Photo by Stringer/Getty Images
DAMMAQINAAN EEGAA!
Waraana Biyyoota Baha Giddu Galeessaa Keessatti Geggeeffamaa Jiru Ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
Walitti buʼiinsi Yuunaayitid Isteetis, Israaʼelii fi Iraan gidduu jiru namoota addunyaarra jiran baayʼee yaaddesseera. Walitti buʼiinsi kun babalʼatee biyyoota hedduu waliin gaʼaa laata? Mootummoonni walitti buʼiinsa hambisuudhaan addunyaarratti nagaa fiduu ni dandaʼuu?
Namoonni raajii Kitaaba Qulqulluu keessatti dubbatame beekan, walitti buʼiinsi biyyoota Baha Giddu Galeessaa kun waraanni Armaagedoon inni Kitaaba Mulʼataa keessatti ibsame akka jalqabu godha jedhanii yaadu taʼa.
Kitaabni Qulqulluun maal jedha?
Mootummoonni waraana biyyoota Baha Giddu Galeessaa keessatti geggeeffamaa jiru hambisuu ni dandaʼuu?
Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “Bulchitootatti, ilmaan namootaa warra fayyina argamsiisuu hin dandeenyettis hin amanaminaa.”—Faarfannaa 146:3.
Mootummoonni biyyoota Baha Giddu Galeessaa keessatti nagaa kan fidan taʼuu fi dhiisuu isaa ilaalchisee amma wanti beeknu hin jiru. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun akka ibsutti geggeessaan siyaasaa, bulchiinsi ilmaan namootaa ykn gareen namootaa kamiyyuu waraana hambisuu fi nagaa bara baraa fiduu hin dandaʼu. ‘Guutummaa lafaa irraa waraana balleessuu’ kan dandaʼu Waaqayyo qofadha.—Faarfannaa 46:9.
Caalaatti barachuuf, barruu Masaraa Eegumsaa “Waraanni ni Hafa—Akkamitti?” jedhu dubbisi.
Waraanni biyyoota Baha Giddu Galeessaa keessatti geggeeffamaa jiru raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamu gochaa jiraa?
Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “Waraanaa fi oduu waraanaa ni dhageessu. . . . Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni kaʼa.”—Maatewos 24:6, 7.
Walitti buʼiinsi biyyoota Baha Giddu Galeessaa keessa jiru kun ragaa dabalataa “dhuma sirna kanaa” keessa akka jiraannu argisiisudha; kana malees Kitaabni Qulqulluun “guyyoota dhumaa” jedhee waama. (Maatewos 24:3; 2 Ximotewos 3:1) Waraanonni yeroo harʼaatti argaa jirru Waaqayyo dhiheenyatti waraanaa fi rakkoowwan ilmaan namootaa dararaa jiran akka balleessu kan argisiisanidha.
Caalaatti barachuuf, mata duree “Mallattoon ‘Guyyoota Dhumaa’ ykn ‘Bara Dhumaa’ Maalidha?” jedhu dubbisi.
Armaagedoon biyyoota Baha Giddu Galeessaatti jalqabaa?
Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “Isaanis gara bakka Afaan Ibrootaatiin Armaagedoon jedhamutti walitti isaan qaban.”—Mulʼata 16:16.
Waraanni Armaagedoon waraana biyyoota Baha Giddu Galeessaa keessatti eegaluu fi mootummoota ilmaan namootaa gidduutti geggeeffamu miti. Kanaa mannaa, waraana addunyaa maraa mootummoota ilmaan namootaa fi Waaqayyo gidduutti geggeeffamudha.
Caalaatti barachuuf mata duree, “Waraanni Armaagedoon Maali Dha?” jedhu dubbisi.
Wantoonni nu yaaddessan yeroo nu mudatan maaltu nu gargaara?
Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: “Waan hundumaa ilaalchisee kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa malee, waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa.”—Filiphisiyus 4:6.
Waaqni keenya Yihowaana akka isa kadhannu barbaada. Sababiin isaas, inni nuuf yaada; kadhannaa keenya ni dhagaʼa; yaaddoo keenya akka dandamannus nu gargaara. (1 Pheexiros 5:7) Karaa kamiin? Sababii itti waraanni jiraate nutti himuu qofa utuu hin taʼin, waraanaa fi rakkoowwan nurra gaʼaa jiran hundumaa akkamitti akka balleessu nu barsiisuudhaani.—Mulʼata 21:3, 4.
Waaqayyo akkamitti akka nu gargaaru caalaatti barachuuf, mata duree “Kitaaba Qulqulluu Keessaa Yaada Na Jajjabeessu Argachuu Nan Dandaʼaa?” jedhu dubbisi.
a Yihowaan maqaa Waaqayyooti.—Faarfannaa 83:18.