LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mrt mataduree 36
  • Yeroo Itti Rakkinni Dinagdee hin Jiraanne ni Dhufaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yeroo Itti Rakkinni Dinagdee hin Jiraanne ni Dhufaa?
  • Mata Dureewwan Dabalataa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo rakkoowwan dinagdeetiif furmaata ni kenna
  • Maatewos 6:33—‘Hundumaa Dura Mootummicha Barbaadaaʼ
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Qaalaʼiinsa Jireenyaa Addunyaa Maratti Mudachaa Jiru—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Kitaabni Qulqulluun Hanqina Nyaataa Yeroo Ammaa Jiru Ilaalchisee Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Mootummaa Waaqayyoo—Yesus Bakka Guddaa Kan Kenneef Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Mata Dureewwan Dabalataa
mrt mataduree 36
Nama godoo baayʼee gidduu dhaabbatee manneen gatii guddaa qaban ilaalaa jiru.

Yeroo Itti Rakkinni Dinagdee hin Jiraanne ni Dhufaa?

Biyyoota adda addaa keessatti namoonni haala dinagdee isaan mudateen kan kaʼe karaa irratti baʼanii mormii dhageessisu. Weerarri dhibee Kooviid-19 immoo rakkoowwan kana caalaatti hammeesseera: rakkoowwan kun sababa dhorkaawwaniin, hanqinaa fi yaalii fayyaa gaʼaa dhabuutiin, hiyyeessaa fi sooressa gidduu garaa garummaa guddaan akka jiraatu godhaniiru, kun immoo namoonni haala isaaniitti akka hin gammanne godheera.

Yeroon rakkinni dinagdee namoota dhiphisu itti badu ni dhufaa laata? Eeyyee. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo rakkoowwan nu irra gaʼaa jiraniif furmaata akka kennu ni dubbata.

Waaqayyo rakkoowwan dinagdeetiif furmaata ni kenna

Rakkina: Ilmaan namootaa sirna dinagdee wanta namoota hunda barbaachisu dhiheessu hundeessuu hin dandeenye.

Furmaata: Waaqayyo bulchiinsa ilmaan namootaa Mootummaa isaatiin bakka buusa. Mootummaan kun samiirra taaʼee guutummaa lafaa bulcha.—Daaniʼel 2:44; Maatewos 6:10.

Buʼaa argamu: Mootummaan Waaqayyoo guutummaa lafaa waan bulchuuf wantoota lafarra jiran mudaa tokko malee ni toʼata. Namoonni matumaa hiyyummaa fi rakkina dinagdeetiin hin dhiphatan. (Faarfannaa 9:7-9, 18) Kanaa mannaa, wanta itti dadhabanitti, akkasumas buʼaa argatanitti maatii isaanii wajjin jireenyatti ni gammadu. Kitaabni Qulqulluu abdii akkana jedhu kenna: “Isaan manneen ni ijaaru, keessas ni jiraatu, mukeetii wayinii ni dhaabu, firii isaaniis ni nyaatu. Mana isaan ijaaran keessa namni kan biraan hin jiraatu, muka wayinii isaan dhaabanis namoonni kan biroon hin nyaatan.”—Isaayyaas 65:21, 22.

Rakkina: Namoonni haalawwan isaan dhiphisanii fi wanta isaan barbaachisu akka dhaban isaan taasisan hambisuu hin dandeenye.

Furmaata: Waaqayyo Mootummaa isaatti fayyadamee haalawwan namootatti sodaan akka dhagaʼamu godhanii fi nageenyi akka itti hin dhagaʼamne godhan ni balleessa.

Buʼaa argamu: Namoonni eegumsa Waaqayyoo jala waan taʼaniif taʼeewwan wanta isaan qaban jalaa fudhatan ykn wanta maatii isaaniif barbaachisu akka dhaban godhan hin jiraatan. Fakkeenyaaf, waraanni, hanqinni nyaataa fi weerarri dhibee matumaa deebiʼanii hin uumaman. (Faarfannaa 46:9; 72:16; Isaayyaas 33:24) Waaqayyo, “Sabni koo iddoo dhaabbataa nagaa qabu keessa, iddoowwan jireenyaa amansiisoo fi iddoowwan boqonnaa tasgabbii qaban keessa ni jiraata” jedheera.—Isaayyaas 32:18.

Rakkina: Yeroo baayʼee namoonni ofittoo fi sassatoo taʼan karaa sirrii hin taaneen namoota qabu.

Furmaata: Namoonni Mootummaa Waaqayyoo jalatti bulan akka ofii isaanitti warra kaan akka jaallatan baratu.—Maatewos 22:37-39.

Buʼaa argamu: Yeroo Mootummaan Waaqayyoo bulchu namni hundi fakkeenya jaalala Waaqayyoo isa ‘faayidaa mataa isaa qofa hin barbaannee’ hordofa. (1 Qorontos 13:4, 5) Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Isaan guutummaa gaara koo isa qulqulluu irratti miidhaa yookiin badiisa akkamii iyyuu hin geessisan, sababiin isaas, akkuma bishaan galaana uwwisu, laftis dhugumaan beekumsa Yihowaatiina ni guutamti.”—Isaayyaas 11:9.

Kitaabni Qulqulluun yeroon keessa jiraachaa jirru guyyoota dhuma sirnichaa akka taʼee fi Waaqayyo rakkoowwan dinagdee hundumaa balleessuudhaan dhiheenyatti abdii kenne akka raawwatu ni dubbata.b (Faarfannaa 12:5) Hammasitti garuu qajeelfamawwan Kitaabni Qulqulluun kennu rakkoowwan dinagdee yeroo ammaatti si mudachaa jiru akka dandamattu si gargaaru. Fakkeenyaaf, mata dureewwan “Galii Xiqqaadhaan Jiraachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” (Amaariffa) fi “Qarshiidhaaf Ilaalcha Madaalamaa Qabaachuu” jedhan ilaali.

Kitaaba Qulqulluu fi dinagdee ilaalchisee ilaalcha dogoggoraa jiru

Ilaalcha dogoggoraa: Hiyyummaan hin badu, sababiin isaas Yesuus, “Hiyyeeyyiin yeroo hunda isinii wajjin jiru” jedheera.—Maatewos 26:11.

Dhugaa jiru: Yesuus dhugaa jiru dubbachaa jira: Addunyaa jalʼaan kun hamma jirutti namoonni hiyyeeyyiin ni jiraatu. Haa taʼu malee, ergaan Yesuus, waadaa Mootummaan Waaqayyoo hiyyummaa bara baraaf balleessuuf gale “hiyyeeyyiidhaaf misiraachoo” labsuu kan dabalatu ture.—Luqaas 4:18, 43.

Ilaalcha dogoggoraa: Namoonni Waaqayyoon gammachiisuu barbaadan hiyyeeyyii taʼuu qabu, sababiin isaas Yesuus, “Dhaqi, wanta qabdu gurguriitii hiyyeeyyiidhaaf kenni” jedheera.—Maatewos 19:21.

Dhugaa jiru: Yesuus yeroo kana jedhu duuka buutota isaatiif seera ittiin jiraatan baasuu isaa hin turre. Kanaa mannaa, dargaggeessa qabeenya isaatiin kan kaʼe waan godhu wallaaleef qajeelfama ifa taʼe kennuu isaa ture. Yesuus namni kun jireenya isaa akka salphisuu fi affeerraa duuka buutuu isaa akka taʼu isaaf dhihaate akka fudhatu isa jajjabeessuu isaa ture.

Ilaalcha dogoggoraa: Waaqayyo namoota sooreyyii taʼan ni eebbisa, sababiin isaas Kitaabni Qulqulluun, “Eebbi Yihowaa sooressa nama godha” jedha.—Fakkeenya 10:22.

Dhugaa jiru: Kitaaba Qulqulluu keessatti, “eebbi Yihowaa” yeroo baayʼee karaa hafuuraa sooressa taʼuu, fakkeenyaaf jireenya kaayyoo qabu jiraachuu, Waaqayyoo wajjin hariiroo qabaachuu, akkasumas gara fuulduraatti abdii ifa taʼe qabaachuu kan argisiisu dha. (Faarfannaa 25:14; Yohaannis 17:3) Waaqayyo yeroo tajaajiltoota isaa tokko tokko karaa qabeenyaa itti eebbise qaba, namoonni Kiristiyaanota taʼan hedduun garuu sooreyyii miti. (Uumama 24:34, 35; Yaaqoob 2:5) Yesuus Kiristoos iyyuu qabeenya baayʼee hin qabu ture.—Maatewos 8:20.

Ilaalcha dogoggoraa: Kitaabni Qulqulluun akkuma Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa, namoonni qabeenya isaanii qixxeetti akka fayyadaman barsiisa: Isaan ‘wanta qaban hunda waliin fayyadamu turan; kana malees lafa isaanii fi qabeenya isaanii gurguraniiru.’—Hojii Ergamootaa 2:44, 45.

Dhugaa jiru: Caqasoonni kun qophii Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa yeroo murtaaʼeef namoota dhiheenyatti Kiristiyaanota taʼan ittiin kunuunsuuf godhan ibsu. Namoonni kun bakka sana kan dhufan guyyaa ayyaana Yihudootaa Phenxeqosxee jedhamu irratti argamuufi. (Hojii Ergamootaa 2:5) Haa taʼu malee, yeroo Kiristiyaanota taʼanitti, waaʼee amantii isaanii isa haaraa caalaatti barachuuf yeroo Yerusaalem keessa turuuf yaadan caalaa achi keessa turaniiru. Kanaan kan kaʼes, obboloonni isaanii fedhiidhaan wanta qaban kennuudhaan nyaataa fi iddoo bultii isaaniif qopheessaniiru.—Hojii Ergamootaa 2:41, 42, 46, 47.

a Kitaaba Qulqulluu keessatti akka ibsametti Yihowaan maqaa Waaqayyoo ti.—Faarfannaa 83:18.

b Waaqayyotti amanuu kan qabdu maaliif akka taʼe barachuuf mata duree, “Kitaaba Qulqulluu—Madda Dhugaa Amansiisaa Taʼe” jedhu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi