LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwfq mataduree 28
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Kudhan Keessaa Harka Tokko Ni Kennuu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Kudhan Keessaa Harka Tokko Ni Kennuu?
  • Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Kurnoo Maal Jedha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
ijwfq mataduree 28

Dhugaa Baatonni Yihowaa Kudhan Keessaa Harka Tokko Ni Kennuu?

Lakki, Dhugaa Baatonni Yihowaa kudhan keessaa harka tokko hin kennan. Hojiin keenya namoota fedhiidhaan buusii godhanii fi eenyummaan isaanii akka beekamu hin barbaanneen deggerama. Kudhan keessaa tokko kennuu jechuun maal jechuu dha? Dhugaa Baatonni Yihowaa akkas kan hin goone hoo maaliifi?

Abboommiin kudhan keessaa tokko kennuu Seera saba Israaʼel duriitiif kenname keessaa tokko dha. Haataʼu malee Macaafni Qulqulluun ‘kudhan keessaa tokko fuudhuu’ dabalatee Seerri kun Kiristiyaanotaaf akka hin hojjenne dubbata.—Ibroota 7:5, 18; Qolosaayis 2:13, 14.

Dhugaa Baatonni Yihowaa kudhan keessaa harka tokko akka kennan gaafatamuu mannaa, fakkeenya Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa hordofuudhaan karaa lamaan tajaajila isaanii deggeru. Isaanis hojii isaanii kaffaltii malee hojjechuu fi fedhiidhaan buusii gochuu dha.

Qajeelfama Macaafni Qulqulluun Kiristiyaanotaaf akkas jechuudhaan kenne hordofna: “Namni adduma addaan garaa duuba yookiis giddiidhaan utuu hin taʼin, akka garaa isaatti murtoo godhetti kennuutu isaaf taʼa; Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu in jaallata.”—2 Qorontos 9:7.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi