LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 11/08 ful. 3
  • Saanduqa Gaaffii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Saanduqa Gaaffii
  • Tajaajila Mootummaa—2008
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Cidhawwan Waaqayyoofi Nama Biratti Ulfina Qaban
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • Cidha Gaaʼelaa Dhugaa Baatota Yihowaa Irratti Maaltu Raawwatama?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Akkaataa Jireenya Keessaniitiin Amantaa Akka Qabdan Argisiisaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • Yeroo Cidha Gaaʼelaa Qopheessuuf Karoorfattanitti Dhiibbaa Addunyaa Irraa Of Qusadhaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
Tajaajila Mootummaa—2008
km 11/08 ful. 3

Saanduqa Gaaffii

◼ Misirroonni sirna gaa’elasaanii Galma Mootummaatti godhachuu barbaannaan, dhimmi isaan jaarsolii wajjin irratti mari’atan maalidha?

Sirni gaa’elaa haala seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu wajjin walsimuun geggeeffamu Yihowaaf ulfina fida. Namoonni sagantaawwan nuyi Galma Mootummaatti geggeessinu jaarmiyaa keenya kan calaqqisiisu godhanii waan ilaalaniif, keessumaa sirni gaa’elaa achitti godhamu Yihowaaf ulfina fiduu qaba. Kanaaf ‘wanti hundinuu sabiriidhaan hojjetamuun’ waan irra jiruuf, jaarsoliin misirroota sirna gaa’elaa Galma Mootummaatti godhachuu barbaadanii wajjin dhimma gaa’elasaanii wajjin wal qabate tokko tokkorratti mari’achuu qabu.—1 Qor. 14:40.

Misirroonni gaa’elasaanii Galma Mootummaatti godhachuu barbaadan, koree tajaajilaa gumii galmichatti wal ga’an xalayaan gaafachuu qabu. Guyyaafi sa’aatii galmichatti fayyadamuu barbaadan dursanii xalayaan ibsuu qabu. Misirroonni, jaarsoliin sagantaa walga’ii gumiif ba’e sirna gaa’elaaf jecha kan hin jijjiirre ta’uusaanii yaadachuu qabu. Kana malees misirroonni kun, seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu Yihowaan qajeelummaarratti hundaa’ee baasee wajjin haala walsimuun kan jiraataniifi karaa hafuuraa haala gaariirra kan jiran ta’uu qabu.

Sirni gaa’elaa kun Waaqa keenyaaf ulfina akka fiduuf misirroonni qophii gaa’elaasaanii utuu hin murteessin dura, koree tajaajilaa wajjin mari’achuu qabu. Jaarsoliin wanta ofiisaanii filtan misirroonni akka raawwatan dirqisiisuu baatanillee, wantoota sirrii hin taaneefi qophiisaanii keessa jiran tokko tokko sirreessuu qabu. Galmichatti dhaga’amuu kan qabu muuziqaa Faarfannaa Mootummichaarraa filatame ykn kitaaba faarfannaarra jiru qofadha. Akkasumas Galma Mootummaa sana miidhagsuufi irra taa’umsa qindeessuuf dursanii koricharraa heyyama argachuu qabu. Suuraa kaasuufi viidiyoo waraabuun jiraannaan, sirna gaa’elaa kana kan salphisu ta’uu hin qabu. Misirroonni dursanii Galma Mootummaatti shaakala gochuu barbaannaan, jaarsoliin sagantaalee gumii warra kaanii hamma hin tuqnetti heyyamuu danda’u. Gabatee beeksisaarratti waraqaan afeerraa kamiyyuu maxxanfamuu hin qabu. Ta’us, sirna gaa’elaa Galma Mootummichaatti godhamu ilaalchisee Walga’ii Tajaajilaarratti beeksisni gabaabaan akka himamu gochuu danda’u.

Namoonni miinjee ta’an hundi cuuphamuu qabu jedhamuu baatus, namoota akkaataan jireenyaasaanii tasumaa seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu wajjin wal hin simne ykn amallisaanii namoota achitti argaman biratti gaaffii kan kaasu taanaan miinjee gochuun sirrii miti. Danda’amnaan sirni gaa’elichaa jaarsaan utuu geggeeffamee gaariidha. Jaarsoliin Macaafa Qulqulluu barsiisuuf ga’umsa waan qabaniif, seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oo sirna bakka guddaan kennamuuf kanaaf barbaachisu akka gaariitti ibsuuf ga’umsa guddaa qabu.—1 Xim. 3:2.

Jaarsa sirna gaa’elaa geggeessurra itti gaafatamummaa guddaan waan jiruuf, wantoonni sirna gaa’elaa kanaan wal qabatan hundi isa beeksifamuu qabu. Jaarsichi misirroonni kun gaa’elaaf yeroo wal qoratan haala akkamiitiin akka dabarsan gaafata; isaanis ifatti kan dubbataniifi amanamoo ta’uu qabu. Misirroonni kun kanaan dura gaa’ela dhaabatanii kan turan taanaan, ragaa karaa Caaffata Qulqullaa’aas ta’e karaa seeraa gaa’ela godhachuu danda’uusaanii mirkaneessu dhiheessuu qabu. (Mat. 19:9) Kunis waraqaa ittiin wal hiikan jaarsichatti argisiisuu dabalata.

Misirroonni jaarsolii wajjin ifatti kan mari’ataniifi guutummaatti wal ta’iinsaan kan hojjetan taanaan, sirni gaa’elaa kun namoota hundaaf guyyaa gammachiisaa ta’a.—Fak. 15:22; Ibr. 13:17

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi