LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 55
  • Michooma moo Jaalala?—Kutaa 1: Ergaa Akkamii Anaaf Dabarsa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Michooma moo Jaalala?—Kutaa 1: Ergaa Akkamii Anaaf Dabarsa?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Miira akkamii uuma?
  • Kun kan mudatu maaliifi?
  • Wanta gochuu dandeessu
  • Michooma moo Jaalala?—Kutaa 2: Ergaa Akkamiin Dabarsaa Jira?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Bilbilaan Ergaa Waliif Barreessuu Ilaalchisee Maal Beekuun Qaba?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Michoota Dhugaa Qabaachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Dammaqaa!—2016
  • Namni Kun Nama Naaf Taʼudhaa?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 55
Dargaggeessi tokko shamarran hedduutiif ergaa yommuu ergu, isaan keessaa tokko ergichi miira jaalalaa kan qabu akka taʼetti yeroo yaaddu

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Michooma moo Jaalala?—Kutaa 1: Ergaa Akkamii Anaaf Dabarsa?

Nama sana baayʼee jaallatta; innis akkuma kee akka itti dhagaʼamu mirkanaaʼaa dha. Hunda caalaa immoo yeroo hunda bilbilaan ergaa waliif ergitu. Bakka namoonni jiranitti illee kophaa keessan haasoftu. Ergaawwan inni ergu tokko tokko akka inni jaalala siif qabu ibsu.

Kanaafuu hariiroon keessan gara jaalalaatti guddachuu isaa fi innis miira akkasii qabaachuu isaa mirkaneeffachuuf isa haasofsiisuuf murteessite. Maarree deebii akkamii argatte? “Ani michooma irra darbee ilaalcha addaa siif hin qabu.”

  • Miira akkamii uuma?

  • Kun kan mudatu maaliifi

  • Wanta gochuu dandeessu

Miira akkamii uuma?

“Isaa fi ofii kootti baayʼeen aare! Guyyaa guyyaan ergaa waliif ergina. Kana malees xiyyeeffannaa addaa anaaf kennee ture. Kanaaf utuun hin yaadin isa jaallachuun jalqabe.”—Jaazmiin.

“Jarri tokko yeroo wal qorachaa turanitti anii fi intalli tokko isaan duukaa deemna ture. Yeroo tokko tokko lama lama taanee deemuudhaan waan wal qorannu fakkaanna. Lamaan keenya baayʼee haasofna ture. Boodas yeroo hedduu ergaa waliif erguu jalqabne. Michooma irraa kan hafe miira addaa akka ishiin anaaf hin qabne, akkasumas hiriyaa dhiiraa akka qabdu yeroo natti himtu haalicha amanuun baayʼee na rakkise.”—Riichaardi.

“Gurbaan tokko yeroo hunda ergaa naaf erga ture. Yeroo tokko tokko miira jaalalaa walitti argisiisna ture. Haa taʼu malee, akkan isa jaalladhu yeroon itti himu kolfee, ‘Ani amma eenyuu wajjin iyyuu jaalala jalqabuu hin barbaadu’ naan jedhe. Yeroo dheeraadhaaf nan booʼan ture.”—Tamaraa.

Yaada ijoo: Walitti dhufeenyi nama tokkoo wajjin qabdan adda akka taʼe yaaddu taʼa. Namni sun miira isin qabdan akka hin qabne yeroo beektu yoo aarte, qaaniin yoo sitti dhagaʼame, akkasumas akka gowwoomfamte yoo sitti dhagaʼame si dinqisiisuu hin qabu. Dargaggeessi Istiivan jedhamu akkas jedheera: “Haalli akkasii yeroo na mudatetti baayʼeen aare; miirri koos miidhamee ture. Sana booda nama amanuun yeroo dheeraa na fudhateera.”

Kun kan mudatu maaliifi?

Ergaan barreeffamaa fi Weebsaayitiin hawaasaa nama miira jaalalaa siif hin qabnee wajjin salphaadhumatti jaalalaan akka qabamtu gochuu dandaʼu. Wanta dargaggoonni tokko tokko dubbatan mee hubadhu.

“Namni tokko ergaa kan siif barreessu hojii waan hiikeef taʼa; ati garuu xiyyeeffannaa addaa akka siif kenne sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Guyyaa guyyaan ergaa kan siif ergu taanaan immoo miira addaa akka siif qabu gootee yaadda.”—Janiifar.

“Inni tokko michooma jaalalaa uumuu barbaada taʼa; inni kaan garuu dubbachuu waan barbaadeef qofa ykn barbaadamaa akka taʼe akka isatti dhagaʼamu waan barbaadeef qofa taʼuu dandaʼa.”—Jeemsi.

“Namni ‘halkan gaarii’ yoo ittiin jedhan akka ergaa miira jaalalaa qabate itti dhagaʼamu jira. Namni ergicha erge garuu namichaaf tasumaa miira jaalalaa kan hin qabne taʼuu dandaʼa.”—Heeyilii.

“Eergaan mallattoo seequu qabu tokko hariiroo gaarii qabaachuu koo ykn kolomsaan jira yaada jedhu dabarsuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko namni ergaan sun ergameef inni erge sun miira jaalalaa akka isaaf qabu yaaduu dandaʼa.”—Alishiyaa.

Yaada ijoo: Namni tokko xiyyeeffannaa siif kennuun isaa akka si jaallate kan argisiisu akka hin taane yaadadhu.

Dhugaadha akkas gochuun akka dubbatamu salphaa miti. Kitaabni Qulqulluun, “Garaan namaa wanta kam iyyuu caalaa gantuu dha, hamaa dhas” jedha. (Ermiyaas 17:9) Yaadni garaa kee si gowwoomsuu fi namni tokko akka si jaallate gootee akka yaadduu si gochuu dandaʼa. Haa taʼu malee, akkuma mana cirracha irratti ijaaramee walitti dhufeenyi jaalalaa sammuu keetti yaadde dhugaa isaa yeroo beektutti kan hin jirre taʼa.

Wanta gochuu dandeessu

  • Miiraan hin geggeeffamin. Waaʼee walitti dhufeenya keessanii irratti yaadi. ‘Namni kun warra kaan caalaa ilaalcha adda taʼe anaaf qaba jedhee yaaduuf sababii gaʼa qabaa?’ jedhii of gaafadhu. Miirri kee ‘dandeettiin yaaduu kee’ akka hin hojjenne akka dhowwu hin heyyamin.—Roomaa 12:1.

  • Hubannoo qabaadhu. Walitti dhufeenyi keessan michooma caalaa akka taʼe gootee yaaduu mannaa wantoota akka shakkitu si godhan irratti caalaatti xiyyeeffadhu. Nama sanaaf miira jaalalaa waan qabduuf qofa innis miira akkasii akka qabu hin murteessin.

  • Obsa qabaadhu. Walitti dhufeenyi gidduu keessan jiru michooma irra darbuu akka qabu godhee kan yaadu taʼuu fi dhiisuu isaa fuulaa fuulatti sitti hin himne taanaan miira jaalalaa isaaf qabdu akka hin guddanne of eeggadhu.

  • Iftooma qabaadhu. Kitaabni Qulqulluun ‘dubbachuun yeroo akka qabu’ dubbata. (Lallaba 3:7) Namni tokko michooma irra darbee miira addaa akka qabu beekuuf namicha haasofsiisi. Shamarreen Vaalerii jedhamtu, “Inni miira akka kee hin qabu taanaan yeroo booda dhagaʼuu kee mannaa ammuma yaada isaa beekuun miidhaa si irra gaʼu hirʼisa” jetteetti.

Yaada ijoo: Fakkeenyi 4:23, “Garaa kee eeggadhu” jedha. Nama tokkoof jaalala qabaachaa deemteetta taanaan, innis miira akka kee qabaachuu isaa beekuuf yaali. Beekumsa kana utuu hin qabaatin jaalala of keessatti guddisuun dhagaa irratti biqilaa dhaabuu wajjin tokko dha.

Gurbaa ati jaallattu akka si jaallatu yoo beekte akkasumas michooma jaalalaa uumuuf umuriin kee gaʼeera taanaan walitti dhufeenya kana itti fufuu fi dhiisuun murtoo keeti. Gaaʼelli cimaan namoota galma hafuuraa wal fakkaatu qaban, waliif ifa taʼanii fi waliif amanamoo taʼan gidduutti akka uumamu yaadadhu. (1 Qorontos 7:39) Namoonni kun jaalala jalqabuu isaanii dura michoota gaarii kan waliif turan akka taʼanii fi erga wal fuudhanii boodas michoota gaarii taʼanii akka itti fufan hin shakkisiisu.—Fakkeenya 5:18.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi