LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 69
  • Kadhannaan Faayidaa Qabaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kadhannaan Faayidaa Qabaa?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kadhannaan maali dha?
  • Waaqayyo kadhannaa koo ni dhagaʼaa?
  • Waaʼee maalii kadhachuun dandaʼa?
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaadhu
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Mirga Kadhannaa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu
    Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?
  • Mirga Kadhannaatiif Bakka Guddaa Kenni
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 69
Shamarree haroo bira teessee jirtu

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Kadhannaan Faayidaa Qabaa?

Qorannaan geggeeffame tokko akka argisiisutti Ameerikaatti dargaggoonni parsantii 80 taʼan kadhannaa kan dhiheessan yeroo taʼu, kana keessaa yeroo hunda kan kadhatan harka walakkaa qofa dha. Kanneen keessaa tokko tokko kadhannaan, ‘Miirri namaa akka tasgabbaaʼu gochuu irra darbee faayidaa qabaa?’ jedhanii gaafachuun isaanii nama hin dinqisiisu.

  • Kadhannaan maali dha?

  • Waaqayyo kadhannaa koo ni dhagaʼaa?

  • Waaʼee maalii kadhachuun dandaʼa?

  • Hiriyoonni kee maal jedhu?

Kadhannaan maali dha?

Kadhannaan karaa itti Uumaa hundumaa taʼee wajjin dubbannu dha. Kun maal jechuu akka taʼe mee yaadi. Yihowaan karaa hundumaa ilmaan namootaa irra kan caalu taʼus “inni tokkoon tokkoon keenya irraa fagoo . . . miti.” (Hojii Ergamootaa 17:27) Kitaabni Qulqulluun afeerraa dinqisiisaa, “Gara Waaqayyootti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jedhu qabateera.—Yaaqoob 4:8.

Waaqayyotti dhihaachuu kan dandeessu akkamitti?

  • Karaan inni tokko kadhannaa yommuu taʼu kunis karaa itti Waaqayyootti dubbattu dha.

  • Kan biraan immoo Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu dha. Kun immoo karaa itti Waaqayyo sitti dubbatu dha.

Haala kanaan wal qunnamtii yaadaa qabaachuun jechuunis kadhannaa dhiheessuu fi Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun Waaqayyoo wajjin michooma cimaa horachuuf si gargaara.

“Ilmaan namootaa kennaa hunda caalu isaan argatan keessaa tokko Yihowaa isa Hundumaa Gararraa wajjin dubbachuu dandaʼuu isaanii ti.”—Jeremi.

“Wanta garaa kootii baasee kadhannaadhaan Yihowaatti yeroon dubbadhu baayʼee akkan isatti dhihaadhe natti dhagaʼama.”—Miraandaa.

Waaqayyo kadhannaa koo ni dhagaʼaa?

Waaqayyotti kan amantu ykn isa kan kadhattu taʼus, yaada Waaqayyo dhugumaan kadhannaa ni dhagaʼa jedhu amanuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Taʼus Kitaabni Qulqulluun Yihowaan ‘kadhata namaa akka dhagaʼu’ dubbata. (Faarfannaa 65:2) Akkasumas akkana jechuudhaan nu afeera: “Inni isiniif waan yaaduuf yaaddoo keessan hundumaa isa irratti gataa.”—1 Pheexiros 5:7.

Wanta irratti yaadamuu qabu: Michuu kee baayʼee sitti dhihaatuu wajjin yeroo hunda wal arguuf yeroo ni ramaddaa? Waaqayyoo wajjin dubbachuufis akkasuma gochuu dandeessa. Yeroo hunda Waaqayyotti kadhannaa dhiheessi; yeroo kadhattu maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamutti fayyadami. (Faarfannaa 86:5-7; 88:9) Hunda caalaa, Kitaabni Qulqulluun “utuu gargar hin kutin kadhadhaa” jedhee nu afeera.—1 Tasalonqee 5:17.

“Kadhannaan karaa ani yaada keessa kootii hunda baasee Abbaa koo isa samiitti dubbadhu dha.”—Moʼisiis.

“Aayyoo koo ykn michuu baayʼee natti dhihaatutti akkuman yaadakoo garaadhaa dubbadhu Yihowaattis wanta natti dhagaʼamun dubbadha.”—Kaaran.

Waaʼee maalii kadhachuun dandaʼa?

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Waan hundumaa kadhannaa fi wawwaannaadhaan galataa wajjin iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa malee, waaʼee waan tokkoo illee hin yaaddaʼinaa.”—Filiphisiyus 4:6.

Maarree waaʼee rakkoowwan si mudatanii kadhachuu ni dandeessa jechuudhaa? Eeyyee, Kitaabni Qulqulluun, “Baʼaa kee Yihowaa irratti gati, innis si deggera” jedha.—Faarfannaa 55:22.

Kadhannaan ati Waaqayyotti dhiheessitu rakkoowwan si mudatan qofa taʼuu hin qabu. Dargaggeettiin Shaanteel jedhamtu akkana jetteetti: “Yihowaa kanan kadhadhu yeroon gargaarsa barbaadutti qofa utuu taʼee michooma qabna jechuun hin dandaʼamu ture. Galata galchuun wanta dursi kennamuufii qabu natti fakkaata. Kana malees wantoota akkan isa galateeffadhu na godhan hedduun akka jiran natti dhagaʼama.”

Wanta irratti yaadamuu qabu: Wanti jireenya kee keessatti Waaqayyoon akka galateeffattu si godhan maalfaʼi? Guyyaa harʼaa wanti Waaqayyoon akka galateeffattu si kakaasan sadii yaaduu ni dandeessaa?

“Wanta salphaa kan akka abaaboo ilaaluudhaan dinqisiifannaa argisiisuun illee Yihowaadhaaf kadhannaa galataa akka dhiheessinu nu kakaasa.”—Aniitaa.

“Wantoota uumamaa ykn caqasa Kitaaba Qulqulluu isin tuqe tokko irratti xiinxalaa. Achiis waaʼee kanaatiif Yihowaa galateeffadhu.”—Biraayan.

Hiriyoonni kee maal jedhu?

Moʼisiis

“Kadhannaan keenya akka bishaan cooree utuu hin taʼin akka bishaan garbaa taʼuu qaba. Yihowaan nu gargaaruu barbaada; akkasumas isa gaafachuu keenya dura illee inni wanta nu barbaachisu beeka. Haa taʼu malee kadhannaa gad fagoo taʼe dhiheessuudhaan hangam akka isatti amanamnu argisiisuu ni dandeenya.”—Moʼisiis.

Miraandaa

“Kadhannaan wadaroo gama tokkoon Yihowaa gama kaaniin immoo ani qabee wajjin wal fakkaata. Yaada garaa kootii baasee yommuun Yihowaatti himu wadaroo sana jabeessee akkan qabadhetti ilaalama. Deebiin Yihowaan kennu immoo walitti dhufeenyi nu gidduu jiru akka jabaatu godha.”—Miraandaa.

Jeremii

“Of eeggannoo hin goonu taanaan kadhannaan keenya wanta nu barbaachisu gaafachuu qofa taʼa. Haa taʼu malee, Yihowaa galateeffachuun keenya wantoota inni nuuf kenneef dinqisiifannaa akka qabaannuu fi kadhannaan keenya of qofa irratti kan xiyyeeffate akka hin taane nu gargaara.”—Jeremii.

Sheelbii

“Yeroo hunda Yihowaa galateeffachuu keenya yommuu itti fufnutti caalaatti dinqisiifannaa kan qabnu taana. Kadhannaa dhiheessinuun Yihowaa galateeffachuun keenya rakkoowwan nu mudatan irratti utuu hin taʼin eebbawwan arganne irratti akka xiyyeeffannu nu gargaara.”—Sheelbii.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi