DAMMAQINAAN EEGAA!
Kiristiyaana Taʼuu Jechuun Maal Jechuudha?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Yeroo harʼaatti namoonni addunyaa maratti argaman hedduun Kiristiyaanota akka taʼan boonuudhaan kan dubbatan taʼus, wanta warra kaan miidhu raawwatu. Isaan keessaa tokko tokko ofittoodha, akkasumas amanamummaa fi gaarummaa hin argisiisan. Warri kaanimmoo hiriyaa gaaʼelaa isaaniitiif amanamoo hin taʼan. Amalli isaan argisiisan namoota tokko tokkotti gaaffiin, ‘Dhuguma Kiristiyaana taʼuu jechuun maal jechuudha?’ jedhu akka uumamu gochaa jira.
Dhuguma Kiristiyaana taʼuu jechuun maal jechuudha?
Ani Kiristiyaana jedhanii dubbachuun salphaadha. Garuu Kiristiyaana taʼuun wanta dabalatu qaba. Akka Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsametti, Kiristiyaana kan jedhamu nama barataa Yesuus Kiristoos taʼedha. (Hojii Ergamootaa 11:26) Yesuusiyyuu, “Isin dubbii kootiin yoo jiraattan dhuguma barattoota koo ti” jedheera. (Yohaannis 8:31) Dhugaadha, namni dubbii Yesuus guutummaatti eeguu dandaʼu hin jiru. Taʼus, Kiristiyaanni tokko guyyaa guyyaadhaan barumsa Yesuus hordofuu fi jireenyasaa keessatti eeguuf carraaqqii godha. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.
Kiristiyaanonni jaalala ofittummaarraa walaba taʼe argisiisu
Yesuus maal jedhe? “Akka isin wal jaallattaniif ajaja haaraa isiniif nan kenna; akkuman isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa. Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”—Yohaannis 13:34, 35.
Yesuus maal godhe? Yesuus namoota hundatti jaalala ofittummaarraa walaba taʼe argisiiseera; iddoon namoonni hawaasa keessatti qabanii fi naannoon irraa dhufan isaaf jijjiirama hin qabu ture. Namoota dhukkubsatan fayyiseera, namoota beelaʼan sooreera, namootaaf jedhee lubbuusaallee dabarsee kenneera.—Maatewos 14:14-21; 20:28.
Kiristiyaanonni maal godhu? Kiristiyaanonni arjummaa argisiisuudhaan, loogiirraa fagaachuudhaan, akkasumas dhiifama gochuudhaan jaalala ofittummaarraa walaba taʼe argisiisu. Namoota gargaarsi isaan barbaachisu ni gargaaru, warra kaaniif jecha faayidaasaanii aarsaa gochuufis qophaaʼoodha.—1 Yohaannis 3:16.
Kiristiyaanonni amanamoodha
Yesuus maal jedhe? “Dhugaan . . . ana.”—Yohaannis 14:6.
Yesuus maal godhe? Wanti Yesuus dubbatus taʼe raawwatu hundi dhugaadha. Wanta inni barbaadu akka raawwatan ykn akka amanan gochuuf namoota gowwoomsee hin beeku. Wanta mormii isatti fidurrattillee amanamaa taʼuusaatiin beekama.—Maatewos 22:16; 26:63-67.
Kiristiyaanonni maal godhu? Kiristiyaanonni hin soban. Gibira ni kaffalu, hin hatan, akkasumas bakka hojiitti saʼaatiisaaniitti sirriitti fayyadamu. (Roomaa 13:5-7; Efesoon 4:28) Warra kaan hin gowwoomsan, qormaatarratti hin hatan, akkasumas dookmantii hojiis taʼe kan biraarratti odeeffannoo dogoggoraa hin guutan.—Ibroota 13:18.
Kiristiyaanonni gaarummaa ni argisiisu
Yesuus maal jedhe? “Isin warri dadhabdanii fi baʼaan isinitti ulfaate hundi gara koo kottaa, ani boqonnaa isiniif nan kenna. Waanjoo koo baadhaa, ana irraas baradhaa; sababiin isaas, ani garraamii fi kanan gad of qabu dha; ofii keessaniifis boqonnaa ni argattu. Waanjoon koo nama hin quuqu, baʼaan koos salphaa dha.”—Maatewos 11:28-30.
Yesuus maal godhe? Yesuus nama gaarii fi salphaatti itti dhihaatamu ture. Ijoollee ofitti dhiheesseera, namoota dhiphatan jajjabeesseera, akkasumas namootatti kabaja argisiiseera.—Maarqos 10:13-15; Luqaas 9:11.
Kiristiyaanonni maal godhu? Kiristiyaanonni warra kaanitti gaarummaadhaan dubbatu; dubbii naamusa hin qabne ykn dubbii nama miidhu hin dubbatan. (Efesoon 4:29, 31, 32) Warra kaaniif waan yaadaniif carraa itti isaan gargaaran barbaadu.—Galaatiyaa 6:10.
Kiristiyaanonni hiriyaa gaaʼelaa isaaniitiif amanamoodha
Yesuus maal jedhe? “Wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin.”—Maarqos 10:9.
Yesuus maal godhe? Yesuus fuudhee beekuu baatus hiriyoonni gaaʼelaa waliif amanamoo akka taʼan jajjabeesseera. (Maatewos 19:9) Waaʼee gochawwan gaaʼela diiguu dandaʼanii akeekkachiiseera.—Maatewos 5:28.
Kiristiyaanonni maal godhu? Kiristiyaanonni gocha gaaʼelasaanii salphisurraa ni fagaatu. (Ibroota 13:4) Hiriyoonni gaaʼelaa jaalalaa fi kabaja walitti argisiisu.—Efesoon 5:28, 33.