LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp20 Lakk. 2 ful. 14-15
  • Ammuma Mootummaa Waaqayyoo Deggeri!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ammuma Mootummaa Waaqayyoo Deggeri!
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • HUNDUMAA DURA MOOTUMMICHA NI BARBAADDAA?
  • Maatewos 6:33—‘Hundumaa Dura Mootummicha Barbaadaaʼ
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • ‘Duraan Dursiitii Yaadakee Mootummaa Waaqayyootti Hidhi’
    Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
  • Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
wp20 Lakk. 2 ful. 14-15
Namichi tokko Kitaaba Qulqulluu dubbisuu isaa dura yommuu kadhatu.

Ammuma Mootummaa Waaqayyoo Deggeri!

Obomboleettiin miidhaa guddaa geessisu gara keetti dhufaa akka jiru godhii yaadi. Abbootiin taayitaammoo akeekkachiisa ariifachiisaa, “ASII BAʼAA! AMMUMA IDDOO ITTI BAQATTAN BARBAADADHAA!” jedhu kennaa jiru. Maarree maal goota? Gara iddoo jalaa ooluu itti dandeessutti akka baqattu hin shakkisiisu.

Haaluma wal fakkaatuun hunda keenyayyuu yeroo dhihootti “obomboleettiin” miidhaa guddaa geessisuu fi Yesuus ‘rakkina guddaa’ jedhee waame ni mudata. (Maatewos 24:21) Rakkina guddaa sanarraa baqachuuf iddoon dhaquu dandeenyu hin jiru. Taʼus, eegumsa argachuuf wanti gochuu dandeenyu jira. Maal gochuu dandeenya?

Yesuus Lallaba isaa isa Gaaraarratti qajeelfama, “Hundumaa dura Mootummichaa fi qajeelummaa isaa barbaaduu keessan itti fufaa” jedhu kenneera. (Maatewos 6:33) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?

Hundumaa Dura Mootummaa Waaqayyoo Barbaadi. Kana jechuun Mootummaan Waaqayyoo wanta kamiyyuu caalaa wanta iddoo guddaa qabu akka taʼetti ilaaluu qabna jechuudha. (Maatewos 6:25, 32, 33) Mootummichaaf ilaalcha akkasii qabaachuu kan qabnu maaliifi? Namoonni rakkina ilmaan namootaa furuu waan hin dandeenyeefi. Wanta ulfaataa taʼe kana gochuu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo qofadha.

Qajeelummaa isaa barbaadi. Jireenya keenya keessatti seerotaa fi qajeelfamoota Waaqayyoo eeguuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuu qabna. Maaliif? Sababiin isaas, wanta sirrii fi dogoggora taʼe ofii keenyaan yoo murteessine miidhaa guddaatu nurra gaʼa. (Fakkeenya 16:25) Gama biraatiinimmoo, ulaagaalee Waaqayyoo eegnee yoo jiraanne, isa gammachiisuu qofa utuu hin taʼin, ofii keenyaas faayidaa argachuu dandeenya.—Isaayyaas 48:17, 18.

Hundumaa dura Mootummichaa fi qajeelummaa isaa barbaaduu kee itti fufi. Yesuus namoonni tokko tokko hamma dandaʼan maallaqa hedduu yoo kuufatan tasgabbii qabaachuu akka dandaʼan yaaduun isaanii yaada isaanii akka isaan jalaa hihiru akeekkachiiseera. Warri kaanimmoo yaaddoon jireenyaa baʼaa waan isaanitti taʼuuf, Mootummaa Waaqayyoo barbaaduuf yeroo hin qaban.—Maatewos 6:19-21, 25-32.

Haa taʼu malee, Yesuus warri Mootummaa Waaqayyoo deggeran yeroo ammaatti wanta isaan barbaachisu, gara fuulduraattimmoo eebbawwan dhuma hin qabne akka argatan waadaa galeera.—Maatewos 6:33.

Barattoonni Yesuus jaarraa jalqabaatti turan, Mootummichaa fi qajeelummaa isaa barbaaduu isaanii kan itti fufan taʼus, bara jireenyaa isaaniitti rakkinnii fi dhiphinni hundi yommuu badu hin argine. Garuu, eegumsa argataniiru. Akkamitti?

Jireenya isaanii keessatti ulaagaalee Waaqayyoo warra qajeeloo taʼan eeganii jiraachuun isaanii rakkina warra gorsa Waaqayyoo dhagaʼuu didanirra gaʼurraa isaan eegeera. Mootummichi akka dhufu amantii cimaa qabaachuun isaanii rakkoowwan ciccimoo taʼan dandamachuuf isaan gargaareera. Waaqayyos rakkoowwan isaan mudachaa turan akka dandamataniif ‘humna humna caalu’ isaaniif kenneera.—2 Qorontos 4:7-9.

HUNDUMAA DURA MOOTUMMICHA NI BARBAADDAA?

Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa ajaja Yesuus hundumaa dura Mootummicha akka barbaadan isaaniif kenneef ajajamaniiru. Misiraachoo Mootummichaa guutummaa addunyaa bara isaanii ture keessatti lallabaniiru. (Qolosaayis 1:23) Yeroo harʼaattoo namoonni akkas godhan jiruu?

Eeyyee! Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroon Mootummaan Waaqayyoo sirna amma jiru kana itti balleessu akka dhihaate ni hubatu. Kanaafuu hojii Yesuus, “Saboota hundumaatti ragaa akka taʼuuf misiraachoon Mootummichaa guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa” jechuudhaan waaʼee isaa dubbate raawwachuuf wanta dandaʼan hunda godhu.—Maatewos 24:14.

Atoo misiraachoo kanaaf deebii akkamii kennita? Fakkeenya namoota jaarraa jalqabaatti magaalaa Maqedooniyaa kan taate Beeriyaa keessa jiraachaa turanii akka hordoftu si jajjabeessina. Isaan yommuu Phaawulos ergamaan waaʼee misiraachoo Mootummichaa isaanitti himu, “hawwii guddaadhaan” ergaa isaa fudhataniiru. Achiis, wanti dhagaʼan dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffachuuf, “Kitaabota Qulqulluu of eeggannoodhaan [qoraniiru],” wanta baratanis hojiirra oolchaniiru.—Hojii Ergamootaa 17:11, 12.

Addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Mootummaa Waaqayyoo deggeruuf tarkaanfii fudhataniiru

  1. Dhugaa Baatonni Yihowaa nama mana isaa fuuldura dhaabbatee wajjin yommuu mariʼatan.

    Misiraachoo Mootummichaa dhagaʼi

  2. Namichi kun Dhugaa Baatuu Yihowaa tokkoo wajjin mana isaa keessatti Kitaaba Qulqulluu yommuu qoʼatu.

    Kitaaba Qulqulluu of eeggannoodhaan qori

  3. Namichi kun Galma Walgaʼiitti walgaʼiirratti yommuu argamu.

    Namoota Mootummicha deggeran wajjin michummaa qabaadhu

  4. Namichi kun Kitaaba Qulqulluu dubbisuu isaa dura yommuu kadhatu.

    Waaqayyoon tajaajiluu akka barbaaddu argisiisi

Atis akkas gochuu dandeessa. Hundumaa dura Mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduudhaan, yeroo ammaatti eegumsa, gara fuulduraattimmoo nagaa fi tasgabbii bara baraa argatta.

Waaʼee sochii Dhugaa Baatota Yihowaa caalaatti beekuuf weebsaayitii keenya jw.org jedhamu ilaali.

Achirratti afaanota 1,000 oliin odeeffannoo argachuu dandeessa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi