LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mrt mataduree 134
  • Jeequmsi Furmaata Taʼaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jeequmsi Furmaata Taʼaa?
  • Mata Dureewwan Dabalataa
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Wanta Yesuus dubbate
  • Wanta Yesuus raawwatee fi gara fuulduraattis raawwatu
Mata Dureewwan Dabalataa
mrt mataduree 134
Yesuus dhiirota, dubartootaa fi ijoollee garaa garaa barsiisa jira.

YESUUS IRRAA BARADHU

Jeequmsi Furmaata Taʼaa?

Namoonni hedduun yeroo harʼaa jiran walitti buʼiinsi ykn rakkinni yeroo uumamutti jeequmsa kaasuun furmaata akka taʼetti yaadu. Haa taʼu malee, kun barumsaa fi gocha Yesuus Kiristoosii wajjin kan walsimu miti. Mee wantoota inni dubbatee fi raawwate tokko tokko haa ilaallu.

Wanta Yesuus dubbate

Yesuus lallaba isaa isa gaaraa baayʼee beekamaa taʼerratti aariin, humnaan namarratti kaʼuu fi jeequmsi walitti buʼiinsaaf furmaata akka hin taane barsiiseera. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.

  • “Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis isaaniif godhaa.” (Maatewos 7:12; Luqaas 6:31) Seerri amalaa baayʼee gaarii taʼe kun wanta namoonni akka nuu godhan barbaannu nutis akka isaaniif goonu nu jajjabeessa.a Jeequmsi akka nurratti raawwatamu hin barbaannu. Maarree nutoo yeroo walitti buʼiinsi uumamutti illee namoota hunda kabajaa fi gaarummaadhaan qabuun nurra hin jiruu?

  • “Nama maddii kee isa mirgaa kabalu kamiif iyyuu maddii kee isa bitaas itti qabi.” (Maatewos 5:38, 39; Luqaas 6:29) Yesuus namoonni akka nu miidhan heyyamuu qabna jechuu isaa miti. Kanaa mannaa, haaloo baʼuun sirrii akka hin taane dubbachuu isaa ture; geggeessitoonni amantii bara sana turan tokko tokko garuu haaloo baʼuun sirrii akka taʼe barsiisaa waan turan fakkaata. Yesuus garuu, hordoftoonni isaa yeroo namoonni isaan aarsanitti haaloo baʼuu mannaa garraamummaadhaan deebii akka kennan isaan barsiiseera.b

  • “Diinota keessan jaallachuu . . . keessan itti fufaa.” (Maatewos 5:43, 44; Luqaas 6:27) Yesuus namoota nu jibbanii fi jalʼina nurratti raawwatan gaarummaadhaan akka qabnu barsiiseera. Amala gadhee isaan qaban ni deggerra jechuusaa miti.c Haa taʼu malee warra nu jibbanitti gaarummaa argisiisuun keenya aarii isaanii qabbaneessuu fi isaanis gaarummaa akka nutti argisiisan gochuu dandaʼa.

Wanta Yesuus raawwatee fi gara fuulduraattis raawwatu

Yesuus jeequmsi furmaata akka hin taane barsiiseera; wanta barsiise kanas hojiirra oolcheera. Galgala inni qabametti, hordoftoota isaa keessaa tokko Yesuusiif lolee ture; Yesuus garuu, “Goraadee kee manʼee isaatti deebisi; warri goraadee luqqifatan hundi goraadeedhaan badu” isaan jedhe. (Maatewos 26:52) Yesuus namoota hammina isarratti raawwataniif dhiifama gochuudhaan akka isaan jaallatu argisiiseera; isaaniif illee kadhateera!—Luqaas 23:33, 34; 1 Pheexiros 2:23.

Kitaabni Qulqulluun Yesuus inni angafa nagaa taʼe jeequmsa hunda akka balleessu ni dubbata. (Isaayyaas 9:6, 7) Waaʼee abdii nama jajjabeessu kanaa caalaatti barachuuf mata duree, “Waraannii fi Walitti Buʼiinsi kan Dhaabbatu Akkamitti?” jedhu dubbisi.

a Odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree, “Seera Beekamaa Taʼe kan Jedhame Isa Kami Dha?” jedhu dubbisi.

b Odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree, “‘Qooda Ijaa Ija’ Jechuun Maal Jechuu Dha?” jedhu dubbisi.

c Odeeffannoo dabalataa argachuuf mata duree, “‘Diinota Keenya Jaallachuu’ Jechuun Maal Jechuudha?”

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi