GAAFFII DARGAGGOOTAA
Nama Fakkeenya Gaarii Naaf Taʼu Filachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
“Mana barumsaatti rakkinni yeroo na mudatu, waaʼee nama rakkina akkasii keessa darbee fi dinqisiifadhu tokkoo yaaduun na fayyada. Achiis fakkeenya nama sanaa hordofuufan yaala. Nama fakkeenya naaf taʼu qabaachuun koo rakkina dandamachuun akka naaf salphatu godheera.”—Heelii.
Nama fakkeenya siif taʼu qabaachuun kee rakkinarraa ooluu fi galma keerra gaʼuuf si gargaara. Garuu nama fakkeenya gaarii siif taʼu filachuu qabda.
Of eeggannoodhaan filachuu kan qabdu maaliifi?
Namni fakkeenyasaa hordofuuf filattu gocha keerratti dhiibbaa godha.
Kitaabni Qulqulluun, “Buʼaa gaarii jireenyi isaanii argamsiise irratti xiinxaluudhaan amantii isaanii hordofaa” jechuudhaan fakkeenya namoota gaarii taʼanii akka hordofan Kiristiyaanota jajjabeessa.—Ibroota 13:7.
Gorsa gaarii: Namoonnii fakkeenya gootee filattu karaa gaarii taʼeen ykn karaa gaarii hin taaneen dhiibbaa sirratti gochuunsaanii waan hin oolleef, namoota beekamoo umuriidhaan sitti dhihaatan qofa utuu hin taʼin, namoota amala gaarii qaban filadhu.
“Kiristiyaana Adam jedhamurraa wanta baayʼee baradheera; ilaalchii fi amallisaa fakkeenya gaarii taʼa. Wanta inni dubbatee fi raawwate ammayyuu nan yaadadha. Inni dhiibbaa hammamii akka narratti godhe hin beeku.”—Kooliin.
Namni fakkeenyasaa hordofuuf filattu yaada kee fi miira keerratti dhiibbaa godha.
Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Hin dogoggorinaa. Hiriyummaa gadheen amala gaarii mancaasa.”—1 Qorontos 15:33.
Gorsa gaarii: Nama fakkeenyasaa hordoftu yeroo filattu bifa isaarratti utuu hin taʼin, amaloota gaggaarii inni qaburratti xiyyeeffadhu. Taʼuu baannaan abdii kutachuu dandeessa.
“Namoota mimmiidhagoo wajjin yeroo hunda walbira kan of qabdu yoo taʼe gadaantummaatu sitti dhagaʼama, akkasumas fokkisaa akka taatetti yaadda. Kunimmoo waaʼee bifa keetii garmalee akka dhiphattu si taasisuu dandaʼa.”—Taamaaraa.
Kanarratti yaadi: Fakkeenya namoota beekamoo fi atileetotaa hordofuuf filachuun balaa akkamii qabaachuu dandaʼa?
Namoonni fakkeenyasaanii hordofuuf filattu galma keerra akka geessu si gargaaruu ykn galma keerra akka hin geenye gufuu sitti taʼuu dandaʼu.
Kitaabni Qulqulluun, “Namni ogeeyyii wajjin deemu ogeessa taʼa” jedha.—Fakkeenya 13:20.
Gorsa gaarii: Namoota amaloota gaggaarii ati qabaachuu barbaaddu argisiisan filadhu. Namoota akkasii yeroo ilaaltu galma keerra gaʼuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhachuu akka qabdu baratta.
“Duuchaatti galma, ‘Nama caalaatti itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu taʼuun barbaada’ jedhu baafachuu mannaa, ‘Akka Jeen nama itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu taʼuun barbaada. Ishiin yeroo hunda beellama ni kabajji, hojii ishiis sirriitti hojjetti’ jechuu dandeessa.”—Miiriyaam.
Yaada ijoo: Nama fakkeenya gaarii siif taʼu yeroo filattu, nama akkamii akka taatu murteessuun siif salphata.
Fakkeenya namoota fakkeenya gaarii taʼanii hordofuun galma keerra gaʼuun akka siif salphatu godha!
Filachuu kan dandeessu akkamitti?
Nama fakkeenya gaarii siif taʼu yeroo filattu karaawwan lamaan armaan gadii keessaa isa tokkorratti hundaaʼuu dandeessa.
Amala fooyyessuu dandeessu tokko erga filattee booda nama dinqisiifattuu fi amala akkasii qabu barbaaduu dandeessa.
Nama dinqisiifattu tokko erga filattee booda amaloota isaa keessaa isa horachuu barbaaddu filachuu dandeessa.
Gilgaalli mata duree kanaa akkas gochuuf si gargaara.
Namoonni fakkeenyasaanii hordofuuf filattu warra armaan gadii keessaa taʼuu dandaʼu:
Hiriyoota kee. “Hiriyaan koo baayʼee itti dhihaadhu nama ani akkuma ishii taʼuu barbaadudha. Namootaaf yeroo kennuudhaan akka isaaniif yaaddu argisiisti. Umuriidhaan anaa gadi taatus, amaloota gaggaarii ani hin qabne qabdi; kunimmoo fakkeenya ishii hordofuuf na kakaasa.”—Miiriyaam.
Namoota guguddaa. Tarii warra kee ykn namoota wajjin waaqeffattu taʼuu dandaʼu. “Warri koo fakkeenya gaarii naaf taʼu. Amaloota gaggaarii qabu. Dogoggorasaanii kanan argu taʼus, amanamoo akka taʼanis arguu nan dandaʼa. Yeroon umurii isaaniirra gaʼu waaʼee koos akkasuma akka jedhamu nan abdadha.”—Aneet.
Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu. “Sababa garaa garaatiif namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman garaa garaa filadheera; Ximotewos, Ruut, Iyyoob, Pheexiros fi intala xinnoo Israaʼel keessaa boojiʼamte filadheen ture. Waaʼeesaanii hammuman qoʼadhe caalaatti naaf dhugoomaniiru. Seenaawwan kitaaba Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa jedhamu keessatti ibsaman, akkasumas mata duree ‘Nama Fakkeenya Taʼu’ jedhuu fi jildii tokkoffaa fi lammaffaa kitaabota Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname jedhaman keessatti argamu baayʼeen jaalladha.”—Meliindaa.
Gorsa gaarii: Nama fakkeenya siif taʼu yeroo filattu nama tokko qofaan of hin daangessin. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanotaan, “Namoota fakkeenya nuti isiniif keenyee wajjin haala wal simuun deddeebiʼan hubadhaa ilaalaa” jedheera.— Filiphisiyus 3:17.
Kana beektaa? Atis warra kaaniif fakkeenya taʼuu ni dandeessa! Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Warra amanamoo taʼaniif, dubbiidhaan, amalaan, jaalalaan, amantiidhaan, akkasumas qulqullummaadhaan fakkeenya taʼi.”—1 Ximotewos 4:12.
“Amaloota kee tokko tokko fooyyessuun kan si barbaachisu taʼus, warri kaan namoota gaarii akka taʼan gargaaruu ni dandeessa. Eenyufaa si ilaalaa akka jiranii fi wanti dubbattu jireenya isaaniirratti jijjiirama akkamii fiduu akka dandaʼu hin beektu.”—Kiyaanaa.