LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbv mataduree 15
  • Maatewos 6:33—‘Hundumaa Dura Mootummicha Barbaadaaʼ

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Maatewos 6:33—‘Hundumaa Dura Mootummicha Barbaadaaʼ
  • Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Hiika Maatewos 6:33
  • Yaada naannoo Maatewos 6:33tti argamu
  • Hubannaa Dogoggoraa Waaʼee Maatewos 6:33
  • Ammuma Mootummaa Waaqayyoo Deggeri!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • ‘Duraan Dursiitii Yaadakee Mootummaa Waaqayyootti Hidhi’
    Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
  • Mootummaa Waaqayyoo Ilaalchisee Dhugaa Jiru
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
ijwbv mataduree 15

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Maatewos 6:33—‘Hundumaa Dura Mootummicha Barbaadaaʼ

“Egaa, hundumaa dura Mootummichaa fi qajeelummaa isaa barbaaduu keessan itti fufaa; wantoonni kun hundis isiniif ni dabalamu.”—Maatewos 6:33, Hiika Addunyaa Haaraa.

“Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama.”—Maatewos 6:33, hiika bara 1997.

Hiika Maatewos 6:33

Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samii irraa fedhiin Waaqayyoo lafa irratti akka raawwatamu godhu dha. (Maatewos 6:9, 10) Namni tokko jireenya isaa keessatti mootummaa Waaqayyoof dursa kennuudhaan Mootummicha akka barbaadu argisiisa.a Kun waaʼee Mootummaa Waaqayyoo barachuu qofa utuu hin taʼin, wantoota gaggaarii mootummaan kun raawwatu namootatti himuu dabalata. (Maatewos 24:14) Namni Mootummicha barbaadu mootummaan kun akka dhufus kadhata.—Luqaas 11:2.

Qajeelinni Waaqayyoo ulaagaawwan amalaa Waaqayyo sirrii fi dogoggora ilaalchisee baase dabalata. (Faarfannaa 119:172) Kanaafuu namni qajeelina Waaqayyoo barbaadu seerawwan amalaa Waaqayyoo warra yeroo hunda faayidaa qabaniin geggeeffama.—Isaayaas 48:17.

Kun hundi isiniif kennama gaaleen jedhu, namoota jireenya isaanii keessatti Mootummichaa fi ulaagaa qajeelinaa isaatiif dursa kennaniif wanta barbaachisu hunda akka kennu abdii Waaqayyo kenne argisiisa.—Maatewos 6:31, 32.

Yaada naannoo Maatewos 6:33tti argamu

Yesuus yaada kana kan dubbate Lallaba isaa isa Gaaraa Maatewos boqonnaa 5-7 irratti galmeeffamee jiru irratti dha. Namoota Yesuusiin dhaggeeffachaa turan keessaa hedduun isaanii hiyyeeyyii akka taʼan hin shakkisiisu. Kanaafuu wanti jireenya isaanii keessatti baayʼee isaan yaaddessu jireenya guyyaa moʼuu taʼuu dandaʼa. Kun immoo Mootummaa Waaqayyoo akka hin barbaadne yeroo isaan dhabsiisa. Yesuus garuu, akkaataa Waaqayyo biqiltootaa fi bineeldota itti kunuunsu akka hubatan isaan jajjabeesse. Waaqayyo namoota Mootummaa isaatiif dursa kennan akka kunuunsu waadaa galeera.—Maatewos 6:25-30.

Hubannaa Dogoggoraa Waaʼee Maatewos 6:33

Hubannaa Dogoggoraa: Namni Mootummaa Waaqayyoo barbaadu ni sooroma.

Dhugaa isaa: Yesuus Namoonni Mootummaa Waaqayyootiif dursa kennan nyaataa fi uffata dabalatee wantoota jireenyaaf isaan barbaachisu akka argatan dubbateera. (Maatewos 6:25,31, 32) Taʼus, jireenya qannoo akka isaan jiraachisus taʼe, qabeenya hedduu qabaachuun eebba Waaqayyoo argachuu akka argisiisu hin dubbanne. Faallaa kanaatiin qabeenya horachuuf dhamaʼuun balaa akka qabu dhaggeeffattoota isaa akeekkachiise. Sababiin isaas namni akkas godhu tokko Mootummaa Waaqayyootiif dursa kennuun isatti ulfaachuu dandaʼa. (Maatewos 6:19, 20, 24) Phaawulos ergamaan Mootummaa Waaqayyootiif jecha baayʼee kan dhamaʼe taʼus, yeroo itti wantoota jireenyaaf isa barbaachisan dhabe qaba. Akkuma Yesuus innis sooressa taʼuuf tattaafachuun balaa akka qabu akeekkachiiseera.—Filiphisiyus 4:11, 12; 1 Ximotewos 6:6-10.

Hubannaa dogoggoraa: Kiristiyaanonni wanta ittiin jiraatan argachuuf hojjechuun isaan hin barbaachisu.

Dhugaa isaa: Kitaabni Qulqulluun akka dubbatutti Kiristiyaanonni ofii isaaniis taʼe maatii isaanii bulchuuf hojjechuu qabu. (1 Tasalonqee 4:11, 12; 2 Tasalonqee 3:10; 1 Ximotewos 5:8) Yesuus ‘Hunda dura Mootummicha barbaadaa jedhe malee ‘mootummicha qofa barbaadaa hin jenne.

Namoonni Mootummaa Waaqayyootiif dursa kennanii fi wanta ittiin jiraatan argachuuf jabaatanii hojjetan hundi Waaqayyo wanta ittiin jiraatan akka isaaniif kennu amantaa qabaachuu dandaʼu.—1 Ximotewos 6:17-19.

a Yaadni afaan Giriikii “barbaaduu keessan itti fufaa” jedhamee hiikame, “utuu gargar hin kuti” jedhamees hiikamuu dandaʼa. Kanaafuu, Mootummichaaf dursi kennamuu qabu yeroo gabaabaaf ykn faayidaa qofa taʼuu hin qabu.

Maatewos boqonnaa 6 ibsa miiljalee fi caqasoota dabalataa isaa wajjin walqabatan waliin dubbisi; fakkiiwwanis ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi