LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwwd mataduree 39
  • Qola Boombii Diyaabolikaal Iroonkilaadii

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qola Boombii Diyaabolikaal Iroonkilaadii
  • Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Dandeettii Kallattii Beekuu Boombii Faltii
    Dammaqaa!—2014
Qaamni Kana Tolche Jiraa?
ijwwd mataduree 39
Boombii Diyaabolikaal Iroonkilaadi jedhamu.

Heather Broccard-Bell/iStock via Getty Images

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Qola Boombii Diyaabolikaal Iroonkilaadii

Boombiin diyaabolikaal iroonkilaadi jedhamu lixa Kaaba Ameerikaatti argama. Akka qorattoonni jedhanitti, boombiin kun baʼaa ulfaatina qaamasaatti dachaa 39,000 taʼu baachuu dandaʼa; konkolaataan yoo irra baʼellee hin buruqu. Boombiin kun baʼaa guddaan akkasii irra tuulamee kan hin buruqne maaliifi?

Qolli qaama boombii kanaa kutaa sadii qaba. Kutaawwan kun sadan walirra kan tataaʼan yommuu taʼu waan akka lafee dugdaatiin wal qabatanii jiru. Yommuu wanti ulfaataan qaama boombii kanaarra oolu, wantoota lafee dugdaa fakkaatan kana keessaa inni tokko walitti shuntuuruudhaan qaama boombichaa irraa balaa ittisa. Wantoota lafee dugdaa fakkaatan kana keessaa inni lammaffaan immoo isa jalqabaarra laafaa waan taʼeef dafee bocasaa jijjiira. Inni sadaffaan immoo, qolli boombicha haguugu kallattii garaagaraatti akka sosochoʼu godha. Wantoota lafee dugdaa fakkaataan kana keessaa inni sadaffaan sosochoʼuun isaa qaamni boombichaa walitti shuntuuree qola mukaa ykn baqaqaa dhagaa gidduullee akka seenu godha.

Dabalataanis, iddoon qolawwan boombii kun itti wal qabatan dhooqa kan qabu yommuu taʼu dhooqni kunis boca wal keessa seenee wal qabachuu dandaʼu qaba. Kun immoo baʼaan qaama boombichaarra yommuu oolu ulfaatinni isaa iddoo tokkorra qofa akka hin oolle godha. Dhooqawwan kun tishuuwwan pirootiiniidhaan wal qabatan irraa ijaarama. Yommuu baʼaan gadi isa dhiibu, prootiiniiwwan kun baqaqaa xixinnoo yeroo booda fayyuu dandaʼan kan uuman siʼa taʼu, kunimmoo dhooqawwan sun utuu hin tarsaʼin dhiibbaa sana akka dandamatan godha.

Diyaagraamii boombii Diyaabolikaal Iroonkilaadi jedhamuu. Qolawwan isaa bakka lamatti qoodaman gidduudhaan wantoonni lafee dugdaa fakkaatanii fi qola isa irraa fi isa jalaa wal qabsiisan, akkasumas, dhooqawwan wal keessa gaggalanii fi iddoon isaan itti wal qabatanii jiran ni mulʼatu.

Dhooqawwan wal keessa seenanii wal qabatan

Xiyyi inni diimaan, wanta lafee dugdaa fakkaatuu fi qola boombichaa isa irraa fi isa jalaa wal qabsiisee jiru argisiisa. Xiyyi inni daalachi immoo dhooqawwan wal keessa gaggalanii jiranii fi iddoo isaan itti wal qabatanii jiran argisiisa

Qorattoonni, qolli boombii kanaa diizaayinii konkolaataa, riqichaa fi gamoo dhiibbaa dandamachuu dandaʼu kalaquuf akka isaan gargaaru dubbatu.

Maal sitti fakkaata? Qolli Boombii Diyaabolikaal Iroonkilaadii jijjiirama tirannaatiin argamee? Moo qaamni kana tolche jira?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi