Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Ful. 1
“Namoonni baay’een amantaan hundinuu karaa adda addaa iddoo tokkotti nama geessuudha jedhu. Warri kaanimmoo amantii dhugaan tokkichi akka jiru amanu. Atihoo waa’ee kanaa yaaddee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun kan gaaffii kana deebisu fakkeenya durii nuu dhiheessa.” Maatewos 13:24-30 dubbisiif.
Dammaqaa! Ful. 2003
“Namoonni baay’een gochiwwan goolii dabalaa akka dhufan itti dhaga’ama. [Haala beekamaa naannoo keetti raawwatame tokko caqasiitii yaada akka kennu affeeri.] Barruun kun haalawwan gara gooliitti nama geessan ibsa. Akkasumas Waaqayyo guutummaadhaa guutummaatti yakkaafi goolii akka balleessu ibsa.” Faarfannaa 37:10, 11 dubbisiif.
MASARAA EEGUMSAA Ful. 15
“Yeroo ammaa kanatti namoonni baay’een gaa’ela jaalala hin qabne keessa jiraachuuf akka dirqaman itti dhaga’ama. Namoonni kun gargaarsa argachuu kan danda’an eessaa sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Macaafni qulqulluun seerri bu’uuraa Waaqayyo baase nugargaaruu akka danda’u ni mirkaneessa. [Isaayaas 48:17, 18 dubbisiif.] Barruun Masaraa Eegumsaa kun, seera bu’uuraa Macaafa qulqulluu gaa’ela cimsuu danda’u ibsa.”
Sept. 22
“Akkaataan bineensonni itti waliigalan nu ajaa’ibsiisa. Haata’u malee ilmaan namaa dandeettii tokko tokkoon adda ta’uusaanii ni beektaa? [Hanga deebii kennutti eegiitii Faarfannaa 65:2 dubbisiif.] Haala bineensotaan adda ta’een, nuyi Waaqayyo wajjin qunnamtii uumuu barbaadna. Barruun kun walqunnamtii gaarii namootaafi Waaqayyo wajjin qabnuun akkamitti gammachuu argachuu akka dandeenyu ibsa.”