LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • hdu mataduree 7
  • Mana Barumsaa Giiliyaad—Addunyaa Maraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mana Barumsaa Giiliyaad—Addunyaa Maraa
  • Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qajeelchitootaaf Manni Barumsaa Akkamii Qophaaʼeera?
    Yeroo Harʼaa Fedha Yihowaa Raawwachaa Kan Jiran Eenyufaʼi?
  • Tajaajiltoota Mootummichaa Leenjisuu
    Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira!
  • Dhugaa Baatonni Yihowaa Hojii Lallabaa Isaaniitiif kan Leenjifaman Akkamitti?
    Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
hdu mataduree 7
Istiifan Leetii inni miseensa Qaama Ol Aanaa taʼe kutaa keessatti bartoota Giiliyaad yommuu barsiisu.

Mana barumsaa Giiliyaad 2017tti geggeeffamaa ture

BUUSIIN GOOTAN FAAYIDAA IRRA OOLAA KAN JIRU AKKAMITTI?

Mana Barumsaa Giiliyaad—Addunyaa Maraa

MUDDEE 1, 2020

Waggaa waggaadhaan tajaajiltoonni yeroo gutuu addunyaa maratti argaman hedduun Mana Barumsaa Kitaaba Qulqulluu Giiliyaad isa Wiirtuu Barumsaa Masaraa Eegumsaa Paatarsan, Niiwu Yoorkitti argamutti akka hirmaatan ni afeeramu.a Mana barumsaa kanatti barattoonni hojii garaa garaa jaarmiyaa Yihowaa keessatti raawwatan irratti akkamitti buʼa qabeeyyi taʼu akka dandaʼan baratu. Leenjiin isaan argatan kun gumiiwwanii fi waajjiroota damee addunyaa maratti argaman akka cimsan isaan gargaara.

Giiliyaad dhuguma mana barumsaa addunyaa maraa ti. Fakkeenyaaf kutaa 147ffaa bara 2019tti godhametti barattoonni biyyoota 29 dhufan 56 hirmaataniiru. Barattoonni mana barumsaa Giiliyaad irratti hirmaatan gosa tajaajilaa yeroo guutuu addaa tokko kan akka miseensota maatii Beetel, daawwattoota ol aanaa aanaa, misiyoonotaa fi qajeelchitoota addaa taʼanii kan tajaajilani dha.

Mana barumsaa kanaaf qophiin kan jalqabamu barumsa jalqabu isaanii yeroo dheeraa dura dha. Fakkeenyaaf Dippaartimentiin Imalaa Addunyaa Maraa (WHQ) warra mana barumsaa kana irratti akka hirmaatan afeeramaniif tikeetii bita. Barattoonni biyya alaa mana barumsaa Giiliyaad kutaa 147ffaa irratti hirmaatan, tokkoon tokkon isaanii Paatarsan gaʼanii deebiʼuuf giddu galaan doolaara Ameerikaa 1,075 barbaachisa. Barattoonni Odola Solomoonii dhufan Paatarsan gaʼuuf siʼa afur deebiʼuuf immoo siʼa sadii Xiyyaara kan qabatan siʼa taʼu, walumaa galatti kiilomeetira 35,400 deemu! Imalli kun barataa tokkoof doolaara Ameerikaa 2,300 isa gaafata. Qarshii qusachuuf kutaan imalaa WHQ kompiitaratti fayyadamee gatii madaalamaadhaan tikeetii argachuuf yaala. Erga tikeetii bitanii booda sagantaan kompiitaraa kun gatiin tikeetii gadi buʼuu isaa torbaniif jiʼaaf illee barbaaduu isaa itti fufa. Kutaan imalaa WHQ tikeetii daandiin Xiyyaaraa tola kennuuttis ni fayyadama.

Barattoonni hedduun Yuunaayitid Isteetis dhufuuf viizaan isaan barbaachisa. Kanaafuu Dippaartimentiin Seeraa Addunyaa Maraa viizaa barattootaa akka argatan isaan gargaara. Viizaa argachuu fi galmaaʼuuf barataa tokkoof gidduu galaan doolaara Ameerikaa 510 barbaachisa.

Leenjii barattoonni kun argatan irraa kan fayyadamnu akkamitti? Hendraa Guunaawaan Kibba Bahaa Eeshiyaatti jaarsa gumii taʼee tajaajila. Hiriyoonni gaaʼelaa mana barumsaa Giiliyaadi eebbifaman Gumii isaa jiru. Akkas jedheera: “Kanaan dura gumiin keenya qajeelchitoota yeroo hundaa hin qabu ture. Erga hiriyoonni gaaʼelaa kun dhufanii booda garuu hinaaffaa fi fedhiin isaan qaban warra kaanitti kan darbee siʼa taʼu, isaanis qajeelchitoota taʼanii tajaajiluu jalqabaniiru. Yeroo booda obboleettiin gumii keenyatti argamtu tokko Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa irratti illee hirmaachuu dandeesseetti.” Sergiyo Paanjaaytaan Beetel isa Kibbaa Bahaa Eeshiyaa jirutti obbolootaa fi obboleettota mana barumsaa Giiliyaadi eebbifamanii wajjin hojjeta. Akkas jedheera: “Leenjiin isaan argatan eebba kan taʼe isaaniif qofa utuu hin taʼin nuufis eebba taʼeera. Isaan wanta hedduu barataniiru! Taʼus warra kaan caalaa barbaachisaa akka taʼan fakkaatanii mulʼachuu mannaa wanta baratan nuuf hiru. Kunis kan nu jajjabeesse siʼa taʼu nutis warra kaan akka jajjabeessinu nu kakaaseera.”

Qarshiin mana barumsaa kanaaf barbaachisu eessaa argama? Buusii hojii addunyaa maraatiif godhamu irraa siʼa taʼu, kunis baayʼeen isaa karaawwan donate.jw.org irratti ibsamaniin godhama. Buusii arjummaadhaan gootanii fi mana barumsaa addunyaa maraa kana deggeruuf isin galateeffanna.

a Barumsi mana barumsaa kanatti kennamu kan qophaaʼuu fi hojii irra oolu Koree Barumsaa Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa jalatti Kutaa Manneen Barumsaa Tiʼookiraasiidhaan. Mana barumsaa kana irratti kan barsiisan barsiisota kutaa kanaa fi miseensota qaama ol aanaa dabalatee barsiisota afeeramanii dha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi