Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
MASARAA EEGUMSAA Ful. 1
“Addunyaa har’aa kana keessatti amanamummaan waan gaarii akka ta’e yeroo baay’ee dubbatamullee gochaan hin argisiifamu. Namoonni baay’een akka hiriyaa Fakkeenya 17:17rratti ibsame kanaa utuu ta’anii gaarii sitti hin fakkaatuu? [Caqasicha dubbisiitii hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun, maatii keenyaafi hiriyoota keenyaaf amanamoo ta’uun faayidaa maalii akka qabu dubbata.”
Dammaqaa! Ful. 2005
“Namoonni hedduun sochii jabeenya qaamaa hojjechuun fayyaadhaaf gaarii ta’uusaa dhaga’aniiru; haata’u malee baay’eensaanii sochii jabeenya qaamaa akka hin hojjenne ni dubbatu. Kun sirrii mitii? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun, yeroo hunda sochii jabeenya qaamaa hojjechuun faayidaa maalii akka qabuufi yeroo qabaachuu baannullee karaa kamfa’iin hojjechuu akka dandeenyu ibsa.”
MASARAA EEGUMSAA Ful. 15
“Namoonni lafarra jiraatan hundi waa’ee Yesus Kiristos dhaga’aniiru. Namoonni tokko tokko, Yesus nama beekamaa qofa ture jedhanii dubbatu. Kaanimmoo, Waaqa Hundumaa Danda’udha jedhanii isa waaqeffatu. Atoo, Yesus nama akkamii kan ture sitti fakkaata? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun, inni eenyu akka ture, eessaa akka dhufeefi amma eessa akka jiru sirriitti ibsa kenna.” Yohannis 17:3 dubbisi.