LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 3
  • Araada Poornoogiraafiitiin Yoon Qabame Maalan Godha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Araada Poornoogiraafiitiin Yoon Qabame Maalan Godha?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Wanta gochuu dandeessu
  • Poornoogiraafiirraa Fagaachuu Kanan Qabu Maaliifi?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Poornoogiraafiin Miidhaa Qabaa?
    Masaraa Eegumsaa: Poornoogiraafiin Miidhaa Qabaa?
  • Macaafni Qulqulluun Poornoogiraafii Ni Balaaleffataa?
    Dammaqaa!—2013
  • Hiriyaan Gaaʼelaa Kee Poornoogiraafii yoo Ilaale Maal Gochuu Dandeessa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 3
Gurbaa umurii waggoota kurnanii Intarneetii irratti poornoogiraafii ilaalaa jiru

Araada Poornoogiraafiitiin Yoon Qabame Maalan Godha?

Wanta gochuu dandeessu

Poornoogiraafiin maal akka taʼe hubadhu. Poornoogiraafiin wanta Waaqayyo ulfina qabeessa godhee uume kan salphisu dha. Poornoogiraafii haala kanaan hubachuun ‘wanta hamaa jibbuuf’ si gargaara!—Faarfannaa 97:10.

Miidhaa isaa yaadi. Poornoogiraafiin namoota gocha sana irratti hirmaatan gatii dhabsiisa. Akkasumas nama ilaalu ni salphisa. Kitaabni Qulqulluun, “namni hubataan wanta hamaa in arga, jalaas in dhokata” jechuun isaa sirrii dha.—Fakkeenya 22:3.

Waadaa ofii gali. Iyoob inni amanamaa taʼe, “Ani ija kootii wajjin kakuudhaan walii galeera, egaa attamittan ija hawwaatiin gara durbaa ilaala ree?” jedheera. (Iyoob 31:1) Waadaa ofiif galuu dandeessu keessaa tokko tokko kanneen armaan gadii ti:

  • Kophaa koo yommuun taʼutti Intarneetii hin fayyadamu.

  • Weeb saayitii ykn wantoota weeb saayitii tokko tokko irratti tasa mulʼatanii fi poornoogiraafii argisiisan kam iyyuu yeruma sana nan dhaamsa.

  • Araada kootti yoon deebiʼe michuu koo bilchaataa taʼe tokkotti nan hima.

Harka foʼaadhaan xaxamee jiru

Araadni Poornoogiraafii guddachaa deema, irra deddeebitee yoo ilaalte dhaabuun caalaatti sitti ulfaata

Dhimmicha ilaalchisee kadhadhu. Faarfatichi, “Ija koo wanta waa’ee hin baafne ilaaluu irraa jalʼisi” jedhee kadhannaa garaadhaa madde Yihowaatti dhiheesseera. (Faarfannaa 119:37) Waaqayyo akka siif milkaaʼu barbaada; kanaafuu, yoo isa kadhatte, jabina wanta sirrii raawwachuuf si gargaaru siif kennuu dandaʼa!—Filiphisiyus 4:13.

Nama tokkotti himi. Yeroo baayʼee nama amanamaa tokko filachuun araada irraa bilisa taʼuuf tarkaanfii barbaachisaa dha.—Fakkeenya 17:17.

Kana yaadadhu: Poornoogiraafii ilaaluu yeroo diddu hundatti injifannoo guddaa argatteetta jechuu dha. Injifannoo argatte kana Yihowaatti himi, akkasumas jabina inni sii kenneef isa galateeffadhu. Poornoogiraafii irraa fagaachuudhaan, garaa isaa gammachiisteetta!—Fakkeenya 27:11.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi