Barruulee Raabsudhaaf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenyaa?
MASARAA EEGUMSAA Muddee 1
“Yeroo ammaatti namoonni baay’een galiin isaanii ji’aa hamma ji’aatti waan isaan hin geenyeef rakkinni dinagdee isaan qunnameera. Rakkoon kun dhaabbilee amantiis qunnamuu isaatiin kan ka’e miseensonni isaanii gargaarsa qarshii akka godhaniif rakkisaa (gaafachaa) jiru. Haalli kun siyaaddessee beekaa? [Hanga inni deebii kennutti eegi. 1 Tas. 2:9 dubbisiif.] Barreeffamni Masaraa Eegumsaa kun waa’ee kanaa ilaalchisee Macaafni qulqulluun maal akka jedhu ibsa.”
Dammaqaa! Muddee 2002
“Yeroo har’aatti jireenyi namoota baay’eedhaaf amansiisaa miti. [Lal. 9:11 dubbisiif.] Qajeelcha amanamaa eessaa argachuu dandeenyaa? [Hanga inni deebii kennutti eegi.] Namoonni hedduun gara qaalluu dhaqu. Karaa kanaan rakkoon kun ni hiikama jettee yaaddaa? Waa’ee gara fuula duraa ilaalchisee yaada amanamaa ta’e eessaa argannaa? Barreeffamni Dammaqaa! jedhu kun gaaffii kanaaf deebii kenna.”
MASARAA EEGUMSAA Muddee 15
“Yeroo ammaa kana namoonni hedduun waa’ee dhaloota kristos ni yaadu.Waa’ee dhaloota isaa ilaalchisee Macaafa qulqulluu irraa barumsa sirrii ta’e argachuu akka dandeenyu beektaa? [Hanga inni deebii kennutti eegii 2 Xim. 3:16 dubbisiitii caqasa kana ilaalchisee yaada fuula 5ffaa irratti kenname dubbisiif.] Barreeffamni Masaraa Eegumsaa kun gaaffii kanaaf deebii quubsaa kenna.”