LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwfq mataduree 62
  • Cidha Gaaʼelaa Dhugaa Baatota Yihowaa Irratti Maaltu Raawwatama?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Cidha Gaaʼelaa Dhugaa Baatota Yihowaa Irratti Maaltu Raawwatama?
  • Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Cidhi gaaʼelaa kan geggeeffamu akkamitti?
  • Cidhi gaaʼelaa Dhugaa Baatota Yihowaa kan geggeeffamu eessatti?
  • Achi irratti argamuu kan dandaʼan eenyu faʼi?
  • Uffannaan akkamii uffatamuu qaba?
  • Misirrootaaf kennaan ni kennamaa?
  • Burcuqqoo ol fuudhanii walitti buusuun jiraa?
  • Ruuzii fi abaaboon waraqaa irraa tolfame misirrootatti ni facaafamaa?
  • Nyaataa fi dhugaatiin ni jiraataa?
  • Muuziqaa fi shubbisni ni jiraataa?
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa guyyaa cidha isaanii waggaa waggaan ni kabajuu?
  • Cidhawwan Waaqayyoofi Nama Biratti Ulfina Qaban
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • Saanduqa Gaaffii
    Tajaajila Mootummaa—2008
  • Akkaataa Jireenya Keessaniitiin Amantaa Akka Qabdan Argisiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • Yeroo Cidha Gaaʼelaa Qopheessuuf Karoorfattanitti Dhiibbaa Addunyaa Irraa Of Qusadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
ijwfq mataduree 62
Misirroonni tokko mooraa keessatti cidha gaaʼelaa godhachaa jiru. Misirrichi misirrittiidhaaf qubeelaa kaʼaa jira.

Cidha Gaaʼelaa Dhugaa Baatota Yihowaa Irratti Maaltu Raawwatama?

Cidhi gaaʼelaa Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo baayʼee sirna salphaa, ulfina qabeessaa fi haasaa gabaabaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kan dabalatu dha. Sirni kun namoota affeeruu fi nyaata qopheessuus kan dabalatu taʼuu dandaʼa.a Yesuus jalqaba tajaajila isaatti magaalaa Qaanaa keessatti cidha akkasii irratti argameera.—Yohaannis 2:1-11.

  • Cidhi gaaʼelaa kan geggeeffamu akkamitti?

  • Cidhi gaaʼelaa Dhugaa Baatota Yihowaa kan geggeeffamu eessatti?

  • Achi irratti argamuu kan dandaʼan eenyu faʼi?

  • Uffannaan akkamii uffatamuu qaba?

  • Misirrootaaf kennaan ni kennamaa?

  • Burcuqqoo ol fuudhanii walitti buusuun jiraa?

  • Ruuzii fi abaaboon waraqaa irraa tolfame misirrootatti ni facaafamaa?

  • Nyaataa fi dhugaatiin ni jiraataa?

  • Muuziqaa fi shubbisni ni jiraataa?

  • Dhugaa Baatonni Yihowaa guyyaa cidha isaanii waggaa waggaan ni kabajuu?

Cidhi gaaʼelaa kan geggeeffamu akkamitti?

Wanti bakki guddaan kennamuuf haasaa gaaʼelaa gara daqiiqaa 30f tajaajilaa Dhugaa Baatota Yihowaatiin dhihaatu dha. Haasaan miira hoʼaatiin, akkasumas karaa nama jajjabeessuun dhihaatu kun Kitaabni Qulqulluun misirroonni, gaaʼela umurii guutuu turu, jaalalaa fi gammachuu qabu qabachuuf kan isaan gargaaru akkamitti akka taʼe addeessa.—Efesoon 5:33.

Biyyoota hedduu keessatti, mootummaan tajaajiltoonni Dhugaa Baatota Yihowaa, gaaʼela mootummaa biratti fudhatama qabu akka raawwachiisan mirga isaaniif kennaniiru. Akkas yoo taʼe gara dhuma haasaa sanaatti misirroonni sun waliif kakatu. Quba waliittis qubeelaa waliif kaʼuu ni dandaʼu. Achiis tajaajilaan sun abbaa manaa fi haadha manaa taʼuu isaanii ni beeksisa.

Seerri biyyoota kan biroo immoo, gaaʼelli tokko seera qabeessa akka taʼu gochuu kan dandaʼan abbootii taayitaa akka taʼan ajaja. Misirroonni kun seera kana kan raawwatan haasaan gaaʼelaa kennamuu isaa yeroo muraasa dura dha. Misirrichii fi misirrittiin abbootii taayitaa biratti kakuu waliif hin galle taanaan dhuma haasichaa irratti kakuu waliif galuu dandaʼu. Kakuu waliif galaniiru taanaan immoo akka waan dursee raawwatameetti irra deebiʼaniis kakuu waliif galuu dandaʼu. Achiis haasichi Waaqayyo hiriyoota gaaʼelaa kana akka eebbisu kadhachuudhaan xumurama.

Cidhi gaaʼelaa Dhugaa Baatota Yihowaa kan geggeeffamu eessatti?

Dhugaa Baatonni hedduun Galmi Walgaʼii jira taanaan achi keessatti cidha gaaʼelaa godhachuu filatu.b Misirroonni kun haasaa gaaʼelaa booda affeerraa qopheessaniiru taanaan garuu affeerraa isaanii bakka biraatti godhatu.

Misirroonni tokko Galma Walgaʼii keessatti cidha gaaʼelaa godhachaa jiru. Tajaajilaan Dhugaa Baatota Yihowaa tokko haasaa gaaʼelaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe dhiheessaa jira.

Achi irratti argamuu kan dandaʼan eenyu faʼi?

Cidhi gaaʼelaa sun Galma Walgaʼii keessatti kan geggeeffamu yoo taʼe Dhugaa Baatonnis taʼan namoonni Dhugaa Baatota hin taane kam iyyuu irratti argamuu dandaʼu. Misirroonni kun affeerraa qopheessaniiru yoo taʼe immoo nama barbaadan affeeruu dandaʼu.

Uffannaan akkamii uffatamuu qaba?

Cidha gaaʼelaa Galma Walgaʼii keessatti geggeeffamu irratti uffata adda taʼe tokko uffachuun dirqama taʼuu baatus, Dhugaa Baatonni Yihowaa qajeelfama Kitaaba Qulqulluu uffata seera qabeessaa fi ulfina qabeessa taʼe akka uffatan kennu hordofu. Warri kaanis akkanuma akka godhan barbaadu. (1 Ximotewos 2:9) Misirroonni kun affeerraa qopheessuu barbaadu taanaan qajeelfamni kun achittis ni hojjeta.

Misirrootaaf kennaan ni kennamaa?

Kitaabni Qulqulluun arjaa akka taanu nu jajjabeessa. (Faarfannaa 37:21) Dhugaa Baatonni Yihowaa cidha gaaʼelaa irratti kennaa kennuu fi fudhachuun isaan gammachiisa. (Luqaas 6:38) Haa taʼu malee Dhugaa Baatonni Yihowaa warri kaan kennaa akka isaaniif kennan hin gaafatan ykn maqaa namoota kennaa kennanii ifatti hin dubbatan. (Maatewos 6:3, 4; 2 Qorontos 9:7; 1 Pheexiros 3:8) Gochi kun deeggarsa Kitaaba Qulqulluu kan hin qabne taʼuu isaa irra iyyuu, namoota affeeraman kaan qaanessuu dandaʼa.

Burcuqqoo ol fuudhanii walitti buusuun jiraa?

Lakki. Dhugaa Baatonni Yihowaa akkas kan hin goone gochi kun duudhaa amantii sobaa irra kan dhufe waan taʼeefi.c Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaʼelli misirroota sanaa gammachuu akka qabaatu hawwii qaban karaa kan biraatiin ibsu.

Ruuzii fi abaaboon waraqaa irraa tolfame misirrootatti ni facaafamaa?

Lakki. Biyyoota tokko tokkotti namoonni ruuzii, abaaboo waraqaa irraa tolfame ykn wantoota kanaa wajjin wal fakkaatan misirrootatti ni facaasu. Kun misirroota kanaaf carraa gaarii, gammachuu fi umurii dheeraa argamsiisa jedhanii amanu. Haa taʼu malee Dhugaa Baatonni Yihowaa gochawwan amantii sobaa wajjin walqabatan irraa ni fagaatu. Kunis gocha Kitaaba Qulqulluu wajjin wal faallessu raawwachuudhaan carraa gaarii hawwuu kan dabalatu dha.—Isaayaas 65:11.

Nyaataa fi dhugaatiin ni jiraataa?

Cidhi gaaʼelaa Galma walgaʼii keessatti geggeeffamu nyaataa fi dhugaatii hin qabaatu. Taʼus misirroonni tokko tokko haasaa gaaʼelaa booda bakka biraatti affeerraa ykn bashannana ni qopheessu. (Lallaba 9:7) Yoo dhugaatii alkoolii dhiheessuuf murteessan immoo, baayʼinaan, akkasumas namoota dhuguuf umuriin isaanii hin geenyeef dhiheessuu hin qaban.—Luqaas 21:34; Roomaa 13:1, 13.

Muuziqaa fi shubbisni ni jiraataa?

Misirroonni kun affeerraa qopheessaniiru yoo taʼe muuziqaa fi shubbisni akka jiraatu gochuu dandaʼu. (Lallaba 3:4) Filannaa fi aadaan namootaa garaa gara taʼus muuziqaawwan kun gurra namaatti tolan taʼuu qabu. Cidhi gaaʼelaa Galma Walgaʼii keessatti geggeeffamu, muuziqaa dhaamsa Kitaaba Qulqulluu dabarsu qaba.

Misirroonni tokko namoota affeeraman muraasaa wajjin iddoo affeerrii itti qopheessanitti shubbisaa jiru.

Dhugaa Baatonni Yihowaa guyyaa cidha isaanii waggaa waggaan ni kabajuu?

Kitaabni Qulqulluu guyyaa cidhaa waggaa waggaan kabajuu kan hin deeggarre ykn kan hin mormine waan taʼeef hiriyoonni gaaʼela Dhugaa Baatota taʼan guyyaa cidha isaanii kabajuuf ykn dhiisuuf murteessuu dandaʼu. Kabajuuf yoo murteessan immoo kophaa isaanii ykn michoota isaanii fi maatii isaanii wajjin kabajuu dandaʼu.

a Aadaa, duudhaa fi seerri mootummaa tokko tokko biyyaa biyyatti garaa garummaa qabaachuu dandaʼa.

b Tajaajilaa cidha gaaʼelaa irratti haasaa dhiheessuufis taʼe Galma Walgaʼiitti fayyadamuuf qarshiin hin kaffalamu.

c Burcuqqoo ol fuudhanii walitti buusuun amantii sobaa irraa kan dhufe taʼuu isaa ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa Guraandhala 15, 2007 (Amaariffa) irratti baʼe ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi