LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 119
  • Dubbiin Waaqayyoo Eenyuun ykn Maal Argisiisa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dubbiin Waaqayyoo Eenyuun ykn Maal Argisiisa?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Yohaannis 1:1—“Jalqaba Dubbichatu Ture”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Yesuus Ilma Waaqayyoo Jedhamee kan Waamame Maaliifi?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Abbaa, Ilmaafi Hafuura Qulqulluu Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Yesus Kiristos Eenyu?
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 119
Yesuus kitaaba marame qabatee yommuu dubbatu

Dubbiin Waaqayyoo Eenyuun ykn Maal Argisiisa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Jechi “dubbii Waaqayyoo” jedhu yeroo baayʼee ergaa Waaqayyoo tokko ykn isaa ol taʼan argisiisa. (Luqaas 11:28) Iddoowwan muraasatti “Dubbii Waaqayyoo” ykn “Dubbicha” kan jedhu maqaa ulfinaa qaama tokkoof kenname argisiisuuf itti hojjetameera.—Mulʼata 19:13; Yohaannis 1:14.

Ergaa Waaqayyoo. Raajonni yeroo baayʼee ergaan isaan dabarsan dubbii Waaqayyoo akka taʼe dubbatu. Fakkeenyaaf, Ermiyaas “Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufe” jechuudhaan ergaa isaa beeksiseera. (Ermiyaas 1:4, 11, 13; 2:1) Saamuʼel raajichi Waaqayyo Saaʼoliin mootii godhee akka filate itti himuu isaa dura, “Wanta Waaqayyo jedheen sitti himaatii iddoodhuma jirtu dhaabadhu!” isaan jedheera.—1 Saamuʼel 9:27.

Maqaa ulfinaa. Jechi “Dubbicha” jedhu, Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo Yesuus Kiristoos qaama hafuuraa taʼee samii irra turettis taʼe nama taʼee lafa irra turetti maqaa ulfinaa isaaf kennamedha. Ragaawwan akkas akka jennu nu taasisan tokko tokko ilaali.

  • Dubbichi uumamawwan kan biroo hunda dura jira ture. “Jalqaba Dubbichatu ture; . . . Inni jalqaba Waaqayyoo wajjin ture.” (Yohaannis 1:1, 2) Yesuus, “hangafa uumama hundaa ti . . . inni wantoota hundumaa dura dha.”—Qolosaayis 1:13-15, 17.

  • Dubbichi nama taʼee gara lafaa dhufeera. “Dubbichi foon taʼee nu gidduu jiraate.” (Yohaannis 1:14) Yesuus Kiristoos, “duwwaa of godhe; bifa garbummaa fudhatees nama taʼe.”—Filiphisiyus 2:5-7.

  • Dubbichi Ilma Waaqayyoo ti. Akkuma olitti ibsame Yohaannis ergamaan, “Dubbichi foon taʼe” erga jedhee booda, itti fufuudhaan, “Nutis ulfina isa akka ilmi tokkichi Abbaa irraa argatuu taʼe argineerra” jedheera. (Yohaannis 1:14) Yohaannis, “Yesuus Ilma Waaqayyoo” taʼuu isaas ibseera.—1 Yohaannis 4:15.

  • Dubbichi amalawwan Waaqayyoo qaba. “Dubbichi waaqayyo ture.” (Yohaannis 1:1) Yesuus, “ulfina Waaqayyoo ni calaqqisa, eenyummaa isaas sirriitti bakka buʼa.”—Ibroota 1:2, 3.

  • Dubbichi mootii taʼee bulcha. Kitaabni Qulqulluun mataa Dubbii Waaqayyoo irra, “gonfoowwan hedduun” akka jiran dubbata. (Mulʼata 19:12, 13) Dubbichi “Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa” jedhameera. (Mulʼata 19:16) Maqaan kun Yesuusiifis kennameera.—1 Ximotewos 6:14, 15.

  • Dubbichi dubbii himaa Waaqayyoo taʼees ni tajaajila. Maqaan ulfinaa “Dubbicha” jedhu qaamni maqaa kana qabu qaama Waaqayyo odeeffannoo fi qajeelfama dabarsuuf itti fayyadamu kan ibsu fakkaata. Yesuus gaʼee kana akka raawwatu akkana jechuudhaan dubbateera: “Wanta ani jedhuu fi wanta ani dubbadhu Abbaa isa ana erge sanatu na ajaje. . . . Kanaaf, ani wantan dubbadhu hunda akkuma Abbaan anatti himettan dubbadha.”—Yohaannis 12:49, 50.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi