LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwfq mataduree 41
  • Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa Maalidha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa Maalidha?
  • Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Miseensonni Qaama Olaanaa eenyu faʼi?
  • Qaamni Olaanaan kan gurmaaʼe akkamitti?
  • Gargaartonni Qaama Olaanaa eenyu faʼi?
  • “Namoota Akkasiifis Ulfina Kennaa!”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2015
  • Qaamni Olaanaan Kan Gurmaa’e Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Qaamni Olaanaan Yeroo Harʼaa Jiru Kan Hojjetu Akkamitti?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
  • Jaalalaan Tokko Taʼuu—Gabaasa Walgaʼii Waggaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
ijwfq mataduree 41
Miseensonni koree Qaama Olaanaa tokkoo fi gargaartonni koree kanaa walgaʼii godhachaa jiru.

Qaamni Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa Maalidha?

Qaamni Olaanaan, garee Kiristiyaanota bilchina qaban muraasa of keessatti qabatee fi Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaarra jiraniif qajeelfama kennudha. Hojiin isaanii iddoo lamatti qoodama:

  • Barumsa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼee fi karaa barreeffamootaa, walgaʼiiwwanii, akkasumas manneen barumsaa Dhugaa Baatota Yihowaa qophaaʼan toʼatu.—Luqaas 12:42.

  • Hojii lallabaa, itti fayyadama qabeenya buusii taasifamee fi muudama dhiirota gaʼumsa qabanii toʼachuudhaan hojii dhugaa Baatota Yihowaa hoogganu.

Qaamni olaanaan fakkeenya “ergamootaa fi jaarsolii” jaarraa tokkoffaatti Yerusaalem keessa turanii fi gumii kiristiyaanaa mara bakka buʼanii murtoowwan barbaachisaa taʼan gochaa turanii hordofu. (Hojii Ergamootaa 15:2) Akkuma namoota amanamoo taʼan sanaa, miseensonni Qaama Olaanaas geggeessitoota jaarmiyichaa miti. Waaqni keenya Yihowaan Yesuus Kiristoosiin Mataa gumii godhee akka muude waan hubataniif, qajeelfama argachuuf Kitaaba Qulqulluutti fayyadamu.—1 Qorontos 11:3; Efesoon 5:23.

Miseensonni Qaama Olaanaa eenyu faʼi?

Miseensonni Qaama Olaanaa Keeneez Kuuk, Geej Filiigil, Saamuʼel Hardi, Jeefrii Jaaksan, Joodii Jideel, Isteefan Leet, Geerit Loosh, Jeekoob Raamfi, Maark Saandarsan, Deevid Ispileenii fi Jeefrii Wiinderidha. Waajjira muummee Woorwiik, Niwu Yoorki, Yuunaayitid Isteetisitti argamu keessa tajaajilu.

Qaamni Olaanaan kan gurmaaʼe akkamitti?

Qaamni Olaanaan koreewwan hojii garaagaraa toʼatan jaʼa kan hundeesse yeroo taʼu, miseensonni kun tokkoon tokkoon isaanii koree tokko ykn isaa ol keessa tajaajilu.

  • Koree Qindeessitootaa: Dhimmoota seeraa wajjin wal qabatan toʼata; balaawwan yeroo uumaman, Dhugaa Baatonni Yihowaa sababa amantii isaaniitiin ariʼatamni yeroo isaanirra gaʼu, akkasumas, dhimmoonni ariifachiisaa Dhugaa Baatota Yihowaarra miidhaa geessisan yeroo uumaman tarkaanfii fudhata.

  • Koree Parsoneelii: Qophiiwwan miseensota maatii Beeteliif taasifaman toʼata.

  • Koree Maxxansaa: Maxxansaa fi feʼumsa barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanii, ijaarsa iddoowwan waaqeffannaa, waajjiroota hiikkaa fi waajjiroota damee toʼata.

  • Koree Tajaajilaa: Hojii lallaba ‘misiraachoo Mootummichaa’ toʼata.—Maatewos 24:14.

  • Koree Barumsaa: Barumsa hafuuraa karaa walgaʼii, manneen barumsaa, sagalee fi viidiyoodhaan dhihaatuuf qajeelfama kenna.

  • Koree Barreeffamaa: Barumsa hafuuraa bifa maxxansaatiin, akkasumas weebsaayitii keenyarratti baʼuuf qajeelfama kenna; hojii hiikkaas ni toʼata.

Hojiiwwan karaa koree kanaan raawwataman malees, Qaamni Olaanaan wanta jaarmiyicha barbaachisurratti mariʼachuudhaaf torban torbaniin walitti qabama. Walgaʼiiwwan kanarratti wanta Kitaabni Qulqulluun jedhurratti kan mariʼatan yeroo taʼu, murtoo hundi isaanii irratti walii galan gochuuf carraaquudhaan, hafuurri qulqulluun isaan gidduutti akka hojjetu heyyamu.—Hojii Ergamootaa 15:25.

Gargaartonni Qaama Olaanaa eenyu faʼi?

Kiristiyaanota amanamoo koreewwan Qaama Olaanaa gargaaranidha. (1 Qorontos 4:2) Hojii koreen isaan jalatti ramadaman hojjeturratti dandeettii fi muuxannoo kan qaban yeroo taʼu, walgaʼii korichi torban torbaniin taasisurratti ni argamu. Murtoo gochuurratti kan hin hirmaanne taʼus, gorsaa fi odeeffannoo faayidaa guddaa qabu ni kennu, murtoo koree hojiirra ni oolchu, akkasumas buʼaa fi milkaaʼina murtoo kanaa ni gamaaggamu. Obboloota keenya iddoo garaagaraa jiran akka daawwatan ykn qophiiwwan akka walgaʼii waggaa fi eebba Mana Barumsaa Giiliyaadirratti haasaa akka dhiheessan Qaama Olaanaatiin ramadamuu ni dandaʼu.

GARGAARTOTA QAAMA OLAANAA

Koree

Maqaa

Qindeessitootaa

  • Joon, Eekran

  • Pool, Giliiz

  • Tirooyi, Isnaayider

Parsoneelii

  • Daaniʼel, Moolchan

  • Jeeraaldi, Giriizil

  • Maarki, Iskoot

  • Paatriik, Laafraankaa

  • Raalfi, Woolsi

Maxxansaa

  • Aleeksi, Reeyinmuular

  • Deevid, Siinkileer

  • Doonaaldi, Goordan

  • Gaayos, Gilookantiin

  • Haarooldi, Koorkarni

  • Piitar, Piraayis

  • Roobarti, Batlar

  • Roobarti, Luusiyoonii

Tajaajilaa

  • Antoonii, Giriifiin

  • Baaltaasaar, Peerlaa

  • Beetii, Joorjis

  • Geerii, Biroo

  • Joonataan, Ismiiz

  • Jooʼeel, Deeliinjar

  • Kiristoofar, Meevar

  • Liyoon, Wiivar

  • Seet, Haayaat

  • Wiiliyaam, Tarnar

Barumsaa

  • Deevid, Sheefar

  • Maarki, Numeer

  • Maayikil, Baankis

  • Keenez, Filoodiin

  • Roonaaldi, Karzaan

  • Wiiliyaam, Maalenfaanti

Barreeffamaa

  • Hermaanas, Vaan Selmi

  • Iisaak, Maree

  • Jeemsi, Maantiz

  • Jiin, Ismaalii

  • Keenez, Gaadbarni

  • Kilaayiv, Maartiin

  • Liyoonaardi, Meeyarsi

  • Niikolaas, Alaaddis

  • Peer, Kiristeensan

  • Roobarti, Siraankoo

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi