgaʼii torban torbaniin godhaniif, ayyaana yaadannoo duʼa Yesuusii fi walgaʼii naannoo waggaatti godhaniif viidiyookonfiransii fayyadamaa jiru.

Yaada namoonni tokko tokko kennan

Roobertoo.

“Yeroo dabalataan qabu keessaa hamma tokko Kitaaba Qulqulluu dubbisuufan itti fayyadama. Akkas gochuun koo waadaa Yihowaana gale irratti amanannaa qabu naaf cimsa. Fuulduratti wantoonni caalaatti gaarii akka taʼan natti mulʼata.”—Roobertoo, Xaaliyaanii.

Altaa fi Yaanee.

“Anii fi abbaan manaa koo Kitaaba Qulqulluu waliin dubbisna, akkasumas caqasoota yaadachuuf carraaqqii goona. Kadhannaan, Kitaaba Qulqulluu dubbisuunii fi abdii Kitaaba Qulqulluu warra kaaniif hiruun haala keenya dandamachuuf jabina nuuf kenneera.”—Altaa fi abbaa manaa ishii Yaanee, Afriikaa Kibbaa.

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame dha.—Faarfannaa 83:18

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu dhiibbaa dhibee daddarbaa dandamachuuf si gargaaran

Isaayyaas 30:15: “Tasgabbaaʼuu fi anatti amanamuudhaanis jabina ni argattu.”

Ergaa isaa: Gorsa Waaqayyootti amanamuun yeroo rakkisaa taʼetti tasgabbaaʼuuf si gargaara.

Fakkeenya 15:15: “Namni cunqurfame guyyoonni isaa hundi gaarii miti, Namni garaa gammade qabu garuu yeroo hunda affeerraa irra jira.”

Ergaa isaa: Wantoota gaarii irratti xiyyeeffachuun yeroo rakkisaa taʼetti illee gammadoo taʼuuf nu gargaara.

Fakkeenya 14:15: “Namni gowwaan wanta dubbatamu hundumaa amana, Namni abshaalli garuu tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala.”

Ergaa isaa: Fayyaa ilaalchisee qajeelfamoota kennaman hordofi; dhorkaawwan kun barbaachisoo miti jettee murteessuuf hin ariifatin.

Isaayyaas 33:24: “Jiraattota biyyattii keessaa tokko illee, ‘Na dhukkuba’ hin jedhu.”

Ergaa isaa: Waaqayyo dhukkuba hunda balleessuuf waadaa galeera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi