LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwfq mataduree 34
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Macaafa Qulqulluu Mataasaanii Qabuu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Macaafa Qulqulluu Mataasaanii Qabuu?
  • Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Hiika Sirriidhaa?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Hiikkaa Dubbii Waaqayyoo Isa Jiraataa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Hiika Addunyaa Haaraa Kan Maxxansine Maaliifi?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
  • A1 Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu Hiikuuf Gargaaran
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
ijwfq mataduree 34
Nama Macaafa Qulqulluu dubbisaa jiru

Dhugaa Baatonni Yihowaa Macaafa Qulqulluu Mataasaanii Qabuu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Macaafa Qulqulluu yommuu qayyabatan, hiikawwan addaddaatti fayyadamaa turaniiru. Afaanota Macaafni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa itti qophaaʼee jirutti garuu macaafa kanatti fayyadamna. Sababnisaas Macaafni kun maqaa Waaqayyootti ni fayyadama, akkasumas sirriitti kan hiikameefi ifa kan taʼedha.

  • Maqaa Waaqayyootti ni fayyadama. Namoonni Macaafa Qulqulluu maxxansan tokko tokko, qaama macaaficha barreessiseef ulfina utuu hin kennin hafaniiru. Fakkeenyaaf, hiikni Macaafa Qulqulluu tokko, maqaa namoota 70 ol taʼaniifi macaaficha qopheessuurratti hirmaatanii caqaseera. Haataʼu malee, macaafni kun maqaa qaama Macaafa Qulqulluu barreessisee, jechuunis maqaa Yihowaa iddoo tokkottiyyuu hin galchine!

    Macaafni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraan garuu, iddoowwan maqaan Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu isa jalqaba barreeffamerratti itti argamu hundarratti kan caqase siʼa taʼu, maqaa namoota hojii hiikkaa isaarratti hirmaatanii garuu utuu hin caqasin hafeera.

  • Sirriitti kan hiikame. Ergaa Macaafni Qulqulluun inni jalqabaa qabatee jiru sirriitti kan dabarsan hiikawwan Macaafa Qulqulluu hunda miti. Fakkeenyaaf, hiikni Macaafa Qulqulluu tokko, Maatewos 7:​13, “Balbala dhiphoodhaan ol seenaa, sababnisaas balballi siiʼol balʼaa, daandiin isatti geessus rakkina kan hin qabnedha” jechuudhaan hiikeera. Macaafni Qulqulluun inni jalqabaa garuu bakka kanatti jecha “siiʼol” jedhutti utuu hin taʼin jecha ‘badiisa’ jedhutti fayyadame.” Haataʼu malee, namoonni Macaafa Qulqulluu hiikan namoonni hamoon ibidda siiʼol keessatti gubatu jedhanii waan amananiif, bakka kanatti jecha “siiʼol” jedhu galchaniiru. Macaafni Qulqulluun garuu yaada kana hin deggeru. Kanaaf, Macaafni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa yaada kana, ‘Karra isa dhiphaadhaan ol seenaa, sababiin isaas karri badiisatti ol galchu balʼaa, daandiin isaas guddaa dha’ jechuudhaan hiikeera.

  • Ifa kan taʼe. Hiikni gaariin, sirriitti kan hiikame qofa utuu hin taʼin ifa, jechuunis hubachuuf salphaa kan taʼe taʼuu qaba. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Roomaa 12:11⁠rratti Phaawulos ergamaan inni Kiristiyaana taʼe, yaada, “Hafuura gubaa qabaadhaa!” jedhutti kallattiidhaan fayyadameera. Afaan Oromoo isa ammayyaatiin yaada kana hubachuun ulfaataa waan taʼeef, Macaafni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa haala salphaatti namaa galuu dandaʼuun hiikeera. Yaannisaa Kiristiyaanonni ‘hafuura gammachuu qabaachuu’ akka qaban dubbata.

Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa maqaa Waaqayyootti kan fayyadamu, sirriitti kan hiikameefi ifa kan taʼe taʼuusaa caalaayyuu kaffaltii malee kan raabsamu taʼuunsaa adda isa godha. Kanaan kan kaʼes, namoonni miliyoonaan lakkaaʼamaniifi Macaafa Qulqulluu bitachuu hin dandeenyellee afaan dhalootaasaaniitiin argatanii dubbisuu dandaʼaniiru.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi