LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mrt mataduree 64
  • Bulchaa Isa Kam Filatta?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Bulchaa Isa Kam Filatta?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
  • Mata Dureewwan Dabalataa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Bulchitoonni namoota keessaa filataman hirʼina qabu
  • Geggeessaa Waaqayyo filate
  • Namoota Siyaasaa Ofittoo Taʼan—Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Kiristos Isa Geggeessaa Mudaa Hin Qabne Duukaa Buʼuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Yihowaan Saba Isaa ni Geggeessa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • “Geggeessaan Keessanoo Kristosuma”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Mata Dureewwan Dabalataa
mrt mataduree 64
Waraqaa sagalee saanduqa filannoo keessa kaaʼamaa jiru.

Comstock Images/Stockbyte via Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Bulchaa Isa Kam Filatta?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Kanaafuu, namoonni bulchaa filatan ilaalchisee murtoo cimaa gochuuf jedhu.

Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Bulchitoonni namoota keessaa filataman hirʼina qabu

Kitaabni Qulqulluun bulchitoonni namoota keessaa filataman hundi hirʼina akka qaban ibsa.

  • “Bulchitootatti, ilmaan namootaa warra fayyina argamsiisuu hin dandeenyettis hin amanaminaa. Hafuurri isaa ni baʼa, innis gara biyyootti ni deebiʼa; guyyuma sanatti yaanni isaa ni bada.”—Faarfannaa 146:3, 4.

Bulchitoonni baayʼee gaarii taʼanillee yeroo booda duʼuun isaanii hin oolu. Kana malees, wantoonni gaggaariin isaan hojjetan warra isaan booda dhufaniin jalaa mancaʼuu dandaʼu.—Lallaba 2:18, 19.

Dhugaan isaa kanadha: Kitaabni Qulqulluun akka jedhutti namoonni matumaa ofiin of bulchuu hin dandaʼan.

  • ‘Namni yommuu deemu ofii isaatiin tarkaanfii isaa illee qajeelchuu hin dandaʼu.’—Ermiyaas 10:23.

Yeroo harʼaatti bulchiinsa gaarii fiduu kan dandaʼu jiraa?

Geggeessaa Waaqayyo filate

Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo bulchaa amanamaa dandeettii guddaa qabu akka muude dubbata. Innis Yesuus Kiristoosi. (Faarfannaa 2:6) Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyooti; teessoon mootummaa kanaammoo samii keessadha.—Maatewos 6:10.

Bulchiinsa Yesuus ni filattaa? Kitaabni Qulqulluun kun murtoo baayʼee barbaachisaa akka taʼe ibsa:

  • “Ilma isaatiif [Yesuus Kiristoosiif] ulfina kennaa, taʼuu baannaan Waaqayyo ni dheekkama, isinis karaa irraa ni balleeffamtu, sababiin isaas, dheekkamsi isaa dafee bobaʼa. Warri isatti kooluu galan hundi gammadoo dha.”—Faarfannaa 2:12.

Murtoo gochuu kan qabdu ammadha. Kitaaba Qulqulluurraa akka hubannutti Yesuus bara 1914 irraa eegalee bulchaa jira; yeroo dhihoottimmoo Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa ilmaan namootaa hunda bakka buʼa.—Daaniʼel 2:44.

Bulchiinsa Yesuus deggeruu kan dandeessu akkamitti akka taʼe hubachuuf mata duree, “Ammuma Mootummaa Waaqayyoo Deggeruuf Filadhaa!” jedhu dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi