LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 60
  • Waaʼee Dhugaatii Alkoolii Maal Beekuun Qaba?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Waaʼee Dhugaatii Alkoolii Maal Beekuun Qaba?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Wanta erga dhugdee booda uumamuu dandaʼu irratti yaadi
  • Murtoo godhi
  • Kiristiyaanonni Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Akkamii Qabaachuu Qabu?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Waaqayyo Qabu Qabaadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Dhugaatii Alkooliitiif Ilaalcha Sirrii Qabaachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Waaʼee Dhugaatii Alkoolii Ijoollee Barsiisuu
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 60
Dargaggeessa bakka bashanannaatti affeeraan dhugaatii alkoolii isaaf dhihaachaa jiru

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Waaʼee Dhugaatii Alkoolii Maal Beekuun Qaba?

Kitaabni Qulqulluun naannoo seerri heyyamutti hamma tokko dhugaatii alkoolii dhuguu hin dhorku. Machii garuu ni dhorka.—Faarfannaa 104:15; 1 Qorontos 6:10.

Haa taʼu malee, naannoo seerri dhugaatii alkoolii dhuguu dhowwutti ykn yeroo warri kee dhugaatii alkoolii akka dhugdu siif hin heyyamnetti akka dhugdu dhiibbaan yoo si irratti godhame maal goota?

  • Wanta erga dhugdee booda uumamuu dandaʼu irratti yaadi

  • Murtoo godhi

  • Hiriyoonni kee maal jedhu?

Wanta erga dhugdee booda uumamuu dandaʼu irratti yaadi

Hiriyoonni kee tokko tokko yeroo gaarii dabarsuuf dhugaatii alkoolii dhuguun barbaachisaa akka taʼe yaadu taʼa. Haa taʼu malee, dhugaatii alkoolii erga dhugdee booda maaltu uumamuu dandaʼa?

  • Nama mana hidhaa keessa jiru

    Seeraan itti gaafatamta. Bakka dhugaatii alkoolii dhuguun seeraan dhorkaa taʼe kan jiraattu yoo taʼe, dhugaatii alkoolii dhuguun kee, qarshiidhaan akka adabamtu, yakkamaa jedhamtee akka himatamtu, heyyama konkolaachisummaa kee akka dhabdu, tajaajila hawaasaa akka raawwattu ykn hidhaan illee akka sitti murteeffamu gochuu dandaʼa.—Roomaa 13:3.

  • Moobaayilii

    Maqaan kee ni bada. Dhugaatiin alkoolii akka of hin toʼanne si gochuu dandaʼa. Dhiibbaa dhugaatii alkooliitiin wanta booda itti gaabbitu dubbachuu ykn gochuuf qoramuu dandeessa. (Fakkeenya 23:31-33) Yeroo weebsaayitiin hawaasaa itti babalʼate kanatti gochi kee maqaa kee irratti dhiibbaa guddaa geessisuu dandaʼa.

  • Dubartii miidhaan saalaa irra gaʼaa jiru

    Humna of eeguuf qabdu si jalaa laaffisa. Dhugaatiin alkoolii miidhaa qaamaa ykn saalaatiif akka saaxilamtu gochuu dandaʼa. Kana malees, dhiibbaa warra kaaniitiif moʼamuudhaan, wanta balaadhaaf si saaxilu ykn gocha seeraan ala taʼe akka raawwattu si taasisuu dandaʼa.

  • Qaruuraa dhugaatii alkoolii duwwaa

    Araada sitti taʼuu dandaʼa. Qorannaawwan tokko tokko akka argisiisanitti, ijoollummaa keetti dhugaatii alkoolii dhuguu jalqabuun kee, carraan araada sitti taʼuuf qabu akka balʼatu godha. Dhiphina, kophummaa ykn mukaaʼummaa sitti dhagaʼamu dandamachuuf jecha dhugaatii alkoolii dhuguun kee, araada baayʼee cimaa taʼeen akka qabamtu si gochuu dandaʼa.

  • Buqee mataa fi lafeewwan wal qaxxaamuran

    Duʼaaf si saaxiluu dandaʼa. Waggoota dhihoodhaa asitti, Yunaayitid Isteetis keessatti dhugaatii alkoolii dhuganii konkolaachisuun daqiiqaa 52 keessatti lubbuu nama tokkoo galaafachaa jira. Waggaa shan qofa keessatti waggaa waggaatti namoonni umurii waggaa 21 gad taʼanii fi 1,500 ol taʼan sababii balaa dhugaatii alkoolii dhuganii konkolaachisuutiin gaʼeen duʼaniiru. Ati dhugaatii alkoolii dhuguu baattu illee, konkolaataa namni dhugaatii alkoolii dhuge konkolaachisuun yoo deemte balaadhaaf of saaxiluu dandeessa.

Murtoo godhi

Rakkoowwan gar malee dhugaatii alkoolii dhuguun geessisu irraa of qusachuuf maal akka gootu dursitee yoo murteessite, balaa fi kaasaaraa guddaa gama kanaan dhufu irraa of eeguu dandeessa.

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namni abshaalli balaa ni arga, jalaas ni dhokata.” (Fakkeenya 22:3) Konkolaachisuu ykn sochiiwwan xiyyeeffannaa guutuu barbaadan kam irratti iyyuu hirmaachuu dura dhugaatii alkoolii dhuguun sirrii miti.

Murtoo: ‘Dhugaatii alkoolii dhuguuf yoon murteesse, hamma seerrii fi haalli isaa naaf heyyamutti eeguun qaba.’

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Nama ajajamtan sanaaf garbicha taatu.’ (Roomaa 6:16) Hiriyoonni kee waan dhuganiif qofa kan dhugdu yoo taʼe, warri kaan akka si toʼatan heyyamaa jirta jechuu dha. Mukaaʼummaa ykn dhiphina dandamachuuf kan dhugdu yoo taʼe immoo, dandeettiiwwan rakkoowwan dandamachuuf si barbaachisan guddifachaa hin jirtu jechuu dha.

Murtoo: ‘Hiriyoonni koo akkan dhugu dhiibbaa akka na irratti godhan isaaniif hin heyyamu.’

Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Namoota daadhii wayinii hedduu dhuganii wajjin . . . hin taʼin.” (Fakkeenya 23:20) Hiriyoota gadhee wajjin michoomuun kee murtoo kee akka laaffistu si gochuu dandaʼa. Namoota dhugaatii alkoolii gar malee dhuganii wajjin yommuu taatu balaadhaaf of saaxilta.

Murtoo: ‘Namoota dhugaatii alkoolii gar malee dhuganii wajjin hin michoomu.’

Hiriyoonni kee maal jedhu?

Joordaan

“Yeroon mana barumsaa turetti, namoonni yeroo hunda akkan dhugu dhiibbaa na irratti gochuuf yaalu turan. Kanaafuu, yeroo hunda yaada 1 Qorontos 15:33 irra jiruu fi ‘Hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa’ jedhu of yaadachiisuun qaba ture.”—Joordaan.

Jeenaa

“Namoota ykn haalawwan dhiibbaa akka na irratti godhan beeku kam irraa iyyuu fagaachuuf yaaliin godha. Kan nama gammachiisu garuu, hiriyoota dhugaatii alkoolii dhuguu irratti murtoo gaarii godhan qaba.”—Jeenaa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi