Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Ful. 1
“Hundi keenya gammadoo ta’uu barbaadna. Wantoonni caqasa kanarratti ibsaman kun dhugumaan gammachuu argamsiisu kan danda’an sitti fakkaataa? [Maatewos 5: 4a, 6a, 10a dubbisiitii hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun hiika haasawaa beekamaa Yesus gaara gubbaatti dubbate kanaafi gammadoo ta’uuf wanti barbaachisuu gara biraan maal akka ta’e addeessa.”
Dammaqaa! Ful. 2004
“Bara keenya kanatti yakkitoonni namoota gowwoomsuuf malawwan addaddaatiin gargaaramu. Wanti kun si yaaddessee beekaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Dammaqaan! kun, yaadawwan akka hin wallaalchifamneef nu gargaaran ibsa.” Fakkeenya 22:3 dubbisiif.
MASARAA EEGUMSAA Ful. 15
“Namoonni miiliyonaan lakkaa’aman jechoota beekamoo ta’an kana kadhannaasaanii keessatti dabalu. [Maatewos 6:10 dubbisiif.] Jaalalli Waaqayyoo guutummaatti lafarratti utuu raawwatamee jireenyi maal fakkaata jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun, isa amma dubbisne dabalatee, tokkoon tokkoon Kadhannaa Gooftaa hiiknisaa maal akka ta’e ibsa.”