LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb18 Guraandhala ful. 4
  • “Abbaa Kee fi Haadha Keef Ulfina Kenni!”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • “Abbaa Kee fi Haadha Keef Ulfina Kenni!”
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Haadhaafi Abbaa Keenya Warra Dullooman Kabajuu
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • “Abbaa Keetii fi Haadha Keetiif Ulfina Kenni” Jechuun Maal Jechuu Dha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Baʼuu 20:12—“Abbaa Kee fi Haadha Keef Ulfina Kenni!”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Kan Ulfinni Isaaf Maluuf Ulfina Kennaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2018
mwb18 Guraandhala ful. 4

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

“Abbaa Kee fi Haadha Keef Ulfina Kenni!”

Yesuus yommuu lafa irra jiraachaa turetti, ajaja “Abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni!” jedhu addeesseera. (Bau 20:12; Mat 15:4) Yesuus yeroo dargaggeessa turetti illee warra isaatiif ‘ajajamuu isaa waan itti fufeef,’ afaan isaa guutee dubbachuu ni dandaʼa ture. (Luq 2:51, milj.) Yommuu nama guddaa turetti immoo, haadha isaatiif kunuunsi akka godhamu qophii godhee ture.—Yoh 19:26, 27.

Bara keenyattis, dargaggoonni warra isaaniitiif ajajamanii fi karaa ulfina qabuun isaanitti dubbatan akka isaan kabajan argisiisu. Ajajni warra keenyaaf ulfina akka kenninu kenname yeroon kan itti hin darbine dha. Warri keenya erga dulloomanii booda illee, ogummaa isaanii irraa fayyadamuudhaan ulfina isaaniif kennuu keenya itti fufuu qabna. (Fak 23:22) Akkasumas karaa miiraas taʼe karaa qarshii wanta isaan barbaachisu isaaniif guutuudhaan warra keenya dulloomaniif ulfina akka kenninu argisiisna. (1Xi 5:8) Dargaggootas taane maanguddoo, warra keenyaa wajjin hariiroo gaarii qabaachuun keenya isaan kabajuuf murteessaa dha.

ANIMEESHINII GABATEE ADII WARRA KOOTTI DUBBACHUU KANAN DANDAʼU AKKAMITTI? JEDHU ILAALAA, ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Warra keetti dubbachuun rakkisaa kan sitti taʼu maaliif taʼuu dandaʼa?

  • Yommuu warra keetti dubbattu isaaniif ulfina kennuu kan dandeessu akkamitti?

    Mucaan tokko warra isaatiif xalayaa yommuu barreessu, warra isaa wajjin yommuu dubbatuu fi warra isaa wajjin kubbaa miillaa yommuu taphatu
  • Warra keetti dubbachuuf carraaqqii gochuun kee kan nama gaabbisiisu kan hin taane maaliifi? (Fak 15:22)

    Warri wanta gara fuulduraatti isa mudatuuf ilmi isaanii akka qophaaʼu yommuu gargaaran

    Warra kee wajjin mariʼachuun jireenyi kee akka milkaaʼu si gargaaruu dandaʼa

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi