LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wt boq. 11 ful. 101-109
  • ‘Duraan Dursiitii Yaadakee Mootummaa Waaqayyootti Hidhi’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Duraan Dursiitii Yaadakee Mootummaa Waaqayyootti Hidhi’
  • Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dhugaan Mootummichaa Akka Hudhamu Hin Godhin
  • Bartoonni Jaarraa Jalqabaa Fakkeenya Nuu Ta’u
  • Mootummaa Waaqayyootiif Dursa Kenni
  • Amantiin Waaqayyorratti Qabdan Hammam Jabaadha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • Ammuma Mootummaa Waaqayyoo Deggeri!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2020
  • Maatewos 6:33—‘Hundumaa Dura Mootummicha Barbaadaaʼ
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Wantoota Utuu hin Taʼin, Mootummicha Barbaadaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2016
Dabalataan Ilaaluuf
Waaqa Dhugaa Isa Tokkicha Waaqeffadhu
wt boq. 11 ful. 101-109

Boqonnaa Kudha Tokko

‘Duraan Dursiitii Yaadakee Mootummaa Waaqayyootti Hidhi’

1. (a) Yesus dhaggeeffattoonnisaa yaadasaanii Mootummaa Waaqayyoo barbaachuutti akka hidhan kan isaan akeekkachiise maaliifi? (b) Gaaffii akkamii of gaafachuu qabna?

WAGGOOTA 1,900 dura, Yesus yeroo Galiilaatti lallabetti namoota isa dhaggeeffachaa turaniin “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoofi qajeelummaa isaa barbaachuutti hidhaa!” jechuudhaan isaan akeekkachiiseera. Haata’u malee, kana gochuun ariifachiisaa kan ture maaliifi? Kiristos aboo Mootummaasaa qabachuuf waggaa dheeraan isa hafee ture mitii? Eeyyee. Ta’us, Mootummaan Masiihichaa karaa Yihowaan olaantummaasaa itti mirkaneessuufi kaayyoo lafaaf baase itti raawwatudha. Wanti kun barbaachisaa ta’uusaa namni sirriitti hubate hundi Mootummichaaf dursa kenna. Wanti kun jaarraa jalqabaatti barbaachisaa erga ta’e, yeroo Kiristos Mootii ta’e kanattimmoo caalaatti barbaachisaa hin ta’uu? Kanaafuu, amma gaaffiin ka’u, Akkaataan jireenyakoo yaadakoo Mootummaa Waaqayyootti hidhee jiraachuukoo kan argisiisudhaa? kan jedhu ta’a.​—Maatewos 6:​33.

2. Namoonni hedduun maalirratti xiyyeeffatu?

2 Yeroo har’aatti, namoonni miliyoonaan lakkaa’amaniifi addunyaa maratti argaman yaadasaanii Mootummaa Waaqayyootti hidhaniiru. Jaalala Waaqayyoo raawwachuufi isaaf of murteessuudhaan bulchiinsa Mootummichaa akka deggeran argisiisaa jiru. Karaa garabiraammoo namoonni hangana hin jedhamne wantoota biyya lafaatti argaman barbaachuutti qabamaniiru. Qarshii, qabeenyaafi gammachuu qarshiidhaan argamu barbaachuutti qabamaniiru; yookiinimmoo, hojiisaanii babal’isuufis carraaqqii cimaa godhu. Akkaataan jireenyaasaanii dhimma dhuunfaasaaniitti qabeenyaafi gammachuu barbaachuutti akka qabaman kan argisiisudha. Namoonni hedduun Waaqayyotti hin amanan; isatti yoo amananillee isaaf dursa hin kennan.​—Maatewos 6:​31, 32.

3. (a) Yesus bartoonnisaa qabeenya akkamii akka walitti qabatan isaan jajjabeesse? Maaliif? (b) Qabeenyaadhaaf garmalee dhiphachuun barbaachisaa kan hin taane maaliifi?

3 Haata’u malee, qabeenya kana keessaa bara baraaf kan jiraatu wanti tokkollee waan hin jirreef, Yesus bartootasaatiin: “Badhaadhummaa ofii keessaniif lafa irratti . . . walitti hin qabatinaa!” jechuudhaan gorsa isaaniif kenneera. Itti aansuudhaanis, Yihowaa tajaajiluudhaan “garuu badhaadhummaa ofii keessaniif waaqa irratti . . . walitti qabadhaa!” jechuudhaan isaan gorseera. Yesus, duuka buutonnisaa ‘ija fayyaa’ fedha Waaqayyoo gochuurratti xiyyeeffate akka qabaatan isaan akeekkachiiseera. Achiis “Waaqayyoo fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan” jechuudhaan isaanitti dubbateera. Haata’u malee, wantoota jireenyaaf isaan barbaachisan jechuunis nyaata, uffannaafi mana jireenyaa argachuun isaan hin barbaachisuu jechuudhaa? Yesus, “Hin yaadda’inaa!” jechuudhaan erga isaan gorsee booda, simbirroota kan sooru Waaqayyo akka ta’e isaanitti himeera. Waaqayyo akkamitti akka daraarotatti uffisu bartootasaatti erga himee booda, isaanirraa barumsa akka argatan isaan jajjabeesseera. Tajaajiltoonni Yihowaa warra kana hundaa hin caalanii? Kanaafuu, Yesus akkas isaaniin jedhe: “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama.” (Maatewos 6:​19-​34) Jireenyikee kanatti akka amantu ni argisiisaa?

Dhugaan Mootummichaa Akka Hudhamu Hin Godhin

4. Namni tokko garmalee qabeenyaadhaaf xiyyeeffannaa kennuunsaa rakkina akkamii irraan ga’uu danda’a?

4 Wanta ofiifis ta’e maatii ofiitiif barbaachisu dhiheessuuf yaaduun barbaachisaadha. Namni tokko qabeenya argachuuf garmalee kan yaadda’u yoo ta’e rakkinarra bu’uu danda’a. Namni akkasii Mootummaa Waaqayyootti akka amanu dubbachaa, wantoota kaaniif dursa kan kennu yoo ta’e, dhugaan Mootummichaa hudhamuu danda’a. (Maatewos 13:18-​22) Fakkeenyaaf, dargaggeessi bulchaa sabaa ta’e tokko Yesusiin: “Jireenya bara baraatti galuudhaaf maal gochuutu anaaf ta’a?” jedhee gaafatee ture. Namichi amala gaarii kan qabuufi warra kaanis kan gargaaru ture. Ta’us, garmalee qabeenya kan jaallatu waan tureef qabeenyasaa dhiisee duuka buutuu Kiristos ta’uu hin dandeenye. Kanaan kan ka’es, carraa Kiristosii wajjin samiirra jiraachuuf isa dandeessisu dhabe. Yesus yeroo sanatti: “Warra qabeeyyiidhaaf mootummaa Waaqayyootti galuun attam rakkisaa dha!” jedhe.​—Maarqos 10:17-​23.

5. (a) Phaawulos Ximotewosiin kan jajjabeesse maalitti gammadee akka jiraatuuf ture? Maaliif? (b) Seexanni namoonni kiyyoo badiisaa keessa akka galan gochuuf ‘jaalala horiitiin’ kan fayyadamu akkamitti?

5 Kun erga raawwatamee waggoota dheeraa booda, Phaawulos magaalaa daldalaa soorettii turte keessa kan ture Ximotewosiif xalayaa barreesse. Phaawulos akkas jechuudhaan isa akeekkachiiseera: “Nuyi waanuma tokko illee fidnee gara biyya lafaa hin dhufne, isa keessaas waanuma tokko illee fuunee ba’uu hin dandeenyu. Waan ittiin jiraannu, waan keessa jiraannus qabaannaan nu ga’a.” Wanta ofiis ta’e maatiin ofii ‘ittiin jiraatuufi waan keessa jiraatu’ argachuuf hojjechuun barbaachisaadha. Haata’u malee, Phaawulos akkas jechuudhaan akeekkachiiseera: “Warri sooromuu barbaadan immoo qoramatti, kiyyootti, kajeellaatti, gowwummaa isaan miidhu baay’ee keessattis in kufu; kajeellaawwan kunis balleeffamuu fi baduu keessa isaan in buusu.” Seexanni gamnadha. Jalqabarratti namni tokko wantoota xixinnoo ta’anirratti yaannisaa akka qabamu gochuudhaan isa gowwoomsa. Boodammoo bakka hojiitti guddina argachuuf akka carraaqu ykn hojii qarshii baay’ee argamsiisu hojjechuuf jecha yeroo jireenya hafuuraatiif oolchu akka dhabu gochuudhaan dhiibbaa cimaa irraan ga’uu danda’a. Of eeggannoo gochuu baannaan, “horii jaallachuun” wanta baay’ee barbaachisaa ta’e jechuunis hojii Mootummichaa hudhuu danda’a. Phaawulosis akkas jechuudhaan barreesseera: “Namoonni gar tokko yaada isaanii horii argachuu irra kaa’atanii, amanticha irraa badaniiru, waraansa baay’eedhaanis of waraananiiru.”​—1 Ximotewos 6:​7-​10.

6. (a) Kiyyoo qabeenya jaallachuutiin qabamuurraa fagaachuu yoo barbaanne maal gochuu qabna? (b) Yeroo ammaatti haalli dinagdee maaliyyuu yoo ta’e amantii akkamii qabaachuu dandeenya?

6 Phaawulos jaalala dhugaa Ximotewosiif qabuun kaka’ee: “Kana hundumaa irraa fagaadhu!” akkasumas “Wal’aansoo amantii isa gaarii sana jabeessii qabi!” jechuudhaan isa gorseera. (1 Ximotewos 6:​11, 12) Akkaataa jireenyaa namoota biyya lafaa duukaa bu’uudhaan qabeenya jaallachuurraa fagaachuu yoo barbaanne, carraaqqii cimaa gochuu nu barbaachisa. Haata’u malee, haala amantaa keenyaa wajjin wal simuun hojjechuuf carraaqqii yoo goone, Yihowaan matumaa nu hin dhiisu. Jireenyi rakkisaa yoo ta’e, akkasumas hojii dhabuun yoo babal’ate, Yihowaan wanta nu barbaachisu akka nuu kennu shakkii hin qabnu. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Akki jireenya keessanii horiidhaaf sassataa hin ta’in, wanta argattaniin ‘Nu ga’a’ jedhaa! Waaqayyo, ‘Ani matumaa si hin dadhabu, si hin buusus!’ jedheera. Kanaafis amanannee, ‘Gooftaan isa na gargaaruu dha, ani hin sodaadhu; namni maal na gochuu danda’a ree?’ in jenna.” (Ibroota 13:​5, 6) Daawit Mootichis akkas jechuudhaan barreesseera: “Dargaggummaa argeera, dulluma biras ga’eera; garuu namni qajeelaan utuu gatamuu, ijoolleen isaas waan nyaatan dhabanii utuu kadhatanii ani takkaa argee hin beeku.”​—Faarfannaa 37:25.

Bartoonni Jaarraa Jalqabaa Fakkeenya Nuu Ta’u

7. Yesus, lallaba ilaalchisee bartootasaatiif qajeelfama maalii kenne? Kun barbaachisaa kan ture maaliifi?

7 Yesus bartootasaa akka gaariitti erga leenjisee booda, biyya Israa’elitti misiraachoo kana akka lallabaniifi “Mootummaan Waaqaa Dhi’aateera” jedhanii akka labsan isaan erge. Ergaan kun ergaa baay’ee nama gammachiisu ture! Mootiin Mootummichaa, Yesus Kiristos isaan gidduu ture. Ergamoonni kun tajaajila Waaqayyootiif kan of dhiheessan waan turaniif, Waaqayyo akka kunuunsa isaaniif godhu akka amananiif Yesus akkas jechuudhaan isaanitti hime: “Karaadhaaf homaa hin fudhatinaa, ulee qabannaa yookiis korojoo, nyaata yookiis horii, qomee lama illee hin baatinaa! Hamma iddoo sanaa adeemtanitti, manuma itti lixxan taa’aa!” (Maatewos 10:​5-​10; Luqaas 9:​1-6) Yihowaan Israa’eloota keessummoota simachuun aadaasaanii ta’een gargaaramee wanta isaan barbaachisu isaaniif godheera.

8. (a) Yesus du’uusaa dura, hojii lallabaa ilaalchisee qajeelfama haaraa kan kenne maaliifi? (b) Haata’u malee, yeroo kanattis duuka buutonni Yesus maaliif dursa kennuu qabu turan?

8 Boodas Yesus, du’uusaa dura bartoonnisaa gara fuulduraatti haala yeroo sanarraa adda ta’e keessatti hojiisaanii akka raawwatan isaan hubachiisee ture. Namoonni aboorra jiran hojiisaanii waan mormaniif, biyya Israa’el keessatti namoonni keessummummaadhaan isaan simachuu dhiisuu ni danda’u. Akkasumas, utuu baay’ee hin turin gara biyya namoota Waaqayyoo hin ta’inii dhaqanii ergaa Mootummichaa lallabuu qabu turan. Kanaafuu, yeroo kanatti “horii” fi “qalqalloo” qabachuu qabu turan. Waaqayyo nyaataafi uffannaa argachuuf carraaqqii godhan akka isaaniif eebbisu abdachuudhaan, duraan dursanii yaadasaanii Mootummaa Waaqayyoofi qajeelummaasaa barbaaduutti hidhuu qabu turan.​—Luqaas 22:35-​37.

9. Phaawulos wanta jireenyaaf isa barbaachisu argachuuf hojjetus, Mootummaa Waaqayyootiif dursa kennusaa kan argisiise akkamitti? Dhimma kana ilaalchisee gorsa maalii kenne?

9 Namoota gorsa Yesus hojiirra oolchan keessaa Phaawulos fakkeenya gaarii ta’a. Inni jireenyasaa keessatti tajaajilasaatiif dursa kenna ture. (Hojii Ergamootaa 20:24, 25) Lallabuuf naannoo tokko yeroo adeemu, dunkaana hodhuudhaan wanta isa barbaachisu ofumasaatiin guuttata ture. Gargaarsa warra kaanii hin eegu ture. (Hojii Ergamootaa 18:​1-4; 1 Tasaloniiqee 2:9) Ta’us, yeroo warri kaan isa keessumsiisaniifi kennaa isaaf kennuudhaan jaalalasaanii yeroo isaaf ibsan gammachuudhaan fudhata ture. (Hojii Ergamootaa 16:15, 34; Filiphisiiyus 4:​15-​17) Phaawulos Kiristiyaanonni hojii lallabaarratti hirmaachuuf jecha itti gaafatamummaa maatii keessatti qaban akka hin daganne yaadachiisuudhaan, itti gaafatamummaa qaban sirriitti akka raawwatan isaan jajjabeesseera. Jabaatanii akka hojjetan, maatiisaanii akka jaallataniifi wanta qaban warra kaaniin akka ga’an isaan gorseera. (Efesoon 4:​28; 2 Tasaloniiqee 3:​7-​12) Abdiisaanii Waaqayyorratti malee qabeenyaarratti akka hin godhanneefi wanti jireenyasaanii keessatti dursa kennuufii qaban maal akka ta’e hubachuusaanii haala argisiisuun akka jiraatan isaan gorseera. Duraan dursaatii yaada keessan Mootummaa Waaqayyoofi qajeelummaasaatti hidhaa jechuu waan ta’eef, wanti kun barumsa Yesusii wajjin kan wal simudha.​—Filiphisiiyus 1:​9-​11.

Mootummaa Waaqayyootiif Dursa Kenni

10. Yaada ofii Mootummaa Waaqayyootti hidhuu jechuun maal jechuudha?

10 Misiraachoo Mootummichaa warra kaanitti himuudhaan yeroo hammamii dabarsina? Kun haala keenyaafi dinqisiifannaa qabnurratti kan hundaa’edha. Yesus ‘Wanta hojjettan yeroo dhabdan Mootummichaaf dursa kennaa’ akka hin jenne yaadadhu. Barbaachisummaa Mootummichaa waan beekuuf, “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa isaa barbaaduutti hidhaa!” jechuudhaan fedhii Abbaasaa ibseera. (Luqaas 12:31) Wanta nuufis ta’e maatii keenyaaf barbaachisu dhiheessuuf jabaannee hojjechuu kan qabnu ta’us, Yihowaan wanta nu barbaachisu akka nuuf guutu kan amannu yoo ta’e hojii Mootummichaa raawwachuurratti xiyyeeffanna. Kana yoo goones itti gaafatamummaa maatii keenyaa hin dagannu.​—1 Ximotewos 5:8.

11. (a) Yesus, namoonni hundi ergaa Mootummichaa babal’isuurratti qixxee hirmaachuu akka hin dandeenye fakkeenyaan kan ibse akkamitti? (b) Namni tokko ija hammamii akka godhatu kan murteessu maalidha?

11 Namoonni tokko tokko misiraachoo Mootummaa kana lallabuurratti warra kaan caalaa sa’aatii dheeraa dabarsuu danda’u. Haata’u malee, Yesus biyyoo adda addaa ilaalchisee fakkeenya kennerratti, namoonni yaada garaa biyyoo gaariidhaan fakkeeffame qaban hundi ija akka godhatan dubbateera. Ija hammamii godhatu? Haalli namootaa garaagaradha. Kana keessaas umuriin, haalli fayyaafi itti gaafatamni maatii kanaaf sababii ta’uu danda’u. Ta’uyyuu, namni tokko dinqisiifannaa yoo qabaate tajaajilarratti yeroo baay’ee dabarsuu danda’a.​—Maatewos 13:23.

12. Keessumaa dargaggoonni karaa hafuuraa karoora akkamii akka baafataniif jajjabeeffamaniiru?

12 Hirmaannaa tajaajilarratti qabnu guddisuuf galma baafachuun keenya nu gargaaruu danda’a. Dargaggoonni, fakkeenya Ximotewos isa bara dargaggummaasaatti hinaaffaadhaan lallabaa turerratti akka gaariitti yaaduu qabu. (Filiphisiiyus 2:​19-​22) Barumsasaanii yeroo xumuran, tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuu caalu hojii akkamii hojjechuu danda’u? Obboloonni umurii dheeraa qabanis karaa hafuuraa karoora baafachuudhaan faayidaa argachuu danda’u.

13. (a) Hojii Mootummichaarratti yeroo hammamii dabarsuu akka dandeenyu kan murteessu maalidha? (b) Duraan dursinee yaada keenya Mootummicha barbaaduutti hidhuudhaan maal mirkaneessina?

13 Warri kaan kana caalaa hojjechuu danda’u turan jennee isaan hadheessuu mannaa, amantaa qabaachuudhaan karaa hafuuraa hamma haalli keenya nuu heyyametti Waaqayyoon tajaajiluuf carraaqqii gochuudhaan of fooyyessuuf yaalii gochuu qabna. (Roomaa 14:10-​12; Galaatiyaa 6:​4, 5) Seenaa Iyoobirraa hubachuun akka danda’amutti, Seexanni wanti caalaatti namoota yaaddessu qabeenyasaanii, fedhii mataasaaniifi nageenyasaaniiti jedha; akkasumas wanti guddaan akka Waaqayyoon tajaajilan isaan kakaasu ofittummaadha jedhee falma. Haata’u malee, dhugumaan duraan dursinee yaada keenya Mootummicha barbaaduutti kan hiinu yoo ta’e, Seexanni sobduu ta’uusaa saaxiluurratti hirmaachaa jirra jechuudha. Tajaajila Waaqayyootiif akka dursa kenninu mirkaneessina. Kana gochuudhaanis, jechaafi gocha keenyaan garaa keenya guutuu Yihowaa akka jaallannu, olaantummaasaa akka deggerruufi namoota akka jaallannu mirkaneessina.​—Iyoob 1:​9-​11; 2:​4, 5; Fakkeenya 27:11.

14. (a) Tajaajilarratti hirmaachuuf sagantaa baafachuun gaarii kan ta’e maaliifi? (b) Dhugaa Baatonni hedduun tajaajilarratti yeroo hammamii dabarsu?

14 Sagantaa baafannee hojjechuun keenya wanta kanaan dura hojjennu caalaa hojjechuuf nu gargaara. Yihowaanillee kaayyoosaa raawwachuuf ‘dhaaba godheera.’ (Ba’uu 9:5; Efesoon 1:10) Yoo danda’ame, torbanitti yeroo murtaa’e tokko ykn lama qabachuudhaan tajaajilarratti hirmaachuun gaariidha. Addunyaa maratti Dhugaa Baatonni kuma dhibbaan lakkaa’aman, guyyaa guyyaadhaan hojii misiraachoo lallabuurratti sa’aatii lama dabarsuudhaan qajeelchaa gargaaraa ta’anii tajaajilu. Qajeelchitoonni kumaatama dhibbaan lakkaa’aman kaanimmoo guyyaatti naannoo sa’aatii lamaafi walakkaadhaaf ergaa Mootummichaa lallabuurratti dabarsu. Qajeelchitoonni addaafi namoonni hojii misiyoonummaarratti hirmaatanimmoo tajaajila Mootummichaarratti yeroo kanarra caalu dabarsu. Nutis namoota nu dhaga’an hundaaf karaa alidilee ta’een abdii Mootummichaa hiruuf mala barbaachuu dandeenya. (Yohannis 4:​7-​15) Fedhiin keenya hanga haalli keenya heyyame hojii kanarratti hirmaachuu haa ta’u. Kana ilaalchisee Yesus akkas jedheera: “Saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa.”​—Maatewos 24:14; Efesoon 5:​15-​17.

15. Haala tajaajila keenyaa wajjin wal qabateen, gorsi 1 Qorontos 15:58⁠rratti argamu yeroo keenyaaf akka hojjetu kan sitti dhaga’amu maaliifi?

15 Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman saba akkamii keessayyuu yoo jiraatan tokkummaadhaan tajaajila kanarratti hirmaachaa jiru. Gorsi Macaafa Qulqulluu akkas jedhu isaanirratti raawwiisaa akka argatu gochaa jiru: “Egaa utuu hin socho’in jabaadhaatii dhaabadhaa! Itti dadhabuun keessan gooftaa biratti akkasumaan akka hin ta’in beektanii, yeroo hundumaa hojii gooftaa caalchisaa hojjedhaa!”​—1 Qorontos 15:58.

Maree Irra Deebii

• Yesus ‘duraan dursaatii yaada keessan Mootummaa Waaqayyootti hidhaa’ jedhee yeroo dubbate, wanti dursa kennamuufii hin qabne maal ta’uusaa ibseera?

• Wanta ofiifis ta’e maatii keenyaaf barbaachisu dhiheessuu ilaalchisee ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Gama kanaan Waaqayyo gargaarsa akkamii nuu godha?

• Gosa tajaajilaa kamfa’irratti hirmaachuu dandeenyaa?

[Fakkii fuula 107rra jiru]

Yeroo har’aatti, Dhugaa Baatonni Yihowaa dhumni dhufuusaa dura bakka hundumaatti misiraachoo kana lallabaa jiru

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi