LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwwd mataduree 1
  • Dandeettii Balaliʼuu Titiis Fruut Flaay Jedhamuu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dandeettii Balaliʼuu Titiis Fruut Flaay Jedhamuu
  • Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Isaan hin Sodaatinaa!
    Yihowaa ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’
  • Isaan Hin Sodaatinaa!
    Yihowaa Faarfadhaa
  • Barruulee Raabsudhaaf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenyaa?
    Tajaajila Mootummaa—2003
Qaamni Kana Tolche Jiraa?
ijwwd mataduree 1
Fruut Flaay

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Dandeettii Balaliʼuu Titiisa Fruut Flaay Jedhamuu

Titiisa ajjeesuuf yaaltee beekta taanaan, kun hammam rakkisaa akka taʼe hubachuun kee hin oolu. Yeroo baayʼee titiisonni carraaqqii isaan ajjeesuuf godhamu jalaa saffisa guddaadhaan miliquu dandaʼu.

Saayintiistonni gosti titiisaa Fruut Flaay jedhamu saffisa jeettii waraanaa wajjin wal fakkaatuun of irra gaggaragaluu akka dandaʼu hubataniiru. Kana kan godhan garuu yeroo sekoondii tokko hin guunne keessatti dha. Piroofeesar Maayikil Diiksan akkana jedhaniiru: ‘Titiisonni kun yeroo dhalatanii kaasanii akka xiyyaara paayileetiin muuxannoo qabu balaliisutti balaliʼuu dandaʼu. Haalli kun mucaa reefuu dhalate fuudhanii kutaa paayileetii keessa kaaʼuudhaan wanta inni godhu dinqisiifannaadhaan ilaaluu wajjin wal fakkaata.’

Qorattoonni titiisonni kun sekoondii tokko keessatti baallee isaanii siʼa 200 akka afarsan fiilmii yommuu kaasanitti arguu dandaʼaniiru. Yommuu balaan isaanitti dhufu al tokkittii baallee isaanii afarsuudhaan kallattii jijjiiranii balaa sana jalaa baqachuu dandaʼu.

Titiisonni kun yommuu balaan isaan irra gaʼuuf jedhutti saffisa hammamiitiin tarkaanfii fudhachuu dandaʼu? Qorattoonni titiisonni kun balaa isaan irra gaʼu saffisa lipsuu ijaa ilmaan namootaa taasisan harka 50 caaluun tarkaanfii fudhachuu akka dandaʼan dubbatu. Piroofeesar Diiksan akkana jedhaniiru: “Titiisonni kun kallattii balaan isaanitti dhufee fi kallattii kamiin jalaa baqachuu akka dandaʼan beekuuf yeroo gabaabaa keessatti herrega baayʼee wal xaxaa taʼe hojjetu.”

Titiisonni sammuun isaanii baayʼee xiqqoo taʼe kun wanta dinqisiisaa akkasii raawwachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe qorattoota hedduutti gaaffii guddaa taʼeera.

Titiisni Fruut Flaay jedhamu yommuu balalʼiutti kallattii isaa jijjiira

Titiisonni Fruut Flaay jedhaman yeroo sekoondii tokko hin guunne keessatti kallattii jijjiiruudhaan balaa jalaa baqachuu dandaʼu

Maal sitti fakkaata? Dandeettiin balaliʼuu titiisa Fruut Flaay jedhamuu jijjiirama tirannaatiin argamee? Moo qaamni kana tolche jira?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi