LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mrt mataduree 29
  • Dhiphina Toʼachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhiphina Toʼachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
  • Mata Dureewwan Dabalataa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yaada dhiphina hirʼisuuf si gargaaru
  • Hin Yaaddaʼinaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Maatewos 6:34—“Waaʼee Boriitiif hin Yaaddaʼinaa”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • 2 Rakkina Furuuf Gargaara
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2018
  • Dhukkuba Akka Tasaa Mudatu Dandamachuu
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Mata Dureewwan Dabalataa
mrt mataduree 29
Maanguddoo dhiphatee jiru.

Dhiphina Toʼachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Garmalee dhiphachuun qaama kee fi miira kee irratti miidhaa geessisa. Tarii immoo rakkina jalqaba si dhiphise caalaa rakkina cimaa sitti fiduu dandaʼa.

Yaada dhiphina hirʼisuuf si gargaaru

  • Fuula nama gaddee.

    Odeeffannoo gaarii hin taane ilaaluu, dubbisuu fi dhaggeeffachuu hirʼisi. Rakkina jiru ilaalchisee waan hundumaa beekuun si hin barbaachisu. Rakkina ilaalchisee gabaasa hedduu yoo ilaalte, yoo dubbiste ykn yoo dhaggeeffatte caalaatti sodaatta, akkasumas abdii dhabda.

    Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Hafuurri cabe . . . humna namaa laaffisa.”—Fakkeenya 17:22.

    “Odeeffannoo haaraa fi nama naasisu ilaaluu barsiifata godhachuun salphaa dha, taʼus barsiifata gaarii miti. Odeeffannoon hordofu yommuun hirʼisu dhiphinni koo baayʼee hirʼata.”—Joon.

    Wanta irratti yaadamuu qabu: Oduu haaraa hordofuuf yeroo hammamii ramaduu qabda?

  • Saʼaatii.

    Barsiifata kee hordofi. Saʼaatii dhaabbataa taʼetti hirribaa kaʼuuf, nyaata nyaachuuf, hojii manaa hojjechuu fi rafuuf yaali. Sagantaa dhaabbataa taʼeen jireenya kee kan geggeessitu yoo taʼe dhiphina sitti dhagaʼamu hirʼisuu dandeessa.

    Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti geessa.”—Fakkeenya 21:5.

    “Yeroo dhibee daddarbaan COVID-19 jalqabetti sagantaa koo isa dhaabbataa ture guutummaatti dhiiseen bashannana irratti yeroo dheeraa dabarsuu jalqabe. Garuu yeroo koo ogummaadhaan itti fayyadamuu waanan barbaadeef, wantan guyyaa guyyaadhaan raawwachuu qabuuf karooran baafadhe.”—Joseef.

    Wanta irratti yaadamuu qabu: Hojiiwwan guyyaa guyyaan hojjechuudhaan xumura guyyaatti itti gammaddu qabdaa?

  • Fuula nama gammadee.

    Wanta gaarii taʼe irratti xiyyeeffadhu. Wanta kanaan dura raawwatte karaa adda taʼeen utuun raawwadheera taʼee jettee yaadda yoo taʼe ykn wanta gaarii hin taanee fi gara fuulduraatti si mudachuu dandaʼu yaadda yoo taʼe caalaatti dhiphatta. Kanaa mannaa wantoota akka galateeffattu si taasisan lama ykn sadii irratti yaadii.

    Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa.”—Qolosaayis 3:15.

    “Kitaaba Qulqulluu dubbisuun koo odeeffannoo gaarii hin taane irraa akkan fagaadhuu fi yaada gaarii taʼe irratti akkan xiyyeeffadhu na gargaareera. Kun waan salphaa fakkaatus jijjiirama fida!”—Liisaa.

    Wanta irratti yaadamuu qabu: Yeroo baayʼee wanta gaarii jireenya kee keessatti si mudate irraanfattee waaʼee wanta gaarii hin taanee fi si mudate irratti xiyyeeffattaa?

  • Kennaa.

    Warra kaaniif yaadi. Yeroo hundumaa dhiphatta taanaan warra kaan irraa adda of baasuu filachuu dandeessa. Warra kaan irraa adda of baasuu mannaa warra gargaarsi barbaachisu akkamitti gargaaruu akka dandeessu yaadi.

    Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.”—Filiphisiyus 2:4.

    “Wanta warra kaan fayyadu gochuun na gammachiisa. Gochi koo kun namootan gargaares ni gammachiisa, akkasumas dhiphina koo hirʼisa. Warra kaan gargaaruu irratti xiyyeeffachuun koo dhiphachuuf yeroo akkan hin arganne godha.”—Maariyaa.

    Wanta irratti yaadamuu qabu: Namoota beektu keessaa namni gargaarsi guddaan isa barbaachisuu dandaʼu eenyu dha? Isa gargaaruuf hoo maal gochuu dandeessa?

  • Onnee.

    Fayyummaa kee kunuunsi. Sochii qaamaa gaʼaa godhi, akkasumas sirriitti boqodhu. Nyaata madaalamaa nyaadhu. Qaama keetiif kunuunsa gochuun kee ilaalcha ati jireenyaaf qabdu sii fooyyessa, akkasumas akka hin dhiphanne si gargaara.

    Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Sochiin qaamaa ni fayyada.’—1 Ximotewos 4:8, miiljalee.

    “Ilmi koo fi ani ala baanee akka barbaanne sochii qaamaa gochuu hin dandeenyu. Haa taʼu malee mana keessatti sochii gochuu jalqabne. Kunis gammachuu akka argannuu fi gaarummaa fi obsa walitti argisiisuuf nu gargaareera.”—Kaatriin.

    Wanta irratti yaadamuu qabu: Fayya buleessa taʼuuf nyaata madaalamaa nyaachuu fi sochii qaamaa dabalataa gochuun si barbaachisaa?

Namoonni hedduun dhiphina hirʼisuuf yaadawwan kana hojii irra oolchuu malees abdii amansiisaa Kitaabni Qulqulluun waaʼee gara fuulduraa dubbatu barachuudhaan fayyadamaniiru. Mata duree “Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?” jedhu ilaali.

Caqasoota Kitaaba Qulqulluu waaʼee dhiphinaa dubbatan

Faarfannaa 55:22: “Baʼaa kee Yihowaa irratti gati, innis si deggera.”a

Hiika isaa: Dhiphina dabalatee baʼaa keenya kadhannaadhaan Waaqayyo irratti gatuu ni dandeenya. Kadhannaan karaa itti uumaa keenya isa nu deggeruu fi ‘rakkina keenya hundumaa keessatti nu jajjabeessu’ itti haasofsiisnu dha.—2 Qorontos 1:3, 4.

Fakkeenya 12:25, miiljalee: “Yaaddoon garaa namaa keessa jiru isa dhiphisa, dubbii gaariin garuu isa gammachiisa.”

Hiika isaa: Miseensota maatii ykn michoota si jajjabeessuu fi gargaarsa sii gochuu dandaʼanii wajjin haasaʼi.

Maatewos 6:27: “Isin keessaa namni yaaddaʼee umurii isaa irratti dhundhuma tokko dabaluu dandaʼu jiraa?”

Hiika isaa: Yeroo baayʼee dhiphinni faayidaa tokko illee hin argamsiisu. Haala keessa jirtu hin fooyyessu ykn furmaata siif hin argamsiisu.

Maatewos 6:31, 32: “‘Maal nyaanna?’ yookiin ‘Maal dhugna?’ yookiin ‘Maal uffanna?’ jettanii matumaa hin yaaddaʼinaa. . . . Abbaan keessan inni samii wantoonni kun hundi akka isin barbaachisan beeka.”

Hiika isaa: Yihowaan nyaanni, uffannii fi manni jireenyaa akka nu barbaachisu nuti hubachuu keenya dura illee beeka.

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo ti.—Faarfannaa 83:18.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi