LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 142
  • “Alfaa fi Omeegaa” kan Jedhame Eenyu Yookiin Maali Dha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Alfaa fi Omeegaa” kan Jedhame Eenyu Yookiin Maali Dha?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Waaqayyo “Alfaa fi Omeegaa” Jedhee kan Of Waamu Maaliifi?
  • “Isa Jalqabaa fi Isa Dhumaa” kan Jedhame Eenyu?
  • Mulʼanni 22:13 Yesuus “Alfaa fi Omeegaa” Taʼuu Isaa Mirkaneessaa?
  • Yihowaan Lafa Jannata Akka Godhu Nuuf Mirkaneesseera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Waaqayyo Maqaa Meeqa Qaba?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Yaadawwan Ijoo Macaafa Mul’ataa—Kutaa Tokkoffaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2009
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 142
Alfaa fi omeegaa, qubee Afaan Giriikii isa jalqabaa fi isa dhumaa

“Alfaa fi Omeegaa” kan Jedhame Eenyu Yookiin Maali Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Ibsi “Alfaa fi Omeegaa” jedhu Yihowaa isa Waaqa Hundumaa Dandaʼu taʼe argisiisa. Kitaaba Qulqulluu keessatti siʼa sadii argama.​—Mulʼata 1:8; 21:6; 22:13.a

Waaqayyo “Alfaa fi Omeegaa” Jedhee kan Of Waamu Maaliifi?

Alfaa fi omeegaan qubeewwan Afaan Giriikii isa jalqabaa fi isa dhumaa Kitaaba Mulʼataa dabalatee kutaawwan Kitaaba Qulqulluu barsiifataan Kakuu Haaraa jedhaman ittiin barreeffamani dha. Qubeewwan kun tartiiba qubee Afaan Giriikii keessatti qabaniin yommuu barreeffaman, Yihowaan qofti isa jalqabaa fi isa dhumaa taʼuu isaa ibsuuf tajaajila. (Mulʼata 21:6) Inni yeroowwan darban hundatti Waaqa Hundumaa Dandaʼu ture; bara baraafis Waaqa Hundumaa Dandaʼu taʼee itti fufa. “Bara baraa jalqabee hamma bara baraatti” kan jiraatu isa qofa dha.​—Faarfannaa 90:2.

“Isa Jalqabaa fi Isa Dhumaa” kan Jedhame Eenyu?

Kitaabni Qulqulluun Yihowaas taʼe Ilma isaa Yesuus argisiisuuf ibsa kanatti ni fayyadama; haa taʼu malee ibsi kun kan itti hojjetame karaa garaa garaa ti. Mee fakkeenya lama haa ilaallu.

  • Isaayaas 44:6 irratti Yihowaan, “Ani isa jalqabaa ti, isa dhumaa tis, ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru” jedheera. Yihowaan as irratti inni bara baraaf Waaqa dhugaa akka taʼee fi isa malee kan biraan akka hin jirre ibsuu isaa ture. (Keessa Deebii 4:​35, 39) Caqasa kana irratti ibsi “isa jalqabaa fi isa dhumaa” jedhu, maqaa “Alfaa fi Omeegaa” jedhuu wajjin hiika tokko qaba.

  • Kana malees, ibsi “isa Jalqabaa [pirootos, alfaa miti] fi isa Dhumaa [eeskihaatos, omeegaa miti]” jedhu Mulʼata 1:​17, 18 fi 2:8 irratti argama. Yaanni naannoo isaanii jiru akka argisiisutti caqasoota kana irratti dubbatamaa kan jiru waaʼee isa duʼee fi booda immoo gara jireenyaatti deebiʼe sanaa ti. Kanaaf, caqasoonni kun Waaqa kan argisiisan taʼuu hin dandaʼan; inni matumaa hin duʼu. (Anbaaqom 1:​12) Haa taʼu malee, Yesuus duʼeera, boodas duʼaa kaafameera. (Hojii Ergamootaa 3:​13-​15) Yesuus nama samii keessa jiraachuuf jireenya hafuuraa hin duune argatee duʼaa kaafame isa jalqabaa ti; amma inni samii irra “baraa hamma bara baraatti” jiraata. (Mulʼata 1:​18; Qolosaayis 1:​18) Sana booda namoota duʼaa kaʼan hunda kan kaasu Yesuusi dha. (Yohaannis 6:​40, 44) Kanaaf, namni Yihowaan kallattiidhaan duʼaa kaase inni dhumaa isa dha. (Hojii Ergamootaa 10:40) Kanaan kan kaʼes, Yesuus “Isa Jalqabaa fi Isa Dhumaa” jedhamee waamamuun isaa sirrii dha.

Mulʼanni 22:13 Yesuus “Alfaa fi Omeegaa” Taʼuu Isaa Mirkaneessaa?

Lakki. Qaamni Mulʼata 22:13 irratti dubbatu kallattiidhaan hin ibsamne; boqonnaa kana keessatti qaamonni garaa garaa dubbataniiru. Piroofeesar Wiiliyaam Baarkilaay kutaa Kitaaba Mulʼataa kana irratti yaada yommuu kennan, “Wantoonni as irra jiran kan barreeffaman karaa duraa duuba isaa eegeen miti; . . . yeroo baayʼee eenyu dubbachaa akka jiru mirkanaaʼaa taʼuun baayʼee rakkisaa dha” jedhaniiru. (The Revelation of John, Jildii 2, Haareffamee kan Maxxanfame, fuula 223) Kanaaf, Mulʼata 22:13 irratti ibsi “Alfaa fi Omeegaa” jedhu, qaama isa Mulʼata keessatti bakka kaanitti ibsa kanaan waamame, jechuunis Yihowaa kan argisiisu taʼuu qaba.

a Bakki afuraffaan itti argamu akka Kitaaba Qulqulluu Afaan Ingiliffaa King James Version jedhamuutti Mulʼata 1:11 dha. Haa taʼu malee yaanni kun barreeffamoota Afaan Giriikii bara durii harkaan garagalfaman irra waan hin jirreef, Kitaabonni Qulqulluu ammayyaa hedduun yaada kana hiikkaa isaanii keessaa baasaniiru; maqaan kun kan itti dabalame barreeffamoota yeroo booda qophaaʼan keessatti akka taʼe ifa dha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi