LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbv mataduree 4
  • Maatewos 6:34—“Waaʼee Boriitiif hin Yaaddaʼinaa”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maatewos 6:34—“Waaʼee Boriitiif hin Yaaddaʼinaa”
  • Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Hiika Maatewos 6:34
  • Yaada naannoo Maatewos 6:34⁠tti argamu
  • Hin Yaaddaʼinaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • Dhiphina Damdamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Yaaddoo
    Dammaqaa!—2016
  • Dhiphina Toʼachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
ijwbv mataduree 4

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Maatewos 6:34—“Waaʼee Boriitiif hin Yaaddaʼinaa”

“Matumaa waaʼee boriitiif hin yaaddaʼinaa; sababiin isaas guyyaan borii yaaddoo mataa isaa qaba. Guyyaan hundi rakkina mataa isaa gaʼaa taʼe qaba.”—Maatewos 6:34, Hiika Addunyaa Haaraa.

“Waa’ee boriifis hin yaaddaʼinaa, guyyaan borii ofii isaatiif iyyuu in yaaddaʼatao; rakkinni guyyaa sanaa duwwaan iyyuu guyyichaaf in ga’a.”—Maatewos 6:34 hiika bara 1997.

Hiika Maatewos 6:34

Yesuus inni jechoota kana dubbate, namoonni isa dhaggeeffachaa turan rakkina gara fuulduraa ilaalchisee garmalee yaaddaʼuun ykn dhiphachuun akka isaan hin barbaachisne isaaniif mirkaneesseera. Waaʼee rakkina gara fuulduraa dhiphachuu mannaa, rakkina guyyaa guyyaatti isaan mudatuuf furmaata kennuun isaan fayyada.

Yesuus waaʼee borii yaaduu ykn yeroo gara fuulduraatiif karoora baafachuu akka hin qabne dubbachuu isaa miti. (Fakkeenya 21:5) Kanaa mannaa, waaʼee wanta boru taʼuu dandaʼuu garmalee yaaddaʼuu ykn dhiphachuu akka hin qabne nu gargaaruufi. Dhiphinni akkasii gammachuu nu dhabsiisuu fi wanta hojjechuu qabnu irraa xiyyeeffannaa keenya hihiruu dandaʼa. Rakkina gara fuulduraa harʼa waaʼee isaa dhiphachuudhaan furuu hin dandeenyu. Akkasumas, yeroo baayʼee wanti nu yaaddesse sun utuu hin raawwatamiin hafa ykn hamma nuti yaadne cimaa taʼuu dhiisuu dandaʼa.

Yaada naannoo Maatewos 6:34⁠tti argamu

Yesuus kana kan dubbate, yeroo lallaba isaa isa gaaraa isa Maatewos 5-7 irratti argamu barsiisetti dha. Lallaba kana irratti Yesuus, dhiphinni hin barbaachisne jireenya keenya akka hin fooyyessine ykn umurii keenya akka hin dheeressine ibseera. (Maatewos 6:27) Dabalataanis, jireenya keenya keessatti Waaqayyoof yommuu dursa kenninu, waaʼee borii garmalee dhiphachuun akka nu hin barbaachisne dubbateera. Waaqayyoo biqiltootaa fi bineensota illee waan kunuunsuuf warra isa tajaajilanis akka kunuunsu beekamaa dha.—Maatewos 6:25, 26, 28-33.

Maatewos boqonnaa 6 ibsa miiljalee wajjin dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi