LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 170
  • Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Kurnoo Maal Jedha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Kurnoo Maal Jedha?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Kitaaba Qulqulluu keessatti Kurnoo Kennuu—“Kakuu Moofaa”
  • Kitaaba Qulqulluu keessatti Kurnoo Kennuu—“Kakuu Haaraa”
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Kudhan Keessaa Harka Tokko Ni Kennuu?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 170
Namni tokko saanduqa buusii keessa buusuuf poostaa keessa qarshii kaaʼaa jira.

Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Kurnoo Kennuu Maal Jedha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Israaʼeloonni durii waaqeffannaa dhugaadhaaf deggersa gochuuf wanta waggaatti argatan keessaa kurnooa ykn kudhan keessaa tokko akka kennan ajajamanii turan. Waaqayyo akkana isaaniin jedhe: “Ati dhugumaan wanta waggaa waggaatti lafa kee irraa galfattu hundumaa keessaa kudhan keessaa tokko baasuun si irra jira.”—Keessa Deebii 14:22.

Seerri kurnoo kennuu ajaju kutaa Seera Musee, jechuunis seera Waaqayyo saba Israaʼel duriitiif kenne ture. Kiristiyaanonni Seera Museetiif ajajamuuf dirqamni isaan irra hin jiru; kanaaf kurnoo kennuun isaan irraa hin eegamu. (Qolosaayis 2:13, 14) Kanaa mannaa, Kiristiyaanni hundi qajeelfama “Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf, namni hundi garaa duuba yookiin dirqamaan utuu hin taʼin, akkuma garaa isaatti yaadetti haa kennu” jedhu hordofuudhaan buusii qarshii kenna.—2 Qorontos 9:7.

  • Kitaaba Qulqulluu keessatti Kurnoo Kennuu—“Kakuu Moofaa”

  • Kitaaba Qulqulluu keessatti Kurnoo Kennuu—“Kakuu Haaraa”

Kitaaba Qulqulluu keessatti Kurnoo Kennuu—“Kakuu Moofaa”

Kurnoo kennuun kutaa Kitaaba Qulqulluu barsiifataan Kakuu Moofaa jedhamee beekamu keessatti yeroo baayʼee caqasameera. Baayʼeen isaa yeroo Seerri (Seerri Musee) karaa Musee Israaʼelootaaf erga kennamee booda jiru wajjin kan walqabate dha. Haa taʼu malee, yeroo muraasa immoo yeroo sana dura turee wajjin kan walqabate dha.

Seerri Musee Kennamuu Isaa Dura

Namni kurnoo akka kenne ibsame inni jalqabaa Abraam (Abrahaam) ture. (Uumama 14:18-20; Ibroota 7:4) Kurnoon Abraam kenne kennaa siʼa takkaa mootii fi luba Saalemiif kenname akka ture haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Seenaa Kitaaba Qulqulluu keessatti Abrahaamis taʼe ijoolleen isaa deebiʼanii kurnoo akka kennan ragaan ibsu hin argamu.

Namni kurnoo akka kenne Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame inni lammaffaan immoo ilma ilma Abrahaam Yaaqoobi dha. Waaqayyo yoo isa eebbise, “wanta ati anaaf kennitu hundumaa keessaas kudhan keessaa tokko siifan baasa” jedhee Waaqayyoof waadaa gale. (Uumama 28:20-22) Akka hayyoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko jedhanitti, Yaaqoob kurnoo kan kenne aarsaa horii dhiheessuudhaan taʼuu hin oolu. Yaaqoob waadaa gale eeguudhaan kurnoo kan kenne taʼu illee, kurnoo akkasii akka kennan maatii isaa hin dirqisiisne.

Seera Musee Jalatti

Israaʼeloonni durii sochiiwwan waaqeffannaa isaanii wajjin haala wal qabateen raawwataman deggeruuf kurnoo akka kennan ajajamanii turan.

  • Kurnoo kennuun namoota yeroo guutuu hojiiwwan amantii wajjin wal qaban raawwatan, jechuunis luboota lafa qotiisaa mataa isaanii hin qabne dabalatee Lewwootaaf kennama ture. (Lakkoofsa 18:20, 21) Lewwoonni luboota hin taane namoota irraa kurnoo kan fudhatan siʼa taʼu, isaan immoo isuma argatan kana irraa lubootaaf “kudhan keessaa tokko” kennu.—Lakkoofsa 18:26-29.

  • Kurnoo lammaffaan waggaan akka kennan isaan irraa eegamu taʼuu hin oolle, Lewwootas taʼe namoota Lewwoota hin taane kan fayyadu ture. (Keessa Deebii 14:22, 23) Maatiiwwan Israaʼelootaa qophii kana ayyaanawwan addaa wajjin haala wal qabateen kan fayyadaman siʼa taʼu, waggoota muraasa keessatti immoo namoota baayʼee hiyyeeyyii taʼan gargaaruuf itti fayyadamu.—Keessa Deebii 14:28, 29; 26:12.

Kurnoo Kennamu Akkamitti Shallagama Ture? Israaʼeloonni oomisha lafa isaanii irraa waggaatti argatan irraa kurnoo kennan adda baasu. (Lewwoota 27:30) Kurnoo kennan kana oomisha isaanii utuu hin taʼin qarshii kennuuf yoo filatan, harka dhibba keessaa harka 20 itti dabalanii kennu. (Lewwoota 27:31) Kana malees, “karra saawwaa keessaa, karra bushaayee keessaa guutummaa horii ulee tiksituu jala jiru keessaa harki kurnaffaa” akka kennan ajajamaniiru.—Lewwoota 27:32.

Horii isaanii keessaa kurnoo kennuuf yoo murteessan, Israaʼeloonni tokoon tokkoon horii isaanii keessaa isa kurnaffaa filatu. Seerichi horiiwwan filataman kana fudhachuu ykn jijjiiruu ykn kurnoo horii isaanii keessaa kennan qarshiitti jijjiiruu akka hin dandeenye ajaja. (Lewwoota 27:32, 33) Haa taʼu malee, kurnoo inni lammaffaan yeroo ayyaanota waggaatti kabajamanitti faayidaa irra oolu qarshiitti jijjiiramuu dandaʼa. Qophiin kun Israaʼeloota ayyaanicha irratti argamuuf karaa dheeraa deemanii dhufaniif baayʼee gaarii ture.—Keessa Deebii 14:25, 26.

Israaʼeloonni kurnoo kan kennan yoomi? Israaʼeloonni waggaa waggaadhaan kurnoo kennu turan. (Keessa Deebii 14:22) Waggaa torba torbatti garuu haalli isaa adda ture. Waggaan sun sanbata ykn waggaa boqonnaa Israaʼeloonni waan tokko illee itti hin oomishine dha. (Lewwoota 25:4, 5) Haala addaa kana xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan, waggaa kanatti yeroo makaraatti kurnoon hin sassaabamu ture. Marsaa Sanbataa waggaa torbaffaa keessatti waggaa sadaffaa fi jaʼaffaatti, Israaʼeloonni kurnoo isa lammaffaa hiyyeeyyii fi Lewwootaa wajjin hirmaatu turan.—Keessa Deebii 14:28, 29.

Namni kurnoo hin kennine maal adabama ture? Seerri Musee kurnoo kennuu dhiisuun akka nama adabsiisu hin ibsu. Israaʼeloonni kurnoo kan kennan, adabamuu waan sodaataniif utuu hin taʼin, kurnoo kennuun wanta sirrii gochuu qaban akka taʼe waan beekaniifi dha. Israaʼeloonni kurnoo akka kennan Waaqayyo duratti kan labsan taʼuu isaa irra iyyuu, kurnoo kennuu isaaniitiin Waaqayyoo akka isaan eebbis gaafatu. (Keessa Deebii 26:12-15) Waaqayyo kurnoo kennuu dhiisuu akka isa irraa hatuutti ilaala.—Miilkiyaas 3:8, 9.

Kurnoo kennuun baʼaa ulfaataa dhaa? Lakki. Waaqayyo Israaʼeloonni kurnoo yoo kennan, inni eebba isaa isaan irratti akka dhangalaasuu fi wanti tokko illee akka isaanitti hin hirʼanne waadaa galeera. (Miilkiyaas 3:10) Faallaa kanaatiin, sabichi kurnoo utuu hin kennin yeroo hafutti rakkina hedduutu isa irra gaʼa. Eebba Waaqayyoo hin argatan; kana malees luboonnii fi Lewwoonni hojii dhuunfaa isaanii hojjechuuf waan dirqamaniif, Israaʼeloonni Waaqayyoon akka waaqeffatan gargaaruu irratti xiyyeeffachuu hin dandaʼan turan.—Nahimiyaa 13:10; Miilkiyaas 3:7.

Kitaaba Qulqulluu keessatti Kurnoo Kennuu—“Kakuu Haaraa”

Jireenya Yesuus nama taʼee lafa irratti dabarse irrattis, kurnoo kennuun ulaagaa namoota Waaqayyoon waaqeffatan irraa eegamu ture. Haa taʼu malee, ulaagaan kun erga Yesuus duʼee booda hafeera.

Bara Yesuusitti

Kutaa Kitaaba Qulqulluu barsiifataan Kakuu Haaraa jedhamu keessatti yeroo Yesuus lafa irra turettis kurnoo kennuu isaanii akka itti fufan ibsa. Yesuus kurnoo kennuun isaaniif dirqama akka ture amanee fudhateera; geggeessitoota amantii of eeggannoodhaan kurnoo kan kennan taʼus, ‘wantoota guguddaa Seericha keessatti ibsaman, jechuunis haqa, gara laafinaa fi amanamummaa akka laayyootti ilaalan’ balaaleffateera.—Maatewos 23:23.

Erga Yesuus duʼee booda

Kurnoo kennuun erga Yesuus duʼee booda ulaagaa namoota irraa eegamu taʼuun isaa hafeera. Duʼi aaraa Yesuus duʼe, ‘harka kudhan keessaa harka tokko sassaabuu’ ykn kurnoo kennuu dabalatee Seera Musee eeguu haqeera ykn guutummaatti hambiseera.—Ibroota 7:5, 18; Efesoon 2:13-15; Qolosaayis 2:13, 14.

Kurnoo fi “Waldaa Jaarraa Jalqabaa”

“Waldaa Kiristiyaanaa jaarraa jalqabaa keessatti barsiifanni Waaqeffannaa wajjin haala walqabateen galii argatan irraa kurnoo kennuuf murteessuun fedhiidhaan kan kennamu ture, akkasumas hamma Dh.K.B. bara 567 Mana Marii Tuur jedhamu taasifametti kurnoo kennuun dirqama hin turre.”—Cyclopedia of Biblical, Theological, and, Ecclesiastical Literature, by McClintock and Strong, Jildii X, fuula 436.

a Kurnoo kennuun “galii namni tokko argatu kudhan keessaa tokko waan murteeffame tokkoof kan adda baafame dha. . . . Yeroo baayʼee kurnoo kennuun Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame kaayyoo amantiitiif oolu kan argisiisu dha.”—Harper’s Bible Dictionary, fuula 765.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi