LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbv mataduree 7
  • Baʼuu 20:12—“Abbaa Kee fi Haadha Keef Ulfina Kenni!”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Baʼuu 20:12—“Abbaa Kee fi Haadha Keef Ulfina Kenni!”
  • Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Hiika Baʼuu 20:12
  • Yaada naannoo Baʼuu 20:12⁠tti argamu
  • “Abbaa Kee fi Haadha Keef Ulfina Kenni!”
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • “Abbaa Keetii fi Haadha Keetiif Ulfina Kenni” Jechuun Maal Jechuu Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Haadhaafi Abbaa Keenya Warra Dullooman Kabajuu
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • “Ijoollee! Abboota Keessanii Fi Haadhota Keessaniif Abboomamaa!”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2007
Dabalataan Ilaaluuf
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
ijwbv mataduree 7

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Baʼuu 20:12—“Abbaa Kee fi Haadha Keef Ulfina Kenni!”

“Biyya ani Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa bara dheeraa akka jiraattuuf, abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni!”—Baʼuu 20:12.

Hiika Baʼuu 20:12

Waaqayyo warra isaaniitiif ulfina akka kennan Israaʼelota durii ajajeera. Ajaja kana hordofuun eebba argamsiisu erga waadaa galee booda sababa kan biraa itti ajaja kana hordofuu qaban isaanitti himeera. Kiristiyaanonni Seera Musee jechuunis Seera Waaqayyo Israaʼelotaaf kenne jala kan hin jirre taʼu illee, qajeelfamni Waaqayyoo hin jijjiiramne. Seerri Waaqayyoo dhugaawwan buʼuuraa irratti hundaaʼe amma iyyuu faayidaa kan qaban waan taʼaniif Kiristiyaanonni bakka guddaa kennuuf.—Qolosaayis 3:20.

Ijoolleen xixinnoonis taʼan guguddoon warra isaaniitiif ulfina kennuu fi isaaniif ajajamuu qabu. (Lewwoota 19:3; Fakkeenya 1:8) Ijoolleen guddatanii maatii mataa isaanii yeroo hundeeffatanitti illee, warra isaanii jaallachuu fi gargaaruu isaanii itti fufu. Fakkeenyaaf, warri isaanii dullooman sirriitti kunuunfamaa jiraachuu isaanii mirkaneessu; kun immoo yeroo barbaachisaa taʼutti deggersa qarshii isaaniif gochuus ni dabalata.—Maatewos 15:4-6; 1 Ximotewos 5:4, 8.

Ijoolleen Israaʼelootaa haadha isaanii fi abbaa isaaniitiif ulfina kennuudhaan haadhotiin maatii keessatti gaʼee guddaa akka qaban amananii akka fudhatan akka argisiisan hubadhu. (Fakkeenya 6:20; 19:26) Ijoolleen yeroo harʼaa jiranis akkasumas gochuu qabu.

Ajajni warra ofiitiif ulfina kennuu ilaalchisee kenname garuu daangaa kan qabu ture. Ijoolleen Israaʼelootaa warri isaanii Waaqayyoof akka hin ajajamne kan isaan taasisu yoo taʼe warra isaaniitiif ykn nama kan biraa kamiif iyyuu ajajamuu hin qaban turan. (Keessa Deebii 13:6-8) Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaattis, Kiristiyaanonni “namootaaf ajajamuu irra Waaqayyoof ajajamu.”—Hojii Ergamootaa 5:29.

Waaqayyo Seera Israaʼelootaaf kenne irratti, ijoolleen warra isaaniitiif ulfina kennan biyya Waaqayyo isaaniif kennu keessatti, ‘bara dheeraa akka jiraatanii fi gaarii akka isaaniif taʼu’ waadaa isaaniif galeera. (Keessa Deebii 5:16) Adaba ijoollee maanguddoo seera Waaqayyoo tuffatanii fi warra isaanii irratti hammaatan irra gaʼu irraa baraaramu. (Keessa Deebii 21:18-21) Qajeelfamoonni seerawwan kana duuba jiran yeroo harʼaattis ni fayyadu. (Efesoon 6:1-3) Dargaggootas taʼe maanguddoota, Uumaa keenya duratti itti gaafatamna. Akkuma Waaqayyo waadaa galetti, ijoolleen isaa fi warra isaaniitiif ajajaman bara dheeraa jiraatu. Abdii bara baraaf jiraachuu qabaatu.—1 Ximotewos 4:8; 6:18, 19.

Yaada naannoo Baʼuu 20:12⁠tti argamu

Yaada naannoo ajajni Baʼuu 20:12 kun itti argamu irraa wanta baayʼee baranna. (Baʼuu 20:1-17) Ajajawwan caqasa kan dura jiran Israaʼeloonni Waaqa qofa waaqeffachuu akka qaban ibsu. Ajajawwan itti aananii jiran immoo ajajawwan hiriyaa gaaʼelaa isaaniitiif amanamoo akka taʼanii fi akka hin hanne dubbatan dabalatee wanta isaan namoota hundumaatiif gochuu qaban qabateera. Kanaaf, ajajni “abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni!” jedhu ulaagaalee kana lamaan gidduutti akka ceesisaatti kan ilaalamu ture.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi