LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 62
  • Qooqa Kan Biraa Barachuu Kan Qabdu Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qooqa Kan Biraa Barachuu Kan Qabdu Maaliifi?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Barachuuf kan murteessan maaliifi?
  • Rakkoowwan akkamiitu isaan mudate?
  • Eebbawwan akkamii argatan?
  • “Qooqa Qulqulluu” Akka Gaariitti Ni Dubbattaa?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Naannoo Tajaajilaa Afaan Biyya Alaa Guddisuu
    Tajaajila Mootummaa—2009
  • Ijoollee “Galaa Biyya Ormaa” Taʼan Gargaaruu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • ‘Namni Lafa Irraa Guutummaatti Afaan Tokkicha Qaba Ture’
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2020
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 62
Namni tokko jecha barachaa jira

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Qooqa Kan Biraa Barachuu Kan Qabdu Maaliifi?

Qooqa kan biraa barachuun of toʼachuu fi gad of qabuu si gaafata. Maarree kun carraaqqiin godhamuufii qabaa? Dargaggoonni hedduun eeyyee jechuudhaan deebisaniiru. Mata dureen kun akkas kan godhan maaliif akka taʼe ibsa.

  • Barachuuf kan murteessan maaliifi?

  • Rakkoowwan akkamiitu isaan mudate?

  • Eebbawwan akkamii argatan?

  • Hiriyoonni kee maal jedhu?

Barachuuf kan murteessan maaliifi?

Namoonni hedduun qooqa kan biraa kan baratan manni barumsaa isaanii waan isaan dirqisiisuufi. Warri kaan immoo sababa mataa isaanii qabu. Fakkeenyaaf:

  • Shamarreen Awustiraaliyaa jiraattuu fi Aanaa jedhamtu, afaan Laatviyaa isa afaan dhalootaa haadha ishii taʼe barachuuf murteessite. Aanaan akkas jetteetti: “Maatiin keenya gara Laatviyaa deemuuf waan karoorfateef, yeroo achi geenyu firoota koo wajjin walii galuun barbaade.”

  • Giinaa, ishiin Dhugaa Baatuu Yihowaa taatee fi Yuunaayitid Isteetis jiraattu, Afaan Mallattoo Ameerikaa (ASL) barattee tajaajila ishii balʼifachuuf gara Beeliiz deemte. Akkas jetteetti: “Namoonni gurri isaanii hin dhageenye, namoonni isaan wajjin dubbachuu dandaʼan muraasa qofadha. Afaan mallattoo (ASL) kanan baradhe namoota Kitaaba Qulqulluu barsiisuuf akka taʼe namootatti yommuun himu baayʼee dinqisiifatu!”

Kana beektaa? Kitaabni Qulqulluun misiraachoon waaʼee Mootummaa Waaqayyoo, ‘saba, gosaa fi qooqa hundumaaf’ akka labsamu dursee dubbateera. (Mulʼata 14:6) Raawwii raajii kanaatiin kan kaʼe, Dhugaa Baatonni dargaggoo taʼan hedduun biyya isaaniitti ykn biyya kan biraatti tajaajila isaanii balʼifachuuf qooqa kan biraa barachuuf murteessaniiru.

Rakkoowwan akkamiitu isaan mudate?

Qooqa haaraa barachuun salphaa miti. Shamarreen Koorinaa jedhamtu akkas jettetti: “Jechoota haaraa barachuu qofa akka taʼetti yaadeen ture, taʼus aadaa haaraa fi karaa haaraa taʼeen yaaduu barachuu akka dabalatus hubadheera. Qooqa tokko barachuun yeroo akka fudhatu beekamaa dha.”

Kana malees, gad of qabuu gaafata. Jeemsi inni dargaggeessa taʼee fi Afaan Ispaanishii barate akkas jedheera: “Dogoggora hedduu waan raawwattuuf, ofitti kolfuu barachuu qabda. Taʼus, kunis kutaa barumsichaa ti.”

Yaada ijoo: Rakkina si mudatuu fi dogoggora raawwattuun qaanii sitti dhagaʼamu kan dandamattu yoo taʼe, qooqa haaraa barachuu irratti milkaaʼina argachuun kee hin oolu.

Gorsa gaarii: Warri kaan si caalaa guddina akka godhan yoo hubatte abdii hin kutatin. Kitaabni Qulqulluun, “namni hundi hojii ofii isaa haa qoru; achiis nama kan biraa wajjin utuu wal bira of hin qabin, waaʼee ofii isaa qofa waan ittiin gammadu argata” jedha.—Galaatiyaa 6:4.

Eebbawwan akkamii argatan?

Faayidaan qooqa haaraa barachuu hedduudha. Fakkeenyaaf, dargaggeessi Oliiviyaa jedhamu akkana jedheera: “Jaalala kee balʼifata, akkasumas michoota haaraa horatta.”

Shamarreen Meerii jedhamtu qooqa haaraa barachuun ishii ofitti amanannaa ishii akka dabalee hubattetti. Ishiin akkas jetteetti: “Wantan hojjedhu hundumaatti gammaduun baayʼee natti ulfaata, amma garuu qooqa haaraa barachaa waanan jiruuf, jecha haaraa tokko ergan beekee booda baayʼeen gammada. Kun miirri gaariin akka natti dhagaʼamu godha.”

Giinaa ishiin olitti ibsamte, afaan mallattoodhaan namoota Kitaaba Qulqulluu barsiisuun tajaajila ishii irratti gammachuu ishiidhaaf dabaleera. Akkana jetteetti: “Namoota afaan isaaniitiin haasofsiisuu ergan jalqabee booda fuulli isaanii yommuu ifu arguun badhaasa guddaadha!”

Yaada ijoo: Qooqa haaraa barachuun kee michoota haaraa akka argattu, amanannaan kee akka guddatuu fi tajaajilli kee hiika akka qabaatu taasisa. Qooqa haaraa barachuun misiraachicha, ‘saba, gosa, namaa fi qooqa hundumaatiin’ gaʼuuf barbaachisaa dha.—Mulʼata 7:9.

Hiriyoonni kee maal jedhu

Moonikaa

“Qooqa haaraa yeroo barattutti ilaalcha dogoggoraa qabaachuun gommaa dhumee wajjin wal fakkaata. Gommaa kana hin jijjiirtu taanaan, eessa iyyuu hin geessu. Kanaafuu, yeroo rakkinni si mudatutti illee ilaalcha gaarii qabaachuun kee barbaachisaa dha.”—Moonikaa.

Etaan

“Qooqa barachuun qabeenya awwaalame qotanii baasuu wajjin wal fakkaata. Buʼaa tokko utuu hin argatin saʼaatii dheeraa hojjechuu dandeessa, taʼus yeroo qottu hundumaatti galma keetti caalaatti dhihaatta. Qooqa haaraa barachuuf carraaqqii gochuu kee yoo itti fufte, qabeenya sana ni argatta.”—Etaan.

Jeesikaa

Badhaasni guddaan dhuma irratti argattu, namoota qooqa isaanii barattuu wajjin walitti dubbachuu dha. Qooqa sana qoʼachuu fi shaakaluuf yeroon balleessitee fi carraaqqiin goote akka si kiise kan hubattu yeroo kanatti dha!”—Jeesikaa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi