LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mrt mataduree 117
  • Fincila Siyaasaa—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fincila Siyaasaa—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
  • Mata Dureewwan Dabalataa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Namoonni Gama Siyaasaatiin Akka Wal Qoqqoodan Dursee dubbatameera
  • Xumura Fincila Siyaasaa
  • Lafa Irratti Nagaan kan Dhufu Akkamitti?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Namoonni Nagaa Buusuu kan hin Dandeenye Maaliifi?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Dhukaasa Mana Barumsaatti Banamu—Kitaabni Qulqulluum Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • “Mootummaan Koo Kutaa Addunyaa Kanaa Miti”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2018
Dabalataan Ilaaluuf
Mata Dureewwan Dabalataa
mrt mataduree 117
Qawween afaan lama qabu nama tokkotti akeekamee jira.

Rui Almeida Fotografia/Moment via Getty Images

DAMMAQINAAN EEGAA!

Fincila Siyaasaa—⁠Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Fincilli siyaasaa addunyaa irratti babalʼachaa jira.

  • Meeksikoo keessatti, dorgomtoonni siyaasaa ajjeefaman hamma kanaan duraa caalanii 39 kan gaʼan yommuu taʼu, fincilli siyaasaa kaanis itti dabalamee Filannoo bara 2023-2024​tti Meeksikootti geggeeffame baayʼee jeeqeera.

  • Awurooppaa keessatti yaalii ajjeechaa Caamsaa 15, 2024​tti, muummicha ministeeraa Isloovaakiyaa irratti geggeeffame dabalatee dhiheenya kana fincilli siyaasaa hedduun geggeeffameera.

  • Yuunaayitid Isteetis, Fulbaana 15, 2024​tti yaalii ajjeechaa pireezidaantii Ameerikaa duraanii, Doonaaldi Tiraampi irratti siʼa lammaffaa godhameen kan kaʼe baayʼee jeeqamteetti.

Fincilli siyaasaa akkas kan baayʼate maaliifi? Yeroo taʼe ni dhaabbataa laata? Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

Namoonni Gama Siyaasaatiin Akka Wal Qoqqoodan Dursee dubbatameera

Kitaabni Qulqulluun bara keenya isa “guyyoota dhumaa” jedhamee beekamu keessatti namoonni hedduun ilaalcha fincilaa fi wal dhabiinsaaf sababa taʼu akka qabaatan dursee dubbateera.

  • “Guyyoota dhumaatti yeroon addaa baayʼee rakkisaa taʼe akka dhufu beeki. Sababiin isaas, namoonni . . . kan hin galateeffanne, amanamoo kan hin taane, . . . walii galuuf fedhii kan hin qabne, . . . gara jabeeyyii, . . . gantoota, mata jabeeyyii, boonuudhaan kan of bokoksan [taʼu].”—2 Ximotewos 3:1-4.

Kitaabni Qulqulluun jeequmsii fi fincilli siyaasaa mallattoowwan bara keenyatti mulʼatan keessaa muraasa akka taʼan ibseera. (Luqaas 21:9) Taʼus, fincilli siyaasaa fi waldhabiinsi barabaraaf itti hin fufu.

Xumura Fincila Siyaasaa

Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo bulchiinsa ilmaan namootaa bulchiinsa samiitiin akka bakka buusu ibsa.

  • “Waaqni samii mootummaa matumaa hin balleeffamne tokko ni hundeessa . . . Innis mootummoota kana hundumaa caccabsee ni balleessa; kophaa isaas bara baraaf ni dhaabbata.”—Daaniʼel 2:44.

Mootummaan Waaqayyoo namoonni tokkummaa akka qabaatan godha, addunyaa marattis nagaa fida.

  • Yesuus inni mootii mootummaa kanaa taʼe, “Bulchaa Nagaa” kan jedhamu yommuu taʼu, “nagaan isaas dhuma hin qabaatu.”—Isaayyaas 9:6, 7.

  • Lammiileen isaa ammumallee akkaataa itti nagaadhaan jiraatan barachaa jiru. Kitaabni Qulqulluun buʼaa isaa ilaalchisee, “isaan goraadee isaanii tumanii gara maarashaatti,Eeboo isaaniis tumanii gara haamtuutti ni jijjiiru. Sabni saba irratti goraadee hin kaasu,Isaan kana booda waraana hin baratan” jedha.—Isaayyaas 2:3, 4.

Caalaatti baruudhaaf, mata duree, “Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?” jedhuu fi viidiyoo, Mootummaan Waaqayyoo Maali dha? jedhu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi