LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 114
  • Cubbuuwwan Duʼa Geessisan Torba Jiruu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Cubbuuwwan Duʼa Geessisan Torba Jiruu?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Cubbuun Maali Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Waaqa ‘Dhiifama Gochuuf Qophaaʼaa’ Taʼe
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • Waaqayyo Dhiifama Naa Godhaa?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Dhiifamni Yihowaa Siif Hiika Akkamii Qaba?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 114
Namicha hamileen isaa cabe tokko

Cubbuuwwan Duʼa Geessisan Torba Jiruu?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Kitaabni Qulqulluun cubbuuwwan duʼa geessisan jedhaman addaan baasee hin caqasu. Haa taʼu malee, namni tokko cubbuu cimaa raawwachuu kan amaleeffatu yoo taʼe fayyina isa dhabsiisuu akka dandaʼu barsiisa. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun cubbuuwwan ciccimoo akka halalummaa raawwachuu, waaqolii tolfamoo waaqeffachuu, gochawwan hafuura xuraaʼoo raawwachuu, aariidhaan finiinuu fi machii jiran “hojiiwwan foonii” jedhee waama. Itti fufuudhaanis, “Namoonni wantoota akkasii raawwachuu amaleeffatan Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan” jedha.—Galaatiyaa 5:19-21.a

Kitaabni Qulqulluun wantoota Waaqayyo balfu torba ni tarreessaa mitii?

Eeyyee, ni tarreessa. Kitaabni Qulqulluun Fakkeenya 6:16 irratti, “[Yihowaan] wantoota torba ni balfa” jedha. Haa taʼu malee, cubbuuwwan Fakkeenya 6:17-19 irratti tarreeffaman cubbuu hunda kan of keessatti qabatani dha jechuu miti. Kanaa mannaa, yaada, dubbii fi gocha dabalatee, akaakuu gochawwan dogoggoraa wajjin wal qabatan hunda bakka buʼan kan of keessatti qabate dha.b

Ibsi cubbuu duʼa geessisu jedhu maal kan argisiisu dha?

Hiikawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko ibsa kana 1 Yohaannis 5:16 irratti itti fayyadamaniiru. Fakkeenyaaf, Kitaaba Qulqulluu Hiikkaa Waltaʼaa Haaraya irratti, ‘Cubbuun gara duʼaatti nama geessu jira’ jedhameera. Ibsi “gara duʼaatti nama geessu” jedhu ‘cubbuu duʼa geessisu’ jedhamees hiikamuu ni dandaʼa. Maarree ‘cubbuun duʼa geessisuu’ fi ‘cubbuun duʼa hin geessisne’ garaa garummaa maalii qabu?—1 Yohaannis 5:16.

Kitaabni Qulqulluun cubbuun hundi duʼa akka geessisu ifatti dubbata. Haa taʼu malee furii Yesuus Kiristoosiin cubbuu fi duʼa jalaa ooluu ni dandeenya. (Roomaa 5:12; 6:23) Kanaaf, ‘cubbuu duʼa geessisu’ kan jedhame cubbuu furiin Kiristoos haguuguu ykn dhiifama argamsiisuufii hin dandeenye dha. Namni cubbuu akkasii raawwatu taʼe jedhee daandii cubbuu kan hordofu waan taʼeef, ilaalcha isaas taʼe gocha isaa jijjiiruuf matumaa fedhii hin qabaatu. Akkasumas Kitaabni Qulqulluun cubbuun akkasii “dhiifama hin argatu” jedha.—Maatewos 12:31; Luqaas 12:10.

Yaanni cubbuuwwan duʼa geessisan torba jedhu eessaa dhufe?

Yaanni cubbuuwwan duʼa geessisan torba jedhu wantoota amalawwan gadhee guguddaa saddeet keessatti tarreeffaman irratti kan hundaaʼe dha. Wantoota tarreeffaman kana Dh.K.B. jaarraa arfaffaatti kan qopheesse moloksee Saba Kiristiyaanaa Ivaagriiyas Poontiikas jedhamu dha; hojiin nama kanaa moloksee fi kopha galeessa Joon Kaashan jedhamuuf kaʼumsa taʼeera. Jaarraa jaʼaffaatti, Phaaphaasii Giriigoorii Tokkoffaan gochawwan gadhee saddeettan Kaashan qopheesse, gara gochawwan ykn cubbuuwwan duʼa geessisan torba jedhutti jijjiiran; akka barumsa amantii Kaatolikii Roomaatti cubbuuwwan kun, of tuulummaa, sassata, hawwii saalqunnamtii cimaa, goomachuu, albaadhummaa, aarii fi dhibaaʼummaa dha. Giriigooriin cubbuuwwan kana kaʼumsa guddaa cubbuuwwan kaan irraa madduu dandaʼan akka taʼanitti ilaalu turan.

a Kitaabni Qulqulluun itti aansuudhaan Galaatiyaa 5:19-21 irratti jechoota “fi wantoota kana fakkaatan” jedhan waan fayyadamuuf cubbuuwwan ciccimoo 15 tarreeffaman kana qofatu jira jechuu miti. Namni dubbisu sun wantoota “kana fakkaatan” jedhaman keessatti hin ibsamne ofuma isaatiin adda baasee akka hubatu jajjabeesuufi.

b Fakkeenyi 6:16 dubbii dachaa Afaan Ibrootaa isa lammaffaa fi isa jalqabaa wal bira qabee ibsu qabateera. Ibsi akkasii Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo baayʼee itti hojjetama.—Iyyoob 5:19; Fakkeenya 30:15, 18, 21.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi