LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwhf mataduree 8
  • Obsa Guddifachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Obsa Guddifachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
  • Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Obsi kan isin barbaachisu maaliifi?
  • Obsa argisiisuu kan dandeessan akkamitti?
  • Tajaajilarratti Obsa Qabaachuu Nu Barbaachisa
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • Obsuu Kee Itti Fufi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Obsa Argisiisuudhaan Fakkeenya Yihowaa Hordofaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2006
  • Obsa Yihowaafi Yesus Argisiisanirraa Baradhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
Dabalataan Ilaaluuf
Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
ijwhf mataduree 8
Namichi tokko yeroo haati manaa isaa kophee bitattu ishii eeguun isa nuffisiiseera

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | GAAʼELA

Obsa Guddifachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

“Abbaan manaa fi haati manaa obsi isaanii guyyaa guyyaadhaan qorama. Qeenxee yeroo turtanitti obsi baayʼee barbaachisaa akka taʼe isinitti hin dhagaʼamne taʼa; garuu milkaaʼina gaaʼelaatiif baayʼee barbaachisaa dha.”—Joon.

  • Obsi kan isin barbaachisu maaliifi?

  • Obsa argisiisuu kan dandeessan akkamitti?

  • “Obsi baayʼee barbaachisaa dha”

Obsi kan isin barbaachisu maaliifi?

  • Gaaʼelli hirʼina hiriyaa gaaʼelaa keessanii caalaatti akka beektan isin gochuu dandaʼa.

    “Sissinniin gaaʼelaa erga dhumee booda, amala hiriyaa gaaʼelaa keessanii isa isinitti hin tolle irratti xiyyeeffachuun salphaa taʼa. Ilaalcha dogoggoraa akkasii qabaachuu yommuu jalqabdan salphaadhumatti obsa dhabdu.”—Jesiinaa.

  • Obsa dhabuun wanta itti hin yaadamne akka dubbattan isin gochuu dandaʼa.

    “Wanta natti dhagaʼame odoon itti hin yaadinan dafee dubbadha. Odoon obsa qabaadhee, wantan dubbachuu barbaade sana dubbachuun barbaachisaa taʼuu fi dhiisuu isaa yaadee tarii dubbachuu dhiisuuf nan murteessa taʼa.”—Kaarman.

    Kitaabni Qulqulluun, “Jaalalli obsaa dha, gaarummaas ni argisiisa” jedha. (1 Qorontos 13:4) Namoonni wal jaalatan lama obsa walitti ni argisiisu jedhanii yaaduun sirrii fakkaata. Kun kan taʼu garuu yeroo hunda miti. Joon inni jalqaba irratti ibsame, “Akkuma amalawwan gaggaarii kaanii, obsas guddifachuu caalaa dhabuutu salphata. Obsa guddifachuun carraaqqii gochuu gaafata.”

Obsa argisiisuu kan dandeessan akkamitti?

  • Yeroo haalli akka tasaa uumamu obsa keessan qoru.

    Fakkeenyaaf: Hiriyaan gaaʼelaa keessan dubbii hamaa isinitti dubbate. Keessi keessan isinis wanta hamaa akka itti dubbattan isin kakaasa.

    Dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu: “Aariin bobaa gowwootaa jala waan boqotuuf, ati daftee hin aarin!”—Lallaba 7:9.

    Karaa obsa argisiisuu itti dandeessan: Xinnoo turaa. Deebii kennuu keessan dura, hiriyaan gaaʼelaa keessan taʼe jedhee isin miidhuuf utuu hin taʼin waan kan biraa yaadee akka dubbate yaaduuf yaalaa. Kitaabni Gaaʼela Keessaniif Qabsaaʼuu (Ingiliffa) jedhamu, “Baayʼeen keenya wanta dubbatameef hiika ofii keenyaa kenninee deebii laanna malee wanta hiriyaan gaaʼelaa keenya dhugumaan jechuu barbaadee fi jedhe irratti hundoofnee miti” jedha.

    Akkuma ibiddatti qoraan dabalan, namichi tokko yeroo haati manaa isaa isa aarsitu jechaan haaloo baʼaa jira. Akkuma ibiddi dhaamu, namichi tokko yeroo haati manaa isaa isa aarsitu of tooʼateera

    Hiriyaan gaaʼelaa keessan isin aarsuuf yaalaa kan jiru taʼu illee, haaloo baʼuu irraa of qusachuudhaan obsa argisiisuun keessan, haala isaa fooyyessuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun, “Qoraan hin jiru yoo taʼe, ibiddi in dhaama” jedha.—Fakkeenya 26:20.

    “Haati manaa tee diina tee akka taatetti ishii ilaaluu yoo jalqabde, xinnoo turiitii kan ishii jaalattu maaliif akka taʼe yaadi; utuma hin turin waan gaarii ishiidhaaf godhi.”—Etaan.

    Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban:

    • Hiriyaan gaaʼelaa keessan wanta nama miidhu yoo isinitti dubbate ykn raawwate akkamitti deebistu?

    • Yeroo itti aanutti wanti akkanaa yoo isin muudate obsa guddaa argisiisuu kan dandeessan akkamitti?

  • Hiriyaan gaaʼelaa keessan wanta nama aarsu irra deddeebiʼee yoo godhe.

    Fakkeenyaaf: Hiriyaan gaaʼelaa keessan yeroo hunda waan barfatuuf, isa eegdu; hammuma isa eegdan caalaatti isin aarsaa deema.

    Dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu: “Wal dandaʼuu keessanii fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa.”—Qolosaayis 3:13.

    Karaa obsa argisiisuun itti dandeessan: Wanta isin barbaachisu caalaa wanta walitti dhufeenya keessaniif barbaachisuuf iddoo guddaa kennaa. Akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Haala uumame kana irratti hiriyaa gaaʼelaa koo wajjin wal mormuun koo, walitti dhufeenya keenya ni gargaara moo ni miidha?’ Akkasumas, ‘hundi keenya yeroo baayʼee akka gufannu’ hin dagatinaa. (Yaaqoob 3:2) Kana jechuun, isinis wanti fooyyessuu qabdan jira jechuu dha.

    “Yeroo tokko tokko abbaa manaa koo caalaa hiriyaa kootiifan obsa. Kan akkas taʼe, hiriyaa gaaʼelaa koo wajjin yeroo baayʼee waanan dabarsuu fi dogoggora isaa waanan arguuf natti fakkaata. Haa taʼu malee, obsi karaa jaalalaa fi kabaja itti argisiisnu dha, kanaafuu gaaʼela koo keessatti obsi wanta baayʼee barbaachisaa taʼe dha.”—Niyaa.

    Qabxiiwwan irratti yaadamuu qaban:

    • Hiriyaan gaaʼelaa keessan yeroo dogoggoru obsa ni argisiistuu?

    • Gara fuulduraatti caalaatti obsa qabeessa taʼuu kan dandeessu akkamitti?

“Obsa qabaachuun baayʼee barbaachisaa dha”

Jesiinaa, abbaa manaa ishii Haayidan wajjin

“Gaaʼelli akka milkaaʼu yoo barbaadame, obsa qabaachuun baayʼee barbaachisaa dha. Namoota cubbuu dhaalan lama gidduutti rakkinni garaa garaa ni uumama; tarii haalumti nama sanaa illee nu aarsuu dandaʼa. Obsa hin qabaannu taanaan, rakkoowwan kun akkuma rirmaa hundee gaaʼela keenyaa nyaachuu dandaʼu.—Jesiinaa, abbaa manaa ishii Haayidan wajjin.

Irra deebii: Gaaʼela keessatti obsa guddifachuun kan dandaʼamu akkamitti?

Yeroo haalli akka tasaa uumamu tokko obsa keessan qoru

Deebii kennuu keessan dura, hiriyaan gaaʼelaa keessan taʼe jedhee isin miidhuuf utuu hin taʼin waan kan biraa yaadee akka dubbate yaaduuf yaalaa.

Hiriyaan gaaʼelaa keessan wanta nama aarsu irra deddeebiʼee yoo godhe

Wanta isin barbaachisu caalaa wanta walitti dhufeenya keessaniif barbaachisuuf iddoo guddaa kennaa. Isinis wanti fooyyessuu qabdan akka jiru hin dagatinaa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi