LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 91
  • Dhaabbileen Amantii Kiristiyaanaa Hedduun kan Jiraatan Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dhaabbileen Amantii Kiristiyaanaa Hedduun kan Jiraatan Maaliifi?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Amantii Dhugaa Beekuu Kan Dandeessu Akkamittii?
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Waaqeffannaa Dhugaa Akkamitti Beekuu Dandeessa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Namoonni “Kiristiyaana” Ofiin Jedhan Hundi Kiristiyaanadhaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • Waaqeffannaa Waaqayyo Biratti Fudhatama Qabu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 91
Manneen sagadaa dhaabbilee amantii Kiristiyaanaa gara garaa

Dhaabbileen Amantii Kiristiyaanaa Hedduun kan Jiraatan Maaliifi?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Namoonni barumsawwan Yesuus Kiristoositti fayyadamanii dhaabbilee Amantii ‘Kiristiyaanaa’ jedhaman hedduu hundeessaniiru. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanummaa dhugaa tokko qofti akka jiru mirkaneessa. Sababiiwwan kana itti jennu sadii armaan gaditti ibsamaniiru.

  1. Yesuus “dhugaa” akka barsiise dubbateera; Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaas amantii isaanii “dhugaa” jedhanii waamu turan. (Yohaannis 8:32; 2 Pheexiros 2:2; 2 Yohaannis 4; 3 Yohaannis 3) Jechoonni kun akka argisiisanitti, namoonni barumsa amantii Yesuus barsiise wajjin wal faallessan babalʼisan Kiristiyaanota dhugaa jedhamuu hin dandaʼan.

  2. Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni ‘wanti dubbatan tokko taʼuu’ akka qabu barsiisa. (1 Qorontos 1:10) Haa taʼu malee, dhaabbileen Kiristiyaanota jedhaman hedduun barumsawwan buʼuuraa Kiristiyaana taʼuu wajjin kan wal faallessani dha. Dhaabbileen amantii kun hundi sirrii taʼuu hin dandaʼan.—1 Pheexiros 2:21.

  3. Yesuus namoonni Kiristiyaana ofiin jedhanii fi ajajawwan inni kenne hin raawwanne hedduun akka jiraatan raajii dubbateera, akkasumas namoota akkasii akka hin simanne dubbateera. (Maatewos 7:21-23; Luqaas 6:46) Namoonni tokko tokko geggeessitoota amantii faayidaa isaaniitiif jecha waaqeffannaa dhugaa mancaasaniin gowwoomfamaniiru. (Maatewos 7:15) Haa taʼu malee, namoonni kaan nama maqaa amantii Kiristiyaanaatiin dhugaa Kitaaba Qulqulluu isaan barsiisu utuu hin taʼin, nama wanta isaan dhagaʼuu barbaadan isaanitti himan filatu.—2 Ximotewos 4:3, 4.

Yesuus fakkeenya waaʼee qamadii fi inkirdaadaa dubbate irratti, Kiristiyaanummaa dhugaa irratti gantummaan guddaan akka dhufu raajii dubbateera. (Maatewos 13:24-30, 36-43) Waggoota dheeraadhaaf, Kiristiyaanummaa dhugaa fi Kiristiyaanummaa sobaa gargar baasuun hin dandaʼamu ture. Akkuma Yesuus dursee dubbatee ture, erga ergamoonni isaa duʼanii booda gantummaan babalʼatee ture. (Hojii Ergamootaa 20:29, 30) Barumsawwan gantummaa garaa gara taʼanis, gosawwan Kiristiyaanummaa sobaa hundi “dhugaa irraa jalʼataniiru.”—2 Ximotewos 2:18.

Kana malees, Yesuus oolee bulee Kiristiyaanummaan dhugaa fi Kiristiyaanummaan sobaa gargar akka baʼu raajii dubbateera. Kun kan taʼe bara keenyatti, jechuunis “dhuma sirna kanaa” keessatti dha.—Maatewos 13:30, 39.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi