LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 92
  • Nyaata Madaalamaa Nyaachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Nyaata Madaalamaa Nyaachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Nyaata madaalamaa jechuun maal jechuu dha?
  • Nyaata madaalamaa nyaachuu barsiifata godhachuu kanan dandaʼu akkamitti?
  • Ulfaatina Qaamaa Koo Hirʼisuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Bifa Koo Yoon Jibbe Maalan Godha?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 2ffaa
  • Fayyaa Kootiif Kunuunsa Gochuu Kanan Qabu Maaliifi?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 92
Dargaggeessa firiijii keessaa nyaata isa kam akka nyaatu filachaa jiru

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Nyaata Madaalamaa Nyaachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Nyaata madaalamaa dhabuun fayyaa keetiif gaarii akka hin taane beekuu hin ooltu. Dargaggoonni nyaata madaalamaa hin nyaanne erga gaʼeessota taʼanii booda illee nyaata madaalamaa hin nyaatan; kanaaf, ammumaa barsiifata nyaata madaalamaa nyaachuu guddifachuu qabda.

  • Nyaata madaalamaa jechuun maal jechuu dha?

  • Barsiifata nyaata madaalamaa nyaachuu qabaachuu kanan dandaʼu akkamitti?

  • Hiriyoonni kee maal jedhu?

Nyaata madaalamaa jechuun maal jechuu dha?

Kitaabni Qulqulluun, “barsiifata madaalamaa” akka qabaannu kan nutti himu yommuu taʼu, kunis akkaataa nyaataa keenya kan dabalatu dha. (1 Ximotewos 3:11) Qajeelfama kana yaadatti qabachuudhaan qabxiiwwan armaan gadii hubachuun keenya gaarii dha.

  • Nyaanni madaalamaan akaakuu nyaataa hunda dabalata. Akaakuun nyaataa shanan buʼaawwan aannanii, pirootiinii, muduraa, kuduraa fi midhaan callaa kan dabalatu dha. Namoonni tokko tokko furdina isaanii hirʼisuuf jecha akaakuu nyaataa kana keessaa muraasa isaanii guutummaa guutuutti nyaachuu dhiisu. Haa taʼu malee, akkas gochuun nyaata madaalamaa qaamni kee fayya buleessa akka taʼu fayyadu akka hin arganne gochuu dha.

    Akkas gochuuf yaali: Faayidaa nyaatawwan adda addaa nyaachuun qabu beekuuf qorannaa godhi ykn ogeessa fayyaa gaafadhu. Fakkeenyaaf:

    Kaarbohayidireetiin humna siif kenna. Pirootiiniin immoo qaama kee irraa dhibeewwan adda addaa ittisa, akkasumas tiishuuwwan haaraa akka uumaman godha. Cooma ykn zayitii haala madaallii isaa eeggateen itti fayyadamnaan carraa dhibee onneetiif saaxilamuuf qabdu hirʼisa.

    “Akaakuu nyaata hundaa irraa nyaachuudhaan nyaata madaalamaa argachuuf carraaqqiin godha. Darbee darbee nyaata miʼaawaa nyaachuun rakkina waan qabu natti hin fakkaatu. Haa taʼu malee, namni tokko yeroo hunda wantoota kana qofa nyaachuu hin qabu. Yeroo hunda haala madaallii isaa eegeen nyaachuun gaarii natti fakkaata.”—Bireendaa.

    Dargaggeessa barcuma miilla sadii qofa qabutti hirkatee jiru

    Nyaanni wanta faayidaa argamsiisu of keessaa hin qabne barcuma miilla sadii qofa qabuu wajjin tokko dha

  • Nyaata madaalamaa nyaachuu, akaakuu nyaataa tokko matumaa nyaachuu dhiisuu ykn garmalee nyaachuu irraa fagaachuu. Kun nyaata taʼe tokko baayʼee xinnoo nyaachuu, garmalee erga of beelessanii booda baayʼee nyaachuu ykn nyaata jaallatan tokko gonkumaa nyaachuu lagachuu dabalata.

    Akkas gochuuf yaali: Jiʼa tokkoof wanta nyaattu hordofuudhaan galmeessi. Haalawwan olitti caqasaman nyaachuuf yeroo baayʼee qoramtee beektaa? Nyaata madaalamaa nyaachuuf sirreeffamtoota akkamii gochuu dandeessa?

    “Barsiifata guyyoota hedduudhaaf nyaata garmalee kaalorii baayʼee qabu, akkasumas guyyoota hedduudhaaf nyaata kaalorii baayʼee xinnoo qabun nyaadha ture. Booda garuu baayʼina kaalori nyaatan nyaadhu irraa argadhu lakkaaʼuu, garmalee nyaachuu fi yommuun quufu nyaachuu dhaabuufan murteesse. Barsiifata kana qabaachuun yeroo kan natti fudhate taʼus, yeroo ammaa nyaata madaalamaa hordofuu dandaʼeera.”—Heelii.

Nyaata madaalamaa nyaachuu barsiifata godhachuu kanan dandaʼu akkamitti?

  • Dursii yaadi. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Yaadni warra dhimmee hojjetuu buʼaa qaba, wanti ariitiidhaan hojjetamu hundinuu hiyyeessa nama godha.” (Fakkeenya 21:5) Barsiifata nyaata gaarii nyaachuu qabaachuun dursanii irratti yaaduu gaafata.

    “Nyaata madaalamaa nyaachuun dursanii karoora baacachuu gaafata; yeroo baayʼee immoo nyaata gaarii manatti qopheessuutu filataatama. Kun carraaqqii cimaa kan gaafatu taʼus, faayidaan isaa kan nama hin gaabbisiisne, darbees qarshii kan qusatu dha.”—Toomaas.

  • Nyaata gaarii nyaadhu. Kitaabni Qulqulluun, ‘ogummaa eeggadhu’ jedha. (Fakkeenya 3:21, NW) Ogummaa horachuun nyaata gaarii argachuuf karaa hedduutiin akka yaadduu fi barsiifata nyaata gaarii nyaachuuf qabdu kan siif guddisu dha.

    “Guyyaa guyyaatti nyaata gaarii hin taane tokko nyaata gaarii taʼe tokkoon bakka buusuun jalqaba. Fakkeenyaaf, karameellaa tokko nyaachuu irraa aappilii tokkon nyaadha. Yeroo gabaabaa keessatti guyyaatti nyaata gaarii hedduu nyaachuun jalqabe.”—Kiyaa.

  • Ofiif ilaalcha madaalamaa qabaadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Buddeena kee gammachuudhaan nyaadhu” jedha. (Lallaba 9:7) Nyaata madaalamaa argachuu jechuun, nyaata kee gammachuudhaan akka hin nyaanne ykn waaʼee tokkoon tokkoon nyaata nyaattuu dhiphachuu qabda jechuu miti. Huuqqachuu kan barbaaddu yoo taʼe illee, kaayyoon kee nyaata madaalamaa nyaachuu akka taʼe hin dagatin. Wanta gochuu qabduu wajjin haala wal qabateen ilaalcha madaalamaa qabaadhu.

    “Dhiheenyatti kiilogiraama 14 kanan hirʼise yommuu taʼu, of beelessee, akaakuu nyaataa taʼe tokko nyaachuu dhiisee ykn nyaata miyaaʼaa taʼan lagadhee hin beeku. Haalkanuma tokkotti huuqqachuu akkan hin dandeenyee fi barsiifata nyaataa koo jijjiiruu akkan qabu hubadheen ture.”—Melaanii.

Hiriyoonni kee maal jedhu?

Deelaayinaa

“Yeroon manaa baʼee bakkee turuu fi beelaʼutti nyaata madaalamaa hin taane nyaachuun filadha. Kanaan kan kaʼes, nyaata manatti qopheeffadhee fudhaddhee deemuun jaalladha. Karaa kanaan wantan nyaadhu haala gaarii taʼeen toʼachuu nan dandaʼa.”—Deelaayinaa.

Andiruu

“Namoota wantuma argatan nyaatanii fi garuu hin furdanne yommuu ilaaltu abdii kutachuu dandeessa. Matumaa namoota akkasii wajjin wal bira qabdee of hin madaalin. Nyaata qaama keetiif gaarii taʼe addaan baastee beekuudhaan isaaniin qofa nyaadhu.”—Andiruu.

Irra Deebii: Nyaata Madaalamaa Nyaachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

  • Dursii yaadi. Yeroon manaa baatee bakkee turtutti bakkeetii nyaata bittee nyaachuu mannaa, ofii keetiin nyaata qopheeffadhu.

  • Nyaata gaarii nyaadhu. Nyaata madaalamaa hin taane bituu mannaa, waan xinnoo ishii manatti qopheeffadhuutii qabadhuu deemi.

  • Ofiif Ilaalcha madaalamaa qabaadhu. Matumaa namoota kaanii wajjin wal bira qabdee of hin madaalin.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi