LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 86
  • Gochi Hafuurota Xuraaʼoo Wanta Miidhaa hin Qabnedhaa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gochi Hafuurota Xuraaʼoo Wanta Miidhaa hin Qabnedhaa?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Xiyyeeffannaa namootaa kan harkisu maaliifi?
  • Of eeggachuu kan qabdu maaliifi?
  • Maal gochuu dandeessa?
  • Gargaarsa Yihowaatiin Hafuurota Hamoo Mormaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
  • Kitaabni Qulqulluun Gocha Hafuurota Hamoo Irratti Hirmaachuu Ilaalchisee Maal Barsiisa?
    Dammaqaa!—2017
  • Seexanaafi Haxxummaasaatiin Mormi
    “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
  • Maleekota Ilaalchisee Dhugaan Jiru Maali Dha?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 86
Shamarran lama kitaaba dulloomaa hafuurota xuraaʼoo wajjin wal qabate ilaalaa jiru

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Gochi Hafuurota Xuraaʼoo Wanta Miidhaa hin Qabnedhaa?

Maal sitti fakkaata?

  • Namoota urjii lakkaaʼuudhaan waaʼee gara fuulduraa himan gorsa gaafachuun, meeshaalee ittiin hooda dubbatanitti fayyadamuuun ykn qaallota gaafachuun miidhaa qabaa?

  • Seenaawwan waaʼee hafuurota xuraaʼoo dubbatan lola humnoota gaarii fi hamoo gidduutti godhamu kan ibsan qofadha moo balaa qabu?

Mata dureen kun gochi hafuurota hamoo gammachiisaa fakkaachuu kan dandaʼu maaliif akka taʼee fi of eeggachuu kan qabdu maaliif akka taʼe ibsa.

  • Xiyyeeffannaa namootaa kan harkisu maaliifi?

  • Of eeggachuu kan qabdu maaliifi?

  • Maal gochuu dandeessa?

  • Hiriyoonni kee maal jedhu?

Xiyyeeffannaa namootaa kan harkisu maaliifi?

Namoonni hojii bashannanaa irratti bobbaʼan fiilmiiwwan, sagantaalee televijinii, taphawwan viidiyoo fi kitaabilee gochawwan hafuurota xuraaʼoo irratti xiyyeeffatan qopheessuuf qarshii hedduu baasu. Kanaan kan kaʼes, hawwiin dargaggoonni hedduun waaʼee urjii lakkaaʼuu, waaʼee jinniiwwanii, vaampaayerootaa fi hooda dubbachuu beekuuf qaban guddachaa dhufeera. Maaliifi? Sababiin isaa wantoota armaan gadii dabalata:

  • Hawwii waa baruu: Addunyaan hafuuraa dhugumaan akka jiru beekuuf

  • Yaaddoo: Waaʼee gara fuulduraa beekuuf

  • Hariiroo nama duʼe wajjin qaban: Nama jaalatanii fi duʼaan dhaban wajjin wal qunnamuuf

Sababiiwwan kun ofii isaaniitii dogoggora taʼuu dhiisuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, waaʼee gara fuulduraa beekuu barbaaduun ykn nama jaallannuu fi duʼaan dhabne yaaduun waanuma jiru dha. Haa taʼu malee, waaʼee balaawwan isaa wanti beekuu qabdu jira.

Of eeggachuu kan qabdu maaliifi?

Kitaabni Qulqulluu wantoota hafuurota hamoo wajjin wal qabatan kam iyyuu ilaalchisee akeekkachiisa cimaa qabateera. Fakkeenyaaf, akkana jedha:

“Namni hooda dubbatu, namni duumessa ilaalee ayyaana hedu, beekaan, namni qoricha namatti godhus tokko illee si keessatti hin argamin! Namni nama dawweessu, namni ekeraa dubbisu, qaalluun yookiis namni warra duʼan waamu si keessatti hin argamin! Eenyu illee kana yoo godhe Waaqayyo duratti ciiggaʼamaa in taʼa.”—Keessa Deebii 18:10-12.

Kitaabni Qulqulluun gocha hafuurota hamoo cimsee kan balaaleffatu maaliifi?

  • Jinniiwwanii wajjin kan wal qunnamnu yoo taʼe isaan deeggaraa jirra jechuu dha. Kitaabni Qulqulluun maleekonni tokko tokko Waaqayyo irratti fincila kaasuudhaan diinota isaa akka of godhan dubbata. (Uumama 6:2; Yihudaa 6) Maleekonni hamoon kun jinniiwwan kan jedhaman yommuu taʼu, karaa eker dubbistuu, karaa raagdotaa, namoota hooda dubbatanii fi urjii lakkaaʼaniin nama dogoggorsu. Wantoota akkasii raawwachuun diinota Waaqayyoo cinaa akka hiriirru nu taasisa.

  • Hafuuronni hamoon barumsa sobaa namoonni tokko tokko waaʼee gara fuulduraa beekuu akka dandaʼan dubbatu babalʼisu. Haa taʼu malee, Waaqayyo qofatu, “Ani wanta booddee dhufuuf jiru duraan dursee himeera, durii durii jalqabees wanta amma iyyuu hin taʼin jiru dubbadheera” jechuu dandaʼa.—Isaayaas 46:10; Yaaqoob 4:13, 14.

  • Hafuuronni hamoon barumsa sobaa namoonni duʼan nama lubbuudhaan jiru wajjin haasaʼuu ni dandaʼu jedhu babalʼisu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun, “Warri duʼan garuu waan tokko iyyuu hin beekan . . . Iddoo lafa jalaa . . . hojjechuun, itti yaadanii waa qopheessuun, beekumsi, ogummaanis hin jiru” jedha.—Lallaba 9:5, 10.

Sababii kanaaf, Dhugaa Baatonni Yihowaa gochoota hafuurota hamoo wajjin walitti dhufeenya qaban irraa ni fagaatu. Kana malees bashannana wantoota akka zoombii, vaampaayerii fi humnoota addaa of keessaa qaban irraa ni fagaatu. Shamarreen Maariyaa jedhamtu akkana jetteetti: “Wantoota hafuurota hamoo wajjin wal qabatan kan of keessaa qabu yoo taʼe ilaaluu hin qabu.”a

Dargaggeessi tokko namni sirriin waan isaaf bilbile kan itti fakkaate taʼus, kan isaaf bilbile garuu yakkamaa tokko dha

Akkuma namni yakka hojjete tokko nama nagaa fakkaachuudhaan si gowwoomsuuf yaalu, jinniiwwanis nama duʼe fakkaachuudhaan si gowwoomsuu barbaadu

Maal gochuu dandeessa?

  • Gocha ykn bashannana hafuurota xuraaʼoo wajjin wal qabatan kam irraa iyyuu fagaachuudhaan Yihowaa duratti ‘qalbii qulqulluu qabaattee jiraachuuf’ murtoo cimaa godhi.—Hojii Ergamootaa 24:16.

  • Wantoota hafuurota xuraaʼoo wajjin wal qabatan hunda balleessi. Hojii Ergamootaa 19:19, 20 dubbisiitii fakkeenya gaarii Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa gama kanaan kaaʼan hubadhu.

Gochawwanii fi bashannana hafuurota xuraaʼoo wajjin wal qabatan irraa yommuu fagaattu Yihowaa cinaa dhaabbachuu kee akka argisiistu yaadadhu. Kun immoo baayʼee isa gammachiisa.—Fakkeenya 27:11

Hiriyoonni kee maal jedhu?

Brandon

“Qophiiwwan ijoolleedhaaf qophaaʼan illee baayʼeen isaanii falfala raawwachuu, nama dawweessuu fi gochawwan hafuurota hamoo kana fakkaatan irratti kan xiyyeeffatani dha. Haa taʼu malee, Keessa Deebii 18:10 irratti namoonni wantoota akkasii raawwatan nu gidduutti argamuu akka hin qabne dubbata. Kana jechuun bashannana keenya keessattis argamuu hin qaban jechuu dha.”—Biraandan.

Rooz

“Qophiin televijinii ykn fiilmiin tokko gochawwan hafuurota hamoo kan argisiisu yoo taʼe, ilaaluu dhiisuu fi wantoota akkasii akka hin ilaalle hiriyoota keessanitti himuuf ija jabina qabaadhaa. Qalbiin qulqulluun qophii televijinii ykn fiilmii kam irra iyyuu ni caala.”—Rooz

a Kana jechuun garuu, seenaawwan yaadaan uumaman hundi gocha hafuurota hamoo babalʼisu jechuu miti. Haa taʼu malee, Kiristiyaanonni gocha ykn bashannana hafuurota hamoo wajjin wal qabatan irraa fagaachuuf qalbii isaanii isa Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼetti fayyadamu.—2 Qorontos 6:17; Ibroota 5:14.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi